2 Samuel 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti, Daawit tajaajiltoota isaatii fi loltoota Israaʼel hunda wajjin Yooʼaabin erge. Isaanis Amoonota barbadeessanii magaalaa Rabbaa jedhamtu marsan. Daawit garuu Yerusaalemitti hafe.
1 No ano seguinte, na época em que os reis saíam para a guerra, Davi enviou Joab com seus suboficiais e todo o Israel. Eles devastaram a terra dos amonitas e sitiaram Raba. Davi ficara em Jerusalém.
2 Gaaf tokko galgala Daawit siree isaa irraa kaʼee bantii masaraa mootummaa irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Innis bantii gubbaa dhaabatee dubartii dhagna ishee dhiqattu tokko arge. Dubartiin sun baayʼee bareedduu turte;
2 Uma tarde, Davi, levantando-se da cama, passeava pelo terraço de seu palácio. Do alto do terraço avistou uma mulher que se banhava, e que era muito formosa.
3 Daawitis waaʼee ishee beekuuf nama itti erge. Namichi sunis, “Isheen Batisheebaa intala Eliʼaam, niitii Uuriyaa namicha gosa Heet sanaatii mitii?” jedhe.
3 Informando-se Davi a respeito dela, disseram-lhe: É Betsabé, filha de Elião, mulher de Urias, o hiteu.
4 Daawitis nama itti ergee ishee fichisiise. Isheenis gara isaa dhufte; innis ishee wajjin ciise. Isheen xuraaʼummaa ishee irraa qulqullooftee turte. Ergasii gara mana isheetti deebite.
4 Então Davi mandou mensageiros que lha trouxessem. Ela veio e Davi dormiu com ela. Ora, a mulher, depois de purificar-se de sua imundície menstrual, voltou para a sua casa,
5 Dubartiin sun ulfooftee, “Ani ulfaaʼeera” jettee Daawititti ergaa ergite.
5 e vendo que concebera, mandou dizer a Davi: Estou grávida.
6 Kanaafuu Daawit, “Uuriyaa namicha gosa Heet sana naa ergi” jedhee Yooʼaabitti dhaamsa erge. Yooʼaabis gara Daawititti isa erge.
6 Então Davi enviou uma mensagem a Joab, dizendo-lhe: Manda-me Urias, o hiteu. Joab assim fez.
7 Daawitis yommuu Uuriyaan gara isaa dhufetti waaʼee Yooʼaab, waaʼee loltootaatii fi haala waraanni keessa jiru isa gaafate.
7 Quando Urias chegou, Davi pediu-lhe notícias de Joab, do exército e da guerra.
8 Ergasii immoo Daawit Uuriyaan, “Gara mana keetiitti gad buʼiitii miilla kee dhiqadhu” jedhe. Kanaafuu Uuriyaan masaraa mootiitii baʼee deeme; kennaan mootichaas isa faana ergame.
8 E em seguida disse-lhe: Desce à tua casa, e lava os teus pés. Urias saiu do palácio do rei, e este mandou que o seguissem com um presente seu.
9 Uuriyaan garuu tajaajiltoota gooftaa isaa hunda wajjin karra masaraa mootii dura ciise malee gara mana ofii isaatti gad hin buune.
9 Mas Urias não desceu à sua casa; dormiu à porta do palácio com os demais servos de seu amo.
10 Daawitis yommuu akka Uuriyaan gara mana isaa hin deemin itti himametti, “Ati reefuu karaadhaa dhufte mitii? Maaliif gara mana keetii hin deemne?” jedhee isa gaafate.
10 Comunicaram-no a Davi: Urias não foi à sua casa. O rei então lhe disse: Não voltaste porventura de uma viagem? Por que não vais à tua casa?
11 Uuriyaan immoo Daawitiin, “Taabonnii fi Israaʼel, Yihuudaanis dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yooʼaabii fi namoonni gooftaa koo dirree irra bulu. Egaa ani akkamitti nyaachuu fi dhuguuf, niitii koo wajjinis rafuuf jedhee gara mana koo deema? Duʼa kee ti; ani waan akkasii hin godhu!”
11 A arca, respondeu Urias, se aloja debaixo de uma tenda, assim como Israel e Judá. Joab, meu chefe, e seus suboficiais acampam ao relento, e teria eu ainda a coragem de entrar em minha casa para comer, beber e dormir com minha mulher? Pela tua vida, não farei tal coisa.
12 Daawit, “Ati harʼas as buliitii ani bor sin geggeessaa” jedheen. Kanaafuu Uuriyaan gaafa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ture.
12 Davi disse-lhe: Fica ainda hoje aqui; amanhã te despedirei. E Urias permaneceu em Jerusalém naquele dia. No dia seguinte,
13 Daawitis isa affeere; innis fuula isaa duratti nyaatee dhuge; Daawitis isa macheesse. Uuriyaan garuu halkan sana afata isaa irra tajaajiltoota gooftaa isaa gidduu ciisuuf gad baʼe malee gara mana ofii isaa hin deemne.
13 Davi o convidou, fê-lo comer e beber em sua presença, e embriagou-o. Mas à noite, Urias não desceu à sua casa; saiu e deitou-se com os demais servos de seu senhor.
14 Daawitis lafti bariinaan xalayaa barreessee harkuma Uuriyaatiin Yooʼaabitti erge.
14 Na manhã seguinte Davi escreve uma carta a Joab, enviando-a por Urias.
15 Xalayicha keessattis, “Iddoo waraanni itti cimetti Uuriyaa ramadi. Akka inni achitti dhaʼamee duʼuufis isa dhiisaa duubatti deebiʼaa” jedhee barreesse.
15 Dizia na carta: Coloca Urias na frente, onde o combate for mais renhido, e desamparai-o para que ele seja ferido e morra.
16 Kanaafuu Yooʼaab utuu magaalattii marsaa jiruu iddoo akka loltoonni ciccimoon jiran beeketti Uuriyaa ramade.
16 Joab, que sitiava a cidade, pôs Urias no lugar onde sabia que estavam os mais valorosos guerreiros.
17 Yommuu namoonni magaalaa sanaa itti gad baʼanii Yooʼaabin lolanitti, loltoota Daawit keessaa namoonni tokko tokko duʼan; Uuriyaan namichi gosa Heet sunis ni ajjeefame.
17 Saíram os assediados contra Joab, e tombaram alguns dos homens de Davi: morreu também Urias, o hiteu.
18 Yooʼaabis guutummaa oduu waaʼee lola sanaa Daawitiif erge.
18 Joab mandou informar Davi de todas as peripécias do combate,
19 Akkana jedhees ergamaa sana ajaje; “Yommuu ati waaʼee waraana kanaa mootichatti himtee fixxutti,
19 ordenando ao mensageiro: Quando tiveres contado ao rei todos os pormenores do combate,
20 aariin mootichaa ni bobaʼa; innis akkana jedhee si gaafachuu dandaʼa; ‘Isin maaliif loluuf akkas magaalaa sanatti dhiʼaattan? Isin akka isaan dallaa irraa xiyya isinitti darbatan hin beeknee?
20 se ele se indignar e te disser: Por que vos aproximastes da cidade para lutar? Não sabeis que atiram projéteis do alto da muralha?
21 Eenyutu Abiimelek ilma Yirubesheet sana ajjeese? Dubartiin tokko dallaa irraa majii dhagaa daakuu itti gad dhiiftee Tebeesitti isa hin ajjeefnee? Isin maaliif akkas dallaa sanatti dhiʼaattan?’ Yoo inni waan kana si gaafate, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi gosa Heet sunis duʼeera’ jedhii itti himi.”
21 Quem matou Abimelec, filho de Jerobaal? Não foi uma mulher quem lhe atirou uma pedra de moinho de cima do muro, morrendo ele em Tebes? Por que vos aproximastes dos muros? - dirás então: Morreu também o teu servo Urias, o hiteu.
22 Ergamaan sunis kaʼee deemee yommuu achi gaʼetti waan Yooʼaab akka inni itti himu isa ajaje hunda Daawititti hime.
22 Partiu, pois, o mensageiro e foi ter com o rei em Jerusalém; logo que chegou, contou-lhe tudo o que Joab lhe tinha mandado.
23 Ergamaan sun Daawitiin akkana jedhe; “Namoonni nutti jabaatanii dirreetti gad nutti baʼan; nus ariinee gara karra magaalattiitti isaan deebifne.
23 Disse ele: Os inimigos, levando vantagem sobre nós, saíram contra nós em pleno campo, mas nós os fizemos recuar até a porta da cidade.
24 Ergasiis warri xiyya darbatan dallaa irraa tajaajiltoota keetti darbatan; namoonni mootii tokko tokkos ni duʼan. Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi Heet sunis ni duʼe.”
24 Então, do alto da muralha, os arqueiros atiraram sobre os teus servos, e morreram dezoito dos servos do rei; morreu também o servo Urias, o hiteu.
25 Daawitis ergamaa sanaan, “Egaa akkana jedhii Yooʼaabitti himi; ‘Wanni kun abdii si hin kutachiisin; goraadeen yeroo tokko isa tokko, yeroo kaan immoo kan biraa nyaata. Cimsii magaalattii dhaʼiitii balleessi.’ Waan kanas Yooʼaabin jajjabeessuuf jedhi” jedhe.
25 O rei respondeu ao mensageiro: Dize a Joab que não se aflija por causa disso, pois a espada devasta ora aqui, ora ali. Mas que ele prossiga vigorosamente a sua luta contra a cidade, até destruí-la. Quanto a ti, encoraja-o.
26 Niitiin Uuriyaa yommuu akka dhirsi ishee duʼe dhageessetti ni boosseef.
26 Ao saber da morte de seu marido, a mulher de Urias chorou-o.
27 Erga yeroon booʼichaa darbee booddee Daawit mana ofii isaatti ishee fudhate; isheenis niitii isaa taatee ilma deesseef. Garuu wanni Daawit hojjete sun Waaqayyo hin gammachiisne.
27 Passado o luto, Davi mandou buscá-la e recolheu-a em sua casa. Ela se tornou sua mulher e lhe deu um filho. Mas o procedimento de Davi desagradara ao Senhor.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.