2 Reis 6
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Ilmaan raajotaa sun Elsaaʼiin akkana jedhan; “Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera.
1 Os discípulos dos profetas disseram a Eliseu: — Eis que o lugar em que moramos com você é pequeno demais para nós.
2 Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami.”
2 Vamos até o Jordão, tomemos de lá cada um de nós uma viga e construamos um lugar para morar. Ele respondeu: — Vão.
3 Isaan keessaa namni tokko, “Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?” jedhee gaafate.
3 Mas um deles disse: — Tenha a bondade de ir com estes seus servos. Eliseu disse: — Eu irei.
4 Innis isaan wajjin deeme.
4 E foi com eles. Quando chegaram ao Jordão, cortaram madeira.
5 Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!” jedhee iyye.
5 Aconteceu que, enquanto um deles derrubava um tronco, o machado caiu na água. Ele gritou: — Ai! Meu senhor! O machado era emprestado.
6 Namni Waaqaa sunis “Qottoon eessa buʼe?” jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Elsaaʼi muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe.
6 O homem de Deus perguntou: — Onde caiu? Ele mostrou-lhe o lugar. Então Eliseu cortou um galho, jogou-o na água naquele lugar, e fez o ferro flutuar.
7 Innis, “Ol fudhadhu” jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate.
7 Então disse: — Pegue-o. O homem estendeu a mão e o pegou.
8 Yeroo sanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin wal lolaa ture. Innis erga ajajjoota loltoota isaatiin mariʼatee booddee, “Ani lafa akkasiitii fi lafa akkasii keessa qubata koo nan dhaabbadha” jedhe.
8 O rei da Síria estava em guerra contra Israel. E, em conselho com os seus oficiais, disse: — Em tal e tal lugar estará o meu acampamento.
9 Namni Waaqaa sunis, “Sababii namoonni Sooriyaa achitti gad buʼaa jiraniif ati akka karaa sanaan hin dabarre of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti ergaa erge.
9 Mas o homem de Deus mandou dizer ao rei de Israel: — Evite passar por tal lugar, porque os sírios estão descendo para ali.
10 Kanaafuu mootiin Israaʼel gara iddoo namni Waaqaa sun waaʼee isaa dubbate sanaatti nama ergee ni toʼate. Elsaaʼis akka mootichi iddoowwan akkasii irraa of eeggatu ammumaa amma isa akeekkachiise.
10 O rei de Israel enviou tropas ao lugar de que o homem de Deus lhe havia falado e de que o tinha avisado, e, assim, se salvou mais do que uma ou duas vezes.
11 Wanni kun akka malee mootii Sooriyaa aarse. Innis ajajjoota loltoota isaa walitti waamee, “Isin amma nama nu keessaa mootii Israaʼeliif hojjechaa jiru natti hin himtanii?” jedhee gaafate.
11 O rei da Síria ficou angustiado com este incidente. Então chamou os seus servos e perguntou: — Vocês não vão me dizer quem dos nossos está do lado do rei de Israel?
12 Ajajjoota sana keessaa namni tokko akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mooticha, nu keessaa namni akkasii hin jiru; garuu Elsaaʼi raajicha Israaʼel keessa jiru sanatu dubbii ati diinqa kee keessatti dubbattu hunda mootii Israaʼelitti hima.”
12 Um dos servos respondeu: — Ninguém, ó rei, meu senhor. Mas o profeta Eliseu, que está em Israel, conta ao rei de Israel as palavras que o senhor fala no seu quarto de dormir.
13 Mootichi Sooriyaas, “Akka ani nama itti ergee isa qabsiisuu dandaʼuuf dhaqaatii lafa inni jiru ilaalaa” jedhee ajaje. Oduun, “Inni Dootaan keessa jira” jedhu tokkos isatti himame.
13 Então o rei disse: — Vão e descubram onde ele está, para que eu mande prendê-lo. E contaram ao rei: — Eis que ele está em Dotã.
14 Innis ergasii fardeen, gaariiwwanii fi waraana jabaa achitti ni erge. Isaanis halkaniin dhaqanii magaalaa sana marsan.
14 Então o rei enviou para lá cavalos, carros de guerra e um grande exército. Eles chegaram de noite e cercaram a cidade.
15 Yommuu tajaajilaan nama Waaqaa sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?” jedhee gaafate.
15 O servo do homem de Deus levantou-se bem cedo e, ao sair, eis que tropas, cavalos e carros de guerra haviam cercado a cidade. Então o moço disse a Eliseu: — Ai, meu senhor! Que faremos?
16 Raajiin sun immoo, “Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii” jedhee deebise.
16 Ele respondeu: — Não tenha medo, porque são mais os que estão conosco do que os que estão com eles.
17 Elsaaʼis, “Yaa Waaqayyo, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif” jedhee kadhate. Waaqayyos ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.
17 E Eliseu orou e disse: — O
18 Diinni sun gara isaatti gad buunaan Elsaaʼi, “Jara kana jaamsi” jedhee Waaqayyoon kadhate. Kanaafuu Waaqni akkuma Elsaaʼi isa kadhate sana isaan jaamse.
18 E, quando os sírios desceram contra ele, Eliseu orou ao Senhor e disse: — Peço-te que firas esta gente de cegueira. E ele os feriu de cegueira, conforme a palavra de Eliseu.
19 Elsaaʼis, “Karaan sun kana miti; magaalaan sunis kana miti. Amma na duukaa buʼaa; anis nama isin barbaaddanitti isinan geessa” jedheen. Innis akkasiin Samaariyaatti isaan ni geesse.
19 Então Eliseu lhes disse: — Não é este o caminho, nem esta a cidade; sigam-me, e eu os guiarei ao homem que vocês estão procurando. E os guiou à cidade de Samaria.
20 Erga isaan magaalaa sana seenanii booddee Elsaaʼi, “Yaa Waaqayyo akka isaan arguu dandaʼaniif ija jara kanaa baniif” jedhe. Waaqayyos ija isaanii ni baneef; isaanis akka Samaariyaa keessa jiran ni argan.
20 Quando eles chegaram a Samaria, Eliseu disse: — Ó E o
21 Mootiin Israaʼelis isaan arginaan, “Yaa abbaa ko, ani isaan fixuu? Ani isaan fixuu?” jedhee Elsaaʼin ni gaafate.
21 Quando o rei de Israel os viu, perguntou a Eliseu: — Meu pai, devo matá-los? Devo matá-los?
22 Innis akkana jedhee deebise; “Isaan hin fixin; ati namoota boojite goraadee keetiin yookaan xiyya keetiin ni ajjeeftaa? Akka isaan nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti deebiʼaniif nyaataa fi dhugaatii dhiʼeessiif.”
22 Ele respondeu: — Não os mate! Você mataria aqueles que fizesse prisioneiros com a sua espada e o seu arco? Ordena que lhes deem pão e água, para que comam, bebam e voltem para o seu senhor.
23 Kanaafuu inni cidha guddaa qopheesseefii erga isaan nyaatanii dhuganii booddee of irraa isaan geggeesse; isaanis gara gooftaa isaaniitti deebiʼan. Namoonni Sooriyaas ergasii deebiʼanii biyya Israaʼel hin weerarre.
23 Então o rei ofereceu-lhes um grande banquete, e comeram e beberam. Ele os despediu e eles voltaram para o seu senhor. E da parte da Síria não houve mais investidas na terra de Israel.
24 Yeroo gabaabaa booddee, Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota isaa hunda walitti qabatee dhaqee Samaariyaa marse.
24 Depois disto, Ben-Hadade, rei da Síria, ajuntou todo o seu exército, foi e sitiou a cidade de Samaria.
25 Beela akka malee hamaatu magaalaa sana keessa ture; waan magaalaan sun yeroo dheeraadhaaf marfamteef, mataan harree tokko meetii saqilii saddeettamatti, udaan gugee kiiloon tokko harka afur keessaa harki tokko meetii saqilii shanitti gurgurame.
25 Houve grande fome em Samaria. Eis que a sitiaram, a ponto de se vender a cabeça de um jumento por oitenta moedas de prata e um pouco de esterco de pomba por cinco moedas de prata.
26 Utuu mootiin Israaʼel dallaa dhagaa irraan darbuu dubartiin tokko, “Yaa gooftaa koo mooticha, na gargaari” jettee itti iyyite.
26 Quando o rei de Israel vinha passando, andando sobre a muralha, uma mulher gritou: — Ajude-me, ó rei, meu senhor!
27 Mootichi immoo akkana jedhee deebiseef; “Yoo Waaqayyo si hin gargaarin ani eessaan gargaarsa siif arga? Oobdii midhaanii irraa moo? Iddoo wayinii itti cuunfan irraa?”
27 Ele respondeu: Se o
28 Ergasii, “Rakkoon kee maal?” jedhee ishee gaafate.
28 E o rei acrescentou: — Qual é o seu problema? Ela respondeu: — Esta mulher me disse: “Dê o seu filho, para que hoje o comamos, e amanhã comeremos o meu.”
29 Kanaaf nu mucaa koo bilcheeffannee nyaanne. Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Akka nu isa nyaannuuf mucaa kee nuuf kenni’ jedheen. Isheen garuu mucaa ishee ni dhokfatte.”
29 Assim, cozinhamos o meu filho e o comemos. Mas no outro dia, quando eu disse a ela: “Dê o seu filho, para que o comamos”, ela o escondeu.
30 Mootichi yommuu dubbii dubartii sanaa dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. Utuu inni dallaa dhagaa irraan darbaa jiruu namoonni akka inni dhagna isaatti aansee wayyaa gaddaa uffatee jiru argan.
30 Ao ouvir as palavras da mulher, o rei rasgou as suas roupas. Como ele estava andando sobre a muralha, o povo olhou e viu que, por baixo, sobre a pele, o rei estava usando pano de saco.
31 Innis, “Yoo mataan Elsaaʼi ilma Shaafaax, edana isa irra bule, Waaqni na haa adabu; adabbiin sunis akka malee natti haa cimuu!” jedhe.
31 Então o rei disse: — Que Deus me castigue se até o final do dia Eliseu, filho de Safate, ainda estiver com a cabeça sobre os ombros.
32 Yeroo kanatti Elsaaʼi mana isaa keessa taaʼaa ture; maanguddoonnis isa wajjin tataaʼaa turan. Mootichi ergamaa tokko of dura erge; garuu utuu ergamaan sun hin dhufinuu Elsaaʼi maanguddootaan akkana jedhe; “Isin akka namichi nama ajjeesu kun mataa narraa kutuuf nama erge argituu? Kunoo yoo ergamaan sun dhufe balbala cufaatii ol seenuu dhowwaa. Kotteen gooftaa isaa isa duubaan dhagaʼamaa jira mitii?”
32 Eliseu estava sentado em sua casa, juntamente com os anciãos. O rei enviou um homem à sua frente. Mas, antes que o mensageiro chegasse, Eliseu disse aos anciãos: — Vocês estão vendo como aquele filho de um assassino mandou alguém para cortar a minha cabeça? Quando o mensageiro vier, fechem a porta e empurrem-no com ela. Não é fato que logo depois dele se ouvirá o barulho dos passos de seu senhor?
33 Utuma inni amma iyyuu isaan wajjin haasaʼaa jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe.
33 Enquanto Eliseu ainda falava com eles, chegou o rei, que disse: — Eis que este mal vem do
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.