2 Reis 3
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Yehooraam ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche.
1 Jorão, filho de Acabe, começou a reinar sobre Israel, em Samaria, no décimo oitavo ano do reinado de Josafá, rei de Judá; e reinou doze anos.
2 Yehooraam fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; garuu akka abbaa fi haati isaa hojjetan sana miti. Inni siidaa Baʼaal kan abbaan isaa hojjechiise sana balleesseeraatii.
2 Fez o que era mau aos olhos do Senhor , porém não como o seu pai, nem como a sua mãe, porque tirou a coluna de Baal, que o seu pai havia feito.
3 Taʼus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni saba Israaʼel hojjechiise sana cimsee qabate malee irraa hin deebine.
3 No entanto, aderiu aos pecados de Jeroboão, filho de Nebate, que havia levado Israel a pecar, e não se afastou deles.
4 Yeroo kanatti Meeshaan mootichi Moʼaab hoolota horsiisa ture; inni waggaa waggaatti xobbaallaa hoolaa kuma dhibba tokkoo fi rifeensa korbeeyyii hoolaa kuma dhibba tokko mootii Israaʼeliif gibira kenna ture.
4 Mesa, rei dos moabitas, era criador de gado e pagava o seu tributo ao rei de Israel com cem mil cordeiros e a lã de cem mil carneiros.
5 Erga Ahaab duʼee garuu mootichi Moʼaab mootii Israaʼelitti ni fincile.
5 Mas depois da morte de Acabe, o rei dos moabitas se revoltou contra o rei de Israel.
6 Kanaafuu yeroo sanatti Yehooraam mootichi Samaariyaadhaa kaʼee saba Israaʼel hunda duulaaf hiriirse.
6 Por isso, naquele instante Jorão saiu de Samaria e reuniu todo o exército de Israel.
7 Innis, “Mootiin Moʼaab natti fincileera; Moʼaabin loluudhaaf ati na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatti ergaa ergate.
7 Mandou dizer a Josafá, rei de Judá: — O rei de Moabe se revoltou contra mim. Você irá comigo à guerra contra Moabe? Josafá respondeu: — Irei. Sou como você é, o meu povo é como o seu povo, e os meus cavalos são como os seus cavalos.
8 Innis, “Karaa kamiin yaana?” jedhee gaafate.
8 E Josafá perguntou: — Por que caminho iremos? Jorão respondeu: — Pelo caminho do deserto de Edom.
9 Kanaafuu mootiin Israaʼel mootii Yihuudaatii fi mootii Edoom wajjin kaʼee qajeele. Erga guyyaa torba irra nanaannaʼanii booddee loltoonni sun ofii isaaniitiif yookaan horii isaaniitiif bishaan tokko illee hin qaban ture.
9 Partiram o rei de Israel, o rei de Judá e o rei de Edom. Após sete dias de marcha, não havia água para o exército e para os animais que os seguiam.
10 Kana irratti mootiin Israaʼel, “Wayyoo kaa! Waaqayyo nu mootota sadanuu dabarsee mootii Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waamee?” jedhee iyye.
10 Então o rei de Israel disse: — Ah! O
11 Yehooshaafaax garuu, “Raajiin Waaqayyoo kan nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafannu tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
11 Josafá perguntou: — Não há, aqui, algum profeta do Um dos servos do rei de Israel respondeu: — Aqui está Eliseu, filho de Safate, que era servo de Elias.
12 Yehooshaafaaxis, “Dubbiin Waaqayyoo isa bira jira” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel, Yehooshaafaaxii fi mootiin Edoom gara Elsaaʼitti gad buʼan.
12 Josafá disse: — Está com ele a palavra do Então o rei de Israel, Josafá e o rei de Edom foram falar com Eliseu.
13 Elsaaʼi mootii Israaʼeliin, “Nu maal wal irraa qabna? Ati gara raajota abbaa keetiitii fi gara raajota haadha keetii dhaqi” jedhe.
13 Mas Eliseu disse ao rei de Israel: — Que tenho eu a ver com você? Vá falar com os profetas de seu pai e os profetas de sua mãe. Porém o rei de Israel lhe disse: — Não, porque o
14 Elsaaʼi immoo akkana jedhee deebise; “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa; ani utuu Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatiif ulfina kennuu baadhee silaa garagalee si hin ilaalu yookaan wayittuu si hin hedun ture.
14 Eliseu disse: — Tão certo como vive o
15 Amma garuu nama baganaa taphatu tokko naa fidaa.”
15 Agora me tragam um músico. Enquanto o músico tocava, o poder de Deus veio sobre Eliseu.
16 innis akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: Sulula kana keessatti boolla hedduu qotaa.
16 Este disse: — Assim diz o
17 Waaqayyo akkana jedhaatii: Isin bubbee yookaan bokkaa hin argitan; taʼus sululli kun bishaaniin guutama; isin, loon keessanii fi horiin keessan kaan ni dhugdu.
17 Porque assim diz o Senhor : Vocês não sentirão vento, nem verão chuva, mas este vale se encherá de água; e vocês beberão, bem como o seu gado e os seus animais.”
18 Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti waan salphaa dha; inni Moʼaabinis dabarsee harka keessanitti ni kenna.
18 Mas isto ainda é pouco aos olhos do Senhor . Ele também entregará Moabe nas suas mãos.
19 Isin magaalaa dallaan itti ijaarame hundaa fi magaalaawwan hunda ni moʼattu. Muka gaarii hunda ni murtu; burqaa hunda gogsitanii lafa qotiisaa gaarii hunda dhagaan balleessitu.”
19 Vocês conquistarão todas as cidades fortificadas e todas as cidades principais. Cortarão todas as árvores frutíferas, taparão todas as fontes de água e danificarão com pedras todos os campos de cultivo.
20 Guyyaa itti aanu ganama gara saʼaatii aarsaan itti dhiʼeeffamuutti kunoo karaa Edoomiin bishaan gad ni dhangalaʼe! Biyyi sunis bishaaniin guutamte.
20 E aconteceu que, no dia seguinte, na hora do sacrifício da manhã, eis que água vinha descendo dos lados de Edom; e a terra se encheu de água.
21 Yeroo kanatti Moʼaabonni hundi akka mootonni sun isaan loluu dhufan dhagaʼan; kanaafuu dargaggeessas taʼu jaarsi miʼa lolaa baachuu dandaʼu hundi walitti waamamee daangaa irratti walitti qabame.
21 Quando todos os moabitas ouviram que os reis tinham vindo para lutar contra eles, convocaram todos os que estavam aptos para a guerra, desde o mais novo até o mais velho, e tomaram posição nas fronteiras.
22 Yommuu isaan ganama barii kaʼanitti biiftuun bishaan sana irratti baʼaa turte. Bishaan sunis Moʼaabota gama jiranitti akkuma dhiigaa diimatee mulʼate.
22 Os moabitas se levantaram de madrugada e, quando o sol raiou sobre as águas, viram que as águas diante deles estavam vermelhas como sangue.
23 Isaanis, “Wanni sun dhiiga! Mootonni sun wal lolanii wal fixuun isaanii hin oolu. Kanaafuu yaa Moʼaab boojuudhaaf kaʼi!” jedhan.
23 E disseram: — Isto é sangue! Certamente os reis se destruíram e se mataram um ao outro! Agora, moabitas, é hora de pegar os despojos!
24 Garuu yeroo Moʼaabonni qubata Israaʼel gaʼanitti, Israaʼeloonni itti kaʼanii lolan; jarri sunis ni baqatan. Israaʼeloonnis biyya sana weeraranii Moʼaabota gogorraʼan.
24 Mas, quando eles chegaram ao arraial de Israel, os israelitas se levantaram e atacaram os moabitas, os quais fugiram deles. Os israelitas entraram na terra e também aí mataram os moabitas.
25 Isaanis akkasiin magaalaawwan balleessan; tokkoon tokkoon namaas lafa qotiisaa gaggaarii hunda irratti dhagaa darbatee lafti qotiisaa sun dhagaadhaan guutame. Isaan burqaawwan hunda gogsanii muka gaggaarii hunda ciran. Qiir Hareesheti qofatu dhagaa ishee wajjin hafe; taʼus namoonni furrisaa qaban marsanii ishee dhaʼan.
25 Arrasaram as cidades, e cada um lançou uma pedra em todos os campos de cultivo, e os entulharam. Taparam todas as fontes de águas e cortaram todas as árvores frutíferas. Só Quir-Haresete ficou com suas muralhas; mas os que atiravam com fundas a cercaram e atacaram.
26 Mootiin Moʼaab yommuu akka lolli isatti jabaate argetti mooticha Edoomitti cabsee seenuuf namoota goraadee hidhatan dhibba torba fudhatee qajeele; jarri garuu hin dandeenye.
26 Quando o rei de Moabe percebeu que estava perdendo a batalha, tomou consigo setecentos homens armados com espada para abrir caminho e chegar até o rei de Edom, porém não puderam.
27 Innis ilma isaa hangafa kan iddoo isaa buʼee mootii taʼuuf jiru fudhatee dallaa magaalaa sanaa irratti aarsaa gubamu godhee dhiʼeesse. Dheekkamsi guddaanis Israaʼelitti dhufe. Isaanis dugda duubatti deebiʼanii biyya isaaniitti ni galan.
27 Então pegou o seu filho primogênito, que havia de reinar em seu lugar, e o ofereceu em holocausto sobre a muralha. Houve grande ira contra Israel e, por isso, eles se retiraram dali e voltaram para a sua própria terra.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.