2 Reis 25
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Kanaafuu bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti, Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule. Innis magaalattiin ala qubatee naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marse.
1 Então, no nono ano do reinado de Zedequias, no décimo dia do décimo mês, Nabucodonosor, rei da Babilônia, marchou contra Jerusalém com todo o seu exército. Ele acampou em frente da cidade e construiu rampas de ataque ao redor dela.
2 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte.
2 A cidade foi mantida sob cerco até o décimo primeiro ano do reinado de Zedequias.
3 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe.
3 No nono dia do quarto mês, a fome na cidade havia se tornado tão severa que não havia nada para o povo comer.
4 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan;
4 Então o muro da cidade foi rompido, e todos os soldados fugiram de noite pela porta entre os dois muros próximos ao jardim do rei, embora os babilônios estivessem em torno da cidade. Fugiram na direção da Arabá,
5 loltoonni Baabilon garuu mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban. Loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan;
5 mas o exército babilônio perseguiu o rei e o alcançou nas planícies de Jericó. Todos os seus soldados o abandonaram,
6 innis ni qabame.
6 e ele foi capturado. Foi levado até o rei da Babilônia, em Ribla, onde pronunciaram a sentença contra ele.
7 Isaanis ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa fixan; isaanis ija isaa keessaa baasanii foncaa naasiitiin hidhanii Baabilonitti isa geessan.
7 Executaram os filhos de Zedequias na sua frente; depois furaram seus olhos, prenderam-no com algemas de bronze e o levaram para a Babilônia.
8 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii torbaffaa jiʼa shanaffaatti, Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa, qondaalli mootii Baabilon sun gara Yerusaalem dhufe.
8 No sétimo dia do quinto mês do décimo nono ano do reinado de Nabucodonosor, rei da Babilônia, Nebuzaradã, comandante da guarda imperial, conselheiro do rei da Babilônia, foi a Jerusalém.
9 Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise. Manneen gurguddaa hundas ni gube.
9 Incendiou o templo do Senhor, o palácio real, todas as casas de Jerusalém e todos os edifícios importantes.
10 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan diigan.
10 Todo o exército babilônio, que acompanhava Nebuzaradã derrubou os muros de Jerusalém.
11 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota magaalaa keessatti hafanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate.
11 E ele levou para o exílio o povo que sobrou na cidade, os que passaram para o lado do rei da Babilônia e o restante da população.
12 Ajajaan sun garuu hiyyeeyyii biyyattii keessaa gariin akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise.
12 Mas alguns dos mais pobres do país o comandante deixou para trás, para trabalharem nas vinhas e nos campos.
13 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana immoo Baabilonitti geessan.
13 Os babilônios destruíram as colunas de bronze, os suportes e o tanque de bronze que estavam no templo do Senhor, e levaram o bronze para a Babilônia.
14 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan.
14 Também levaram as panelas, as pás, os cortadores de pavio, as vasilhas e todos os utensílios de bronze utilizados no serviço do templo.
15 Ajajaan eegumsaa sunis girgiraawwanii fi waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan kanneen hundi isaanii warqee qulqulluu irraa yookaan meetii irraa hojjetaman fudhatee deeme.
15 O comandante da guarda imperial levou os incensários e as bacias de aspersão, tudo o que era feito de ouro puro ou prata.
16 Ulfinni naasii kan Solomoon ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan.
16 As duas colunas, o tanque e os suportes, que Salomão fizera para o templo do Senhor, eram mais do que podia ser pesado.
17 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheerata ture. Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma sadii ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis sibiila isaa kan wal keessa loofamee tolfame wajjin kanuma fakkaata ture.
17 Cada coluna tinha oito metros e dez centímetros de altura. O capitel de bronze no alto de cada coluna tinha um metro e trinta e cinco centímetros de altura e era decorado com uma fileira de romãs de bronze ao redor.
18 Ajajaan eegumsaa sun, Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme.
18 O comandante da guarda levou como prisioneiros o sumo sacerdote, Seraías, Sofonias, o segundo sacerdote, e os três guardas da porta.
19 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii shan fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota isaa kanneen magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate.
19 Dos que ainda estavam na cidade, ele levou o oficial responsável pelos homens de combate e cinco conselheiros reais. Também levou o secretário, principal líder responsável pelo alistamento militar no país e sessenta homens do povo.
20 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse.
20 O comandante Nebuzaradã levou a todos ao rei da Babilônia, em Ribla.
21 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe.
21 Lá, em Ribla, na terra de Hamate, o rei mandou executá-los. Assim Judá foi para o exílio, para longe de sua terra.
22 Nebukadnezar mootichi Baabilon akka inni namoota Yihuudaatti hambise sana bulchuuf Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ilma Shaafaan sana muude.
22 Nabucodonosor, rei da Babilônia, nomeou Gedalias, filho de Aicam e neto de Safã, como governador do povo que havia sido deixado em Judá.
23 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaasin bulchaa kutaa biyyaa godhee muude dhagaʼanitti Gedaaliyaas bira Miisphaa dhufan; isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaan ilma Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti namicha Netoof sanaa, Yaazaniyaa ilma namicha Maʼakaatii fi namoota isaanii turan.
23 Quando Ismael, filho de Netanias, Joanã, filho de Careá, Seraías, filho do netofatita Tanumete, e Jazanias, filho de um maacatita, todos os líderes do exército, souberam que o rei da Babilônia havia nomeado Gedalias como governador, eles e seus soldados foram falar com Gedalias em Mispá.
24 Gedaaliyaasis, “Qondaaltota Baabilon hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii” jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate.
24 Gedalias fez um juramento a esses líderes e a seus soldados, dizendo: "Não tenham medo dos oficiais babilônios. Estabeleçam-se nesta terra e sirvam o rei da Babilônia, e tudo lhes irá bem".
25 Garuu jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalate sun namoota kudhan wajjin dhufee Gedaaliyaas, namoota Yihuudaatii fi namoota Baabilon kanneen isa wajjin Miisphaa turan fixe.
25 Mas no sétimo mês, Ismael, filho de Netanias e neto de Elisama, que tinha sangue real, foi com dez homens e assassinou Gedalias e os judeus e os babilônios que estavam com ele em Mispá.
26 Kana irratti namni hundi xinnaa fi guddaan, Baabilonota sodaatee ajajjoota waraanaa wajjin gara Gibxitti baqate.
26 Então todo o povo, desde as crianças até os velhos, juntamente com os líderes do exército, fugiram para o Egito, com medo dos babilônios.
27 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii torbaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mootii Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiise.
27 No trigésimo sétimo ano do exílio de Joaquim, rei de Judá, no ano em que Evil-Merodaque se tornou rei da Babilônia, ele tirou Joaquim da prisão, no dia vinte e sete do décimo segundo mês.
28 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef.
28 Ele lhe tratou com bondade e deu-lhe o lugar mais honrado entre os outros reis que estavam com ele na Babilônia.
29 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate.
29 Assim, Joaquim deixou suas vestes de prisão e pelo resto de sua vida comeu à mesa do rei.
30 Mootichis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.
30 E diariamente, enquanto viveu, Joaquim recebeu uma pensão do rei.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 25, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.