2 Reis 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya sana ni weerare; Yehooyaaqiimis waggaa sadii isaaf garboome. Ergasii garuu yaada geeddaratee Nebukadnezaritti fincile.
1 Durante o reinado de Joaquim, Nabucodonosor, rei de Babilônia, subiu contra Joaquim, que se tornou seu vassalo por três anos. Depois revoltou-se contra ele.
2 Waaqayyos saamtota Baabilon, saamtota Sooriyaa, saamtota Moʼaabii fi saamtota Amoon isatti erge. Innis akkuma dubbii Waaqayyoo kan garboonni isaa raajonni dubbatan sanaatti Yihuudaa balleessuudhaaf isaan erge.
2 O Senhor mandou contra ele os bandos dos caldeus, dos sírios, dos moabitas e dos amonitas, e lançou-os contra Judá para o destruírem, conforme ele havia anunciado pela boca dos profetas, seus servos.
3 Dhugumaan wanni kun sababii cubbuu Minaaseetii fi waan inni hojjete hundaatiif fuula isaa duraa isaan balleessuudhaaf akkuma ajaja Waaqayyootti Yihuudaatti dhufe;
3 Isso aconteceu realmente por ordem do Senhor, para afastá-lo de sua presença, por causa dos pecados cometidos por Manassés,
4 akkasumas sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabnee dhangalaasee fi sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabneetiin Yerusaalemin guuteef Waaqayyo dhiisuufii hin barbaanne.
4 e por causa do sangue inocente que ele tinha derramado, chegando a inundar Jerusalém de sangue inocente. E o Senhor não quis perdoar.
5 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
5 O resto da história de Joaquim, seus atos e grandes feitos, tudo se acha consignado no livro das Crônicas dos reis de Judá.
6 Yehooyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
6 Joaquim adormeceu com seus pais e seu filho Joaquin sucedeu-lhe no trono.
7 Sababii mootichi Baabilon biyya isaa hunda, Malkaa Gibxii jalqabee hamma Laga Efraaxiisitti qabateef mootiin Gibxi lammata duulaaf biyya isaatii hin baane.
7 O rei do Egito cessou então suas expedições fora de sua terra, porque o rei de Babilônia se tinha apoderado de todas as possessões do rei do Egito, desde a torrente do Egito até o Eufrates.
8 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti.
8 Joaquin tinha dezoito anos quando começou a reinar, e reinou durante três meses em Jerusalém. Sua mãe chamava-se Noesta, filha de Elnatã, e era natural de Jerusalém.
9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
9 Fez o mal aos olhos do Senhor, como o tinha feito seu pai.
10 Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan;
10 Foi nesse tempo que vieram os homens de Nabucodonosor, rei de Babilônia, contra Jerusalém, e sitiaram-na.
11 utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe.
11 Depois, Nabucodonosor veio pessoalmente diante da cidade, enquanto suas tropas a sitiavam.
12 Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan.
12 Joaquin, rei de Judá, foi ter com o rei de Babilônia, ele e sua mãe, suas tropas, seus oficiais e seus eunucos; e o rei de Babilônia o prendeu. Isso foi no oitavo ano de seu reinado.
13 Nebukadnezaris akkuma Waaqayyo dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa Waaqayyootiif tolche hunda isaa immoo caccabse.
13 E como o Senhor tinha anunciado, levou dali todos os tesouros do templo do Senhor e do palácio real, e quebrou todos os objetos de ouro que Salomão, rei de Israel, tinha feito para o santuário do Senhor.
14 Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe.
14 Levou para o cativeiro toda a Jerusalém, todos os chefes e todos os homens de valor, ao todo dez mil, com todos os ferreiros e artífices; só deixou os pobres.
15 Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse.
15 Deportou Joaquin para Babilônia, com sua mãe, suas mulheres, os eunucos do rei e os grandes da terra.
16 Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan.
16 Todos os homens de valor, em número de sete mil, os ferreiros e os artífices, em número de mil, e todos os homens aptos para a guerra, o rei de Babilônia os deportou para Babilônia.
17 Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare.
17 Em lugar de Joaquin, o rei de Babilônia constituiu rei seu tio Matanias, cujo nome mudou para Sedecias.
18 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte.
18 Sedecias tinha vinte e um anos quando começou a reinar, e reinou durante onze anos em Jerusalém. Sua mãe chamava-se Amital, filha de Jeremias, e era natural de Lobna.
19 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete.
19 Fez o mal aos olhos do Senhor como o tinha feito Joaquin.
20 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse.
20 Assim aconteceu a Jerusalém e a Judá, porque o Senhor queria, em sua cólera, rejeitá-los de sua presença. Sedecias revoltou-se contra o rei de Babilônia.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 24, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.