2 Reis 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile.
1 Tendo morrido Acab, Moab revoltou-se contra Israel.
2 Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, “Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana naaf gaafadhaa” jedhee ergamoota erge.
2 Ocozias, que se encontrava em seu quarto alto, na Samaria, caiu da janela e feriu-se gravemente. Enviou então mensageiros, aos quais disse: Ide consultar Baal-Zebub, deus de Acaron, para saber se serei curado de meu mal.
3 Ergamaan Waaqayyoo garuu Eeliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; “Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii?’
3 Mas o anjo do Senhor falou a Elias, o tesbita: Sobe ao encontro dos mensageiros do rei de Samaria, e dize-lhes: Não há porventura um Deus em Israel, para irdes consultar Baal-Zebub, deus de Acaron?
4 Kanaafuu Waaqayyo, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha.” Kana irratti Eeliyaas kaʼee deeme.
4 Por isso eis o que diz o Senhor: Não te levantarás do leito a que subiste, mas morrerás. E Elias partiu.
5 Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, “Isin maaliif deebitan?” jedhee isaan gaafate.
5 Os mensageiros voltaram para Ocozias, e este lhes perguntou: Por que voltais?
6 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ ”
6 Eles responderam: Um homem nos veio ao encontro e nos disse: Ide, voltai para o vosso rei e dizei-lhe: Isto diz o Senhor: Não há porventura Deus em Israel, para que mandes consultar Baal-Zebub, deus de Acaron? Por isso não te levantarás do leito a que subiste; vais morrer.
7 Mootichi, “Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?” jedhee isaan gaafate.
7 Ocozias disse-lhes: Como era esse homem que veio ao vosso encontro e vos falou desse modo?
8 Isaanis, “Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha” jedhanii deebisaniif.
8 Era um homem coberto de pelos, responderam-lhe, que trazia uma cinta de couro em volta dos rins. O rei disse: É Elias, o tesbita.
9 Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Eeliyaasitti ol baʼee, “Yaa nama Waaqaa, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha” jedheen.
9 Imediatamente enviou-lhe o rei um chefe com seus cinqüenta homens. Este foi ter com Elias, que estava sentado no cimo dum monte, e disse-lhe: Ó homem de Deus, desce depressa, pois é ordem do rei.
10 Eeliyaas immoo ajajaa sanaan, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!” jedhe. Ergasii ibiddi samii irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe.
10 Elias respondeu: Se sou um homem de Deus, venha fogo do céu e vos devore, a ti e aos teus cinqüenta homens. E o fogo, caindo do céu, devorou o chefe e seus cinqüenta homens.
11 Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha” jedheen.
11 O rei mandou outro chefe com os seus cinqüenta homens, o qual, chegando aonde estava Elias, lhe disse; Ó homem de Deus, esta é a ordem do rei: desce imediatamente.
12 Eeliyaas garuu, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!” jedhee deebiseef. Ibiddi Waaqaas samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe.
12 Se sou um homem de Deus, respondeu Elias, venha fogo do céu e te devore com os teus cinqüenta homens. E o fogo, caindo do céu, devorou o chefe e seus cinqüenta homens.
13 Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Eeliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; “Yaa nama Waaqaa, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin!
13 Pela terceira vez, mandou o rei um chefe com os seus cinqüenta homens, o qual, chegando aonde estava Elias, pôs-se de joelhos e suplicou-lhe, dizendo: Peço-te, ó homem de Deus, que a minha vida tenha algum valor aos teus olhos e a destes cinqüenta homens teus servos.
14 Kunoo, ibiddi samii irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!”
14 Veio fogo do céu e devorou os dois primeiros chefes; mas, agora, que minha vida tenha algum valor aos teus olhos!
15 Ergamaan Waaqayyoos Eeliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Eeliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.
15 O anjo do Senhor disse a Elias: Desce com este homem; não temas. Elias levantou-se e desceu com ele à casa do rei.
16 Innis akkana jedhee mootichatti hime; “Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Waaqni gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!”
16 Disse-lhe: Eis o que diz o Senhor: Porque enviaste mensageiros a consultar Baal-Zebub, deus de Acaron, não te levantarás mais do leito a que subiste; mas morrerás.
17 Kanaafuu inni akkuma dubbii Waaqayyoo kan Eeliyaas dubbate sanaatti duʼe.
17 Ocozias morreu, segundo a palavra que o Senhor tinha dito pelo profeta Elias, e seu irmão Jorão sucedeu-lhe o trono, no segundo ano de Jorão, filho de Josafá, rei de Judá, porque Ocozias não tinha filhos.
18 Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
18 O resto da história de Ocozias e suas ações, tudo está consignado no livro das Crônicas dos reis de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.