2 Reis 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Bara mootummaa Pheqaa ilma Remaaliyaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Aahaaz ilmi Yootaam mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
1 No ano dezessete do reinado de Pecá, filho de Romelia, Acaz, filho de Joatão, rei de Judá, começou a reinar.
2 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo Waaqa isaa duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
2 Tinha vinte anos quando começou a reinar, e reinou durante dezesseis anos em Jerusalém; não fez o que era bom aos olhos do Senhor, seu Deus, como Davi, seu pai, mas seguiu as pegadas dos reis de Israel.
3 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
3 Chegou até a passar seu filho pelo fogo, segundo o abominável costume dos povos que o Senhor tinha expulsado de diante dos filhos de Israel.
4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
4 Oferecia sacrifícios e incenso nos lugares altos, nas colinas e debaixo de toda árvore frondosa.
5 Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemin loluuf ol baʼanii Aahaazin marsan; garuu isa moʼachuu hin dandeenye.
5 Então Rasin, rei da Síria, e Pecá, filho de Romelia, rei de Israel, subiram e atacaram Jerusalém; cercaram Acaz, mas não o puderam vencer.
6 Yeroo sanatti Reziin mootichi Sooriyaa namoota Yihuudaa ariʼee baasuudhaan Eelaatin warra Sooriyaatiif deebise. Ergasiis Edoomonni Eelaatitti godaananii hamma harʼaatti achuma jiraatu.
6 Por aquele mesmo tempo, Rasin, rei da Síria, restituiu Elat aos edomitas, depois de ter expulsado dela os filhos de Judá, e os edomitas voltaram a Elat, onde estão até o dia de hoje.
7 Aahaazis akkana jedhee gara Tiiglaat Phileeser mooticha Asooritti nama erge; “Ani garbichaa fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaatii fi harka mootii Israaʼel kanneen natti duulaniitii na baasi.”
7 Acaz tinha enviado delegados a Teglat-Falasar, rei da Assíria para dizer-lhe: Eu sou teu servo e teu filho. Vem e livra-me das mãos do rei da Síria e do rei de Israel, que se coligaram contra mim.
8 Kana irratti Aahaaz meetii fi warqee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiruu fi kan mankuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessatti argamu baasee kennaa godhee mootii Asooritiif ni erge.
8 Acaz tomou a prata e o ouro que se encontravam no templo do Senhor e nas reservas do palácio real, e mandou-os de presente ao rei da Assíria.
9 Mootiin Asoor sunis kadhaa isaa tole jedhee Damaasqoo lolee qabate. Jiraattota ishees boojiʼee Qiiritti geesse; Reziinin immoo ni ajjeese.
9 Este aquiesceu ao seu pedido: atacou Damasco e apoderou-se dela. Deportou a sua população para Quir e matou Rasin.
10 Aahaaz mootichi Tiiglaat Phileeser mooticha Asoor arguuf Damaasqoo dhaqe. Innis iddoo aarsaa tokko Damaasqoo keessatti argee fakkeenya isaatii fi karoora ittiin ijaaran hunda barreessee Uuriyaa lubichatti erge.
10 O rei Acaz foi a Damasco para entrevistar-se com Teglat-Falasar, rei da Assíria. Vendo o altar que se encontrava em Damasco, o rei Acaz mandou ao sacerdote Urias um modelo detalhado do mesmo com todas as suas dimensões.
11 Kanaafuu Uuriyaa lubichi akkuma karoora Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa ergeef sana hundaatti utuu Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa hin deebiʼin dura iddoo aarsaa sana ijaaree fixe.
11 Urias construiu um altar exatamente conforme ao desenho que o rei Acaz lhe enviara de Damasco, e terminou-o antes que o rei voltasse.
12 Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼee iddoo aarsaa sana argetti itti dhiʼaatee irratti aarsaa dhiʼeesse.
12 Quando o rei chegou de Damasco e viu o altar, aproximou-se e subiu a ele.
13 Innis aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii dhiʼeessee dhibaayyuu illee dhibaafatee dhiiga aarsaa nagaa kan ofii isaas iddoo aarsaa sana irratti ni facaase.
13 Queimou nele o seu holocausto e sua oblação, derramou libações e espargiu o sangue de seus sacrifícios pacíficos.
14 Iddoo aarsaa naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee ture sanas mana qulqullummaa duraa iddoo aarsaa haaraa fi mana qulqullummaa Waaqayyoo gidduudhaa fidee gama kaabaatiin iddoo aarsaa haaraa bira kaaʼe.
14 Quanto ao altar de bronze que estava diante do Senhor, tirou-o de diante do templo, entre o altar novo e o templo, e pô-lo ao norte do novo altar.
15 Ergasii Aahaaz mootichi akkana jedhee Uuriyaa lubicha ajaje; “Iddoo aarsaa guddicha irratti aarsaa gubamu kan ganamaatii fi kennaa midhaanii kan galgalaa, aarsaa mootichaa kan gubamuu fi kennaa midhaanii, aarsaa namoota biyyattii hundaa kan gubamu, kennaa isaanii kan midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessi. Iddoo aarsaa irratti dhiiga aarsaa gubamuutii fi dhiiga qalmaa hunda facaasi. Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame garuu anatu ittiin gorsa gaafata.”
15 Depois ordenou ao sacerdote Urias: Queimarás no grande altar o holocausto da manhã e a oblação da tarde, o holocausto do rei e a sua oblação, o holocausto do povo e a sua oblação, e derramarás sobre ele todo o sangue dos holocaustos e dos sacrifícios. Quanto ao altar de bronze, deliberarei eu depois.
16 Uuriyaan lubichis akkuma Aahaaz mootichi ajaje sana godhe.
16 O sacerdote Urias fez tudo o que lhe ordenara o rei Acaz.
17 Aahaaz mootichi baattuuwwan asii fi achi sochoofaman sana irraa marsaawwan buqqisee caabiiwwan dhiqannaa illee irraa baase. Gaanii sana baattuuwwan fakkii jibootaa kanneen naasii irraa hojjetaman irraa fuudhee dhagaa afamaa irra kaaʼe.
17 Além disso, desmontou o rei Acaz os quadros e os pedestais e tirou de cima as bacias; desceu o mar de bronze de cima dos bois de bronze que o suportavam e pô-lo sobre um suporte de pedra.
18 Innis mootii Asooriif jedhee oobdii guyyaa Sanbataatiif hojjetame iddoo isaatii fuudhee karra alaa kan mootonni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanis ni buqqise.
18 Tirou também do templo do Senhor, por causa do rei da Assíria, o pórtico do sábado que fora construído no edifício, e a entrada exterior do rei.
19 Wanni bara mootummaa Aahaaz keessa hojjetame biraatii fi wanni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
19 O resto da história de Acaz, seus atos e grandes feitos, tudo se acha consignado no livro das Crônicas dos reis de Judá.
20 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
20 Acaz adormeceu com seus pais e foi sepultado com eles na cidade de Davi. Seu filho Ezequias sucedeu-lhe no trono.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.