2 Reis 14

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Yooʼaahaaz mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Amasiyaa ilmi Iyooʼas mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
1 No segundo ano do reinado de Joás, filho de Joacaz, rei de Israel, Amasias, filho de Joás, rei de Judá, tornou-se rei.
2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2 Tinha vinte e cinco anos quando começou a reinar, e reinou durante vinte e nove anos em Jerusalém. Sua mãe chamava-se Joadã, e era natural de Jerusalém.
3 Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete. Garuu akka abbaa isaa Daawititti miti. Inni waan hunda keessatti fakkeenya abbaa isaa Yooʼaash duukaa buʼe.
3 Fez o que é bom aos olhos do Senhor; mas não tanto como o seu antepassado Davi. Seguiu todas as pisadas de seu pai Joás.
4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
4 Os lugares altos, porém, não desapareceram, e o povo continuava sacrificando e oferecendo incenso nos mesmos.
5 Inni erga jabeessee harka isaatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe.
5 Logo que se firmou o seu reinado, mandou matar todos os seus servos que tinham assassinado o rei, seu pai.
6 Taʼus inni akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti ilmaan warra nama ajjeesan sanaa hin fixne.
6 Mas não matou os filhos dos assassinos, conforme está escrito no livro da lei de Moisés, onde o Senhor deu este mandamento: Não morrerão os pais pelos filhos, nem os filhos pelos pais: cada um morrerá pelo seu próprio pecado.
7 Namni Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudhan moʼatee waraanaan Seelaa qabate kan maqaa isheen hamma harʼaatti ittiin waamamtu, Yoqtiʼeel jedhee moggaases isuma.
7 Amasias derrotou os edomitas no vale do Sal, matando-lhes dez mil homens. Tomou de assalto a cidade de Sela, e deu-lhe o nome de Jecteel, nome que conserva até o dia de hoje.
8 Amasiyaanis, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosee gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ergamoota erge.
8 Amasias mandou mensageiros a Joás, filho de Joacaz, filho de Jeú, rei de Israel, para dizer-lhe: Vem, e nos veremos face a face!
9 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme.
9 Joás, rei de Israel, respondeu a Amasias, rei de Judá: O espinho do Líbano mandou dizer ao cedro do Líbano: Dá a tua filha por mulher ao meu filho. Mas os animais selvagens do Líbano passaram e esmagaram o espinho.
10 Ati dhugumaan Edoomin moʼattee amma of tuulaa jirta. Moʼannoo keetiin gammadi; amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?”
10 Porque bateste os edomitas, o teu coração inchou-se de orgulho. Contenta-te com essa glória e fica em tua casa. Por que queres ir ao encontro do mal, e arriscar perder-te, tu, e Judá contigo?
11 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan.
11 Mas Amasias de nada quis saber. Então o rei de Israel pôs-se a caminho, e encontraram-se ele e Amasias, rei de Judá, em Betsames, cidade de Judá.
12 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate.
12 Judá foi derrotado por Israel e cada um fugiu para a sua tenda.
13 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalem dhaqee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture.
13 Joás, rei de Israel, capturou em Betsames Amasias, rei de Judá, filho de Joás, filho de Ocozias. Foi a Jerusalém e abriu uma brecha de quatrocentos côvados nos muros da cidade, desde a porta de Efraim até a porta do ângulo.
14 Innis warqee fi meetii hunda akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argamuu fi kan kuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessaa jiru hunda fudhate; namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.
14 Tomou todo o ouro e prata, e todos os utensílios que se encontravam no templo do Senhor e nas reservas do palácio real, e voltou para Samaria, levando reféns consigo.
15 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa, waraana inni Amasiyaa mooticha Yihuudaatiin loles dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
15 O resto da história de Joás, seus atos e grandes feitos, a guerra que fez a Amasias, rei de Judá, tudo se acha consignado no livro das Crônicas dos reis de Israel.
16 Yooʼaashis abbootii isaa wajjin boqotee mootota Israaʼel biratti Samaariyaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
16 Joás adormeceu com seus pais e foi sepultado em Samaria com os reis de Israel. Seu filho Jeroboão sucedeu-lhe no trono.
17 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate.
17 Amasias, filho de Joás, rei de Judá, viveu ainda quinze anos depois da morte de Joás, filho de Joacaz, rei de Israel.
18 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
18 O resto da história de Amasias está consignado no livro das Crônicas dos reis de Judá.
19 Isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
19 Tendo sido tramada contra ele uma conspiração em Jerusalém, Amasias fugiu para Laquis. Mas perseguiram-no até ali e ele foi morto.
20 Reeffi isaas fardatti feʼamee dhufee abbootii isaa biratti Yerusaalem keessatti Magaalaa Daawititti awwaalame.
20 Transportaram depois o seu corpo a Jerusalém, em cima de cavalos, e sepultaram-no com seus pais na cidade de Davi.
21 Ergasii warri Yihuudaa hundinuu Azaariyaa mucaa waggaa kudha jaʼaa fuudhanii iddoo abbaa Amasiyaa sana mootii godhatan.
21 Então todo o povo de Judá tomou Azarias, que tinha a idade de dezesseis anos, e pô-lo como rei em lugar de seu pai Amasias.
22 Namni erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee Eelaatin deebisee ijaaree warra Yihuudaatti kenne isa.
22 Ele reconstruiu Elat e restituiu-a ao domínio de Judá, depois que o rei adormecera com seus pais.
23 Bara Amasiyaa ilma Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha shanaffaatti Yerobiʼaam ilmi Iyooʼas mooticha Israaʼel Samaariyaa keessatti mootii taʼe; innis waggaa afurtamii tokko bulche.
23 No décimo quinto ano do reinado de Amasias, filho de Joás, rei de Judá, Jeroboão, filho de Joás, tornou-se rei de Israel, em Samaria.
24 Inni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraas hin deebine.
24 Seu reino durou quarenta e um anos. Fez o mal aos olhos do Senhor, e não se apartou dos pecados de Jeroboão, filho de Nabat, que fizera pecar Israel.
25 Namni akkuma dubbii Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan inni karaa garbicha isaa Yoonaas ilma Amitaayi, raajicha Gat Heeferii dhufee sanaatiin dubbateetti daarii biyya Israaʼel Leeboo Hamaatii jalqabee hamma Galaana Arabbaatti iddootti deebise isa ture.
25 Restabeleceu as fronteiras de Israel desde a entrada de Emat até o mar da Planície, conforme tinha o Senhor anunciado pela boca de seu servo Jonas, filho de Amati, que era natural de Get-Hefer.
26 Waaqayyo akka tokkoon tokkoon nama Israaʼel keessa jiraatuu, garbas taʼu birmaduun akka malee rakkachaa jiru arge; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin turre.
26 O Senhor vira, com efeito, a amargosíssima aflição de Israel, que a todos tinha consumido, pequenos e grandes, e não havia ninguém para socorrer Israel.
27 Waaqayyos waan maqaa Israaʼel samii jalaa nan balleessa hin jedhiniif harka Yerobiʼaam ilma Yooʼaashiitiin isaan baase.
27 O Senhor não tinha ainda resolvido apagar o nome de Israel de sob os céus, e por isso libertou-o pelas mãos de Jeroboão, filho de Joás.
28 Wantoonni bara mootummaa Yerobiʼaam keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundi, jabinni loltummaa isaa, akka inni itti Damaasqoo fi Hamaati kanneen duraan Yihuudaa jala turan sana Israaʼeliif deebisee dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
28 O resto da história de Jeroboão, seus atos e façanhas guerreiras, o modo como reconquistou Damasco e Emat de Judá para Israel, tudo isso se acha consignado no livro das Crônicas dos reis de Israel.
29 Yerobiʼaam abbootii isaa mootota Israaʼel wajjin boqote; ilmi isaa Zakkaariyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
29 Jeroboão adormeceu com seus pais, os reis de Israel. Seu filho Zacarias sucedeu-lhe no trono.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.