2 Reis 13
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche.
1 No vigésimo terceiro ano do reinado de Joás, filho de Ocozias, rei de Judá, Joacaz, filho de Jeú, tornou-se rei de Israel em Samaria. Seu reinado durou dezessete anos.
2 Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine.
2 Fez o mal aos olhos do Senhor, imitando os pecados de Jeroboão, filho de Nabat, que fizera pecar Israel; e não se desviou deles.
3 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Waaqaa Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne.
3 Por isso a cólera do Senhor acendeu-se contra Israel, e ele entregou-o nas mãos de Hazael, rei da Síria, e de Ben-Hadad, filho de Hazael, durante todo esse período.
4 Yehooʼaahaaz fuula Waaqayyoo barbaaddate; Waaqayyos akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef.
4 Mas Joacaz rogou ao Senhor; e o Senhor, vendo como os filhos de Israel eram oprimidos pelo rei da Síria, ouviu-o,
5 Waaqayyos nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan.
5 e mandou aos israelitas um libertador. Libertados do poder do rei da Síria, puderam de novo habitar nas suas tendas.
6 Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe.
6 Entretanto, não se apartaram dos pecados aos quais a casa de Jeroboão arrastara Israel, mas continuaram a cometê-los. E até mesmo o ídolo de asserá ficou de pé em Samaria.
7 Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii.
7 Com efeito, o Senhor só deixou a Joacaz, como exército, cinqüenta cavaleiros, dez carros e dez mil soldados de infantaria; o rei da Síria lhe tinha aniquilado o resto e reduzido ao estado de pó, que se calça aos pés.
8 Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
8 O resto da história de Joacaz, seus atos e grandes feitos, tudo está consignado no livro das Crônicas dos reis de Israel.
9 Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
9 Joacaz adormeceu com seus pais e foi sepultado em Samaria. Joás, seu filho, sucedeu-lhe no trono.
10 Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche.
10 No trigésimo sétimo ano do reinado de Joás, rei de Judá, Joás, filho de Joacaz, tornou-se rei de Israel em Samaria. Seu reino durou dezesseis anos.
11 Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
11 Fez o mal aos olhos do Senhor, e não se afastou dos pecados de Jeroboão, filho de Nabat, que fizera pecar Israel, mas continuou a cometê-los.
12 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
12 O resto da história de Joás, seus atos e grandes feitos, a guerra que ele fez a Amasias, rei de Judá, tudo se acha consignado no livro das Crônicas dos reis de Israel.
13 Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni awwaalame.
13 Joás adormeceu com seus pais e Jeroboão sucedeu-lhe no trono. Joás foi sepultado em Samaria com os reis de Israel.
14 Yeroo kanatti Elsaaʼi dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!” jedhee iyye.
14 Eliseu fora atingido pela enfermidade de que devia morrer. Joás, rei de Israel, desceu para visitá-lo. {Inclinado} sobre o rosto do profeta, disse-lhe, chorando: Meu pai! Meu pai! Carro e cavalaria de Israel!
15 Elsaaʼi, “Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu” jedheen; innis ni fudhate.
15 Eliseu disse-lhe: Traze-me um arco e flechas. Joás trouxe-lhe um arco e flechas.
16 Elsaaʼi immoo mooticha Israaʼeliin, “Iddaa harkatti qabadhu” jedhe; inni fuunaan Elsaaʼi harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe.
16 Põe a tua mão no arco. Tendo-o ele feito, Eliseu pôs suas mãos nas do rei,
17 Elsaaʼi, “Foddaa karaa baʼa biiftuu bani” jedheen; innis ni bane. Elsaaʼi, “Xiyya darbadhu!” jedhe; mootichis ni darbate. Elsaaʼis, “Xiyya moʼannoo Waaqayyoo, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!” jedhe. Elsaaʼis, “Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita” jedhee labse.
17 dizendo: Abre a janela do lado do oriente. Joás abriu-a. Lança uma flecha, disse Eliseu. Ele lançou. Flecha de vitória para o Senhor, disse o profeta; flecha de vitória contra os sírios. Baterás os sírios em Afec até exterminá-los.
18 Innis ergasii, “Xiyya fudhadhu” jedheen; mootichis ni fudhate. Elsaaʼis “Lafa rukuti” jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute.
18 E ajuntou: Toma as flechas. Joás tomou-as. Fere a terra. O rei desfechou três golpes e parou.
19 Namni Waaqaa sunis isatti aaree akkana jedhe; “Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta.”
19 O homem de Deus encolerizou-se contra ele, e disse: Seria preciso dar cinco ou seis golpes. Terias então batido os sírios até exterminá-los. Agora, porém, só os baterás três vezes!
20 Elsaaʼi duʼee awwaalame.
20 Eliseu morreu e foi sepultado. Guerrilheiros moabitas faziam cada ano incursões na terra.
21 Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko awwaaluutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa awwaala Elsaaʼitti darbatan. Reeffi sun lafee Elsaaʼi tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate.
21 Ora, aconteceu que um grupo de pessoas, estando a enterrar um homem, viu uma turma desses guerrilheiros e jogou o cadáver no túmulo de Eliseu. O morto, ao tocar os ossos de Eliseu, voltou à vida, e pôs-se de pé.
22 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse.
22 Hazael, rei da Síria, tinha oprimido os filhos de Israel durante toda a vida de Joacaz.
23 Waaqayyo garuu sababii kakuu Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene.
23 Mas o Senhor compadeceu-se deles e usou de misericórdia para com eles; e deu-lhes de novo a sua graça, por causa de sua aliança com Abraão, Isaac e Jacó. O Senhor não os quis aniquilar, nem rejeitá-los de sua face.
24 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
24 Hazael, rei da Síria, morreu, e seu filho Ben-Hadad sucedeu-lhe no trono.
25 Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise.
25 Joás, filho de Joacaz, retomou das mãos de Ben-Hadad, filho de Hazael, as cidades que este havia arrebatado ao seu pai. Joás bateu-o três vezes, e reconquistou as cidades de Israel.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.