2 Reis 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mootii guutumaan guutuutti balleessite.
1 Quando Atalia, mãe de Ocozias, viu morto o seu filho, decidiu exterminar toda a descendência real.
2 Yehooshebaati intalli Yooraam mootichaa obboleettiin Ahaaziyaa sun garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhatte. Isheenis Ataaliyaa jalaa isa dhoksuuf jettee isaa fi guddiftuu isaa kutaa hirribaa keessa teessifte. Kanaafuu inni hin ajjeefamne.
2 Josebá, porém, filha do rei Jorão e irmã de Ocozias, tomou Joás, filho de Ocozias, e fê-lo escapar do massacre dos filhos do rei, escondendo-o com sua ama de leite no quarto de dormir. Esconderam-no assim, de Atalia, de maneira que pôde escapar à morte.
3 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda guddiftuu isaa wajjin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
3 Ele esteve seis anos oculto com Josebá no templo do Senhor, enquanto Atalia reinava sobre a terra.
4 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti ajajjuuwwan dhibbaa, namoota Kaariittii fi eegdotatti nama ergee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyootii gara isaa dhufan godhe. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti isaan wajjin kakuu seene. Ergasiis ilma mootii isaanitti argisiise.
4 No sétimo ano, Jojada convocou junto de si, no templo do Senhor, os centuriões dos cários e dos cursores. Fez com eles um pacto, e, depois de tê-los feito jurar no templo do Senhor, mostrou-lhes o filho do rei.
5 Akkana jedhees isaan ajaje; “Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin warri garee sadii keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaatan harka sadii keessaa harki tokko mana mootii,
5 Eis o que haveis de fazer, ordenou-lhes ele: um terço dentre vós fará o serviço do sábado, montando guarda ao palácio real; um terço guardará a porta de Sur;
6 harka sadii keessaa harkii tokko Karra Suur, harka sadii keessaa harkii tokko immoo karra eegdota dabaree dabareedhaan mana qulqullummaa eegan dugda duubaan jiru haa eegu;
6 e um terço a porta que está por detrás dos guardas. Vigiai o palácio, de modo que ninguém possa entrar.
7 isin warri garee lamaan kaan keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojii irraa boqottan hundinuu immoo mana qulqullummaa mootiidhaaf eeguu qabdu.
7 As duas companhias que terminarem sua semana, farão a guarda do templo do Senhor, junto do rei.
8 Tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa harkatti qabadhaatii mootichatti naannaʼaa dhadhaabadhaa. Namni naannoo isin jirtanitti dhiʼaatu kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
8 Estareis, de mãos armadas, à volta do rei, de maneira que, se alguém entrar em vossas fileiras, seja morto. Estareis sempre com o rei, onde quer que ele for.
9 Ajajjuuwwan dhibbaa sunis akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan fudhatanii Yehooyaadaa lubicha bira dhufan.
9 Os centuriões executaram fielmente as ordens do sacerdote Jojada. Tomando cada um os seus homens, tanto os que começavam o serviço no sábado, como os que o terminavam, foram ter com o sacerdote Jojada.
10 Innis eeboowwanii fi gaachanawwan Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa turan ajajjoota sanaaf ni kenne.
10 Jojada deu-lhes as lanças e os escudos do rei Davi, que se encontravam no templo do Senhor.
11 Eegdonni sunis, tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibbaatii fi karaa kaaba mana qulqullummaatiin iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii ni dhadhaabatan.
11 Os guardas postaram-se, de mãos armadas, ao longo do altar e do templo, desde a extremidade sul até a extremidade norte do templo, à volta do rei.
12 Yehooyaadaanis ilma mootichaa fidee mataa isaa irra gonfoo kaaʼe; inni garagalcha kakuu itti kennee, “Inni mootii dha” jedhee labse. Isaanis isa diban; harka dhaʼaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
12 Então Jojada fez sair o menino-rei, pôs-lhe a coroa na cabeça e entregou-lhe a Lei. Proclamaram-no rei, ungiram-no e todos o aplaudiram, gritando: Viva o rei!
13 Ataaliyaan yommuu waca eegdotaatii fi namootaa dhageessetti gara namoota sanaa mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
13 Ouvindo Atalia o clamor que faziam os guardas e o povo, entrou no templo do Senhor, pelo meio da multidão.
14 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi akkuma baratame sanatti utubaa bira dhaabatee ture. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
14 E eis que espetáculo se ofereceu aos seus olhos: lá estava o rei, de pé no estrado, segundo o costume, tendo ao seu lado os chefes e as trombetas, enquanto o povo se alegrava, tocando as trombetas. Então ela rasgou as suas vestes, gritando: Traição, traição!
15 Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman ajaje. Lubichi, “Isheen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ajjeefamuu hin qabdu” jedhee tureetii.
15 Mas o sacerdote Jojada ordenou aos centuriões que comandavam as tropas: Levai-a para fora, entre vossas fileiras, e se alguém quiser segui-la, feri-o com a espada. Porque o pontífice proibira que a matassem no templo do Senhor.
16 Kanaafuu isaan akkuma isheen balbala fardeen ittiin masaraa mootii seenan geesseen ishee qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
16 Lançaram-lhe as mãos e, ao chegarem ao palácio real pelo caminho da entrada dos cavalos, mataram-na ali.
17 Ergasiis Yehooyaadaan akka isaan saba Waaqayyoo taʼaniif jedhee Waaqayyoo fi mootii fi saba gidduutti kakuu dhaabe. Akkasumas mootichaa fi saba gidduutti kakuu ni dhaabe.
17 Jojada fez entre o Senhor, o rei e o povo, uma aliança, segundo a qual o povo devia pertencer ao Senhor. Fez também uma aliança entre o rei e o povo.
18 Sabni biyyattii hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii hurreessanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan.
18 Todo o povo entrou então no templo de Baal e o devastou; destruíram os altares, as imagens, e mataram o sacerdote de Baal, Matã, diante dos altares. O pontífice Jojada pôs guardas no templo do Senhor.
19 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, warra Kaarii, eegdotaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee isaan wajjinis mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasanii fidanii karaa karra eegdotaatiin masaraa mootummaa seenan. Mootichis teessoo mootii irra taaʼe.
19 Tomou consigo os centuriões, os caritas, os guardas e todo o povo, e, levando o rei do templo do Senhor, entraram no palácio real pela porta das guardas, e Joás sentou-se no trono dos reis.
20 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan. Sababii Ataaliyaan masaraa mootummaa keessatti goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.
20 Todo o povo da terra se alegrou, e a cidade ficou em paz. No palácio real, porém, Atalia era passada ao fio da espada.
21 Yooʼaash yeroo mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture.
21 Joás tinha sete anos quando subiu ao trono.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.