2 Reis 10
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Yeroo sanatti Ahaab ilmaan torbaatama Samaariyaa keessaa qaba ture. Kanaafuu Yehuun xalayoota barreessee qondaaltota Yizriʼeelitti, maanguddootattii fi guddiftoota ilmaan Ahaabitti gara Samaariyaatti erge. Inni akkana jedhe;
1 Havia em Samaria setenta filhos de Acab. Jeú escreveu uma carta e mandou-a à Samaria aos magistrados da cidade, aos anciãos e aos preceptores dos filhos de Acab.
2 “Akkuma xalayaan kun isin gaʼeen, waan ilmaan gooftaa keessanii isin bira jiranii fi waan isinis gaariiwwanii fi fardeen, magaalaa jabeeffamee ijaaramee fi miʼa lolaa qabdaniif,
2 Dizia na carta: Logo que receberdes esta carta, vós que tendes convosco os filhos de vosso soberano, como também carros, cavalos, uma cidade fortificada e armas,
3 ilmaan gooftaa keessanii keessaa kan warra kaan caaluu fi kan ni mala jettanii yaaddan filadhaatii teessoo abbaa isaa irra teessisaa. Ergasiis mana abbaa keessaniitiif lolaa.”
3 escolhei o melhor e o mais qualificado dos filhos de vosso soberano e ponde-o no trono de seu pai. Em seguida, começai a luta pela casa de vosso soberano.
4 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Yoo mootonni lama isa hin dandaʼin nu akkamiin isa dandeenya?” waliin jedhan.
4 Eles, porém, muito atemorizados, disseram: Dois reis não o puderam enfrentar; como poderíamos nós resistir-lhe?
5 Kanaafuu bulchaan masaraa mootummaatii fi shuumiin magaalattii, maanguddoonnii fi guddiftoonni, “Nu garboota kee ti; waan ati jettu hunda ni hojjenna. Nu nama tokko illee mootii goonee hin filannu; ati mataan kee waanuma jaallatte godhi” jedhanii ergaa kana Yehuutti ergan.
5 O prefeito do palácio, o comandante da cidade, os anciãos e os preceptores dos filhos de Acab mandaram a Jeú a resposta seguinte: Nós somos teus servos. Faremos tudo o que nos disseres; não elegeremos rei sobre nós. Faze como melhor te parecer.
6 Yehuun immoo, “Isin yoo garee koo taatanii fi yoo naa ajajamtan, mataa ilmaan gooftaa keessanii kukkutaatii bori yeroo kanatti Yizriʼeelitti naa fidaa” jedhee xalayaa lammaffaa barreesse.
6 Escreveu-lhes Jeú uma segunda carta, na qual dizia: Se estais do meu lado, se quereis obedecer às minhas ordens, tomai as cabeças dos filhos de vosso soberano e trazei-mas amanhã, a esta hora, a Jezrael. Os filhos do rei, que eram em número de setenta, encontravam-se na casa dos grandes da cidade, que os educavam.
7 Yommuu xalayaan sun isaan gaʼetti namoonni kunneen ilmaan mootii torbaatamman sana hundumaa ni gogorraʼan. Mataa isaaniis guubootti naqanii gara Yizriʼeelitti Yehuudhaaf ni ergan.
7 Logo que lhes chegou a carta de Jeú, tomaram os setenta príncipes e massacraram-nos. Puseram em seguida as suas cabeças em cestos e mandaram-nas a Jeú, em Jezrael.
8 Ergamtichi yommuu deebiʼetti, “Isaan mataa ilmaan mootii fidaniiru” jedhee Yehuutti hime.
8 Um mensageiro viera anunciar que tinham trazido as cabeças dos filhos do rei. Jeú disse: Metei-as em dois montes, à porta da cidade, até amanhã cedo.
9 Yehuun guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee gad baʼe. Fuula namoota hundaa dura dhaabatees akkana jedhe; “Isin yakka hin qabdan. Namni gooftaa kootti malatee isa ajjeese anuma; garuu warra kana hunda eenyutu fixe?
9 Chegando a manhã, saiu e, diante de todo o povo, disse: Vós sois justos. Eu conspirei contra o meu soberano e o matei. Mas, estes aqui, quem os feriu?
10 Kanaafuu akka dubbiin Waaqayyo mana Ahaab irratti dubbate tokko iyyuu lafa hin buune beekaa. Waaqayyo waan karaa garbicha isaa Eeliyaasiin dubbate sana guuteera.”
10 Ficai, pois, sabendo que não se perde nenhuma das palavras pronunciadas pelo Senhor contra a casa de Acab. O Senhor realizou o que ele havia predito pelo seu servo Elias.
11 Yehuunis akkasiin nama mana Ahaab keessaa Yizriʼeel keessatti hafe kam iyyuu, namoota isaa gurguddaa, michoota isaa kanneen itti dhiʼaatanii fi luboota isaa, utuu nama tokko illee hin hambisin hunda isaanii fixe.
11 Jeú feriu também todos os que restavam da casa de Acab em Jezrael, todos os seus principais oficiais, seus servos e seus sacerdotes, sem deixar sobreviver um sequer dentre eles.
12 Yehuun ergasii kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis yommuu Beet Eekad gaʼetti,
12 Depois encaminhou-se para a Samaria. Chegando a Bet-Equed-Haroim, que está junto do caminho,
13 firoota Ahaaziyaa mootii Yihuudaa keessaa namoota tokko tokko argee, “Isin eenyu?” jedhee gaafate.
13 encontrou os irmãos de Ocozias, rei de Judá, e perguntou-lhes: Quem sois vós? Nós somos irmãos de Ocozias, responderam eles. Descemos para fazer uma visita aos filhos do rei e aos filhos da rainha.
14 Innis, “Utuma lubbuudhaan jiranuu isaan qabaa!” jedhee ajaje. Kanaafuu utuma isaan lubbuun jiranuu qabanii boolla bishaanii Beet Eekad biratti afurtamii lamaan isaanii gogorraʼan. Inni isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne.
14 Jeú ordenou: Tomai-os vivos! Tomaram-nos vivos e massacraram-nos junto da cisterna de Bet-Equed. De quarenta e dois que eram, Jeú não deixou sobreviver sequer um.
15 Erga achii deemee immoo Yehoonaadaab ilma Rekaab utuu inni gara isaa dhufuutti jiruu arge. Yehuunis isa dubbisee, “Akkuma ani gara kee jiru ati gara koo jirta moo?” jedhee isa gaafate.
15 Deixando aquele lugar, Jeú encontrou Jonadab, filho de Recab, que vinha ao seu encontro. E saudou-o, dizendo: Teu coração é leal para comigo, como o é o meu para contigo? Sim, respondeu Jonadab. Então, dá-me tua mão. Ele deu-lha e Jeú fê-lo montar no seu carro junto dele.
16 Yehuun, “Na wajjin kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali” jedheen. Ergasiis gaarii isaatiin isa fudhatee deeme.
16 Disse-lhe: Vem comigo: verás o zelo que tenho pelo Senhor.
17 Yehuun yommuu Samaariyaa gaʼetti maatii Ahaab keessaa kanneen achitti hafan hunda fixe; innis akkuma dubbii Waaqayyo Eeliyaasitti dubbate sanaatti isaan balleesse.
17 E levou-o em seu carro. Tendo entrado em Samaria, exterminou todos os que restavam da casa de Acab. E destruiu-a completamente, como o Senhor tinha dito a Elias.
18 Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila.
18 Jeú convocou todo o povo, e dirigiu-lhe a palavra nestes termos: Acab serviu um pouco a Baal: Jeú o servirá muito mais.
19 Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe.
19 Convocai junto de mim todos os profetas de Baal, todos os seus fiéis, todos os seus sacerdotes. Não falte um só deles, pois quero oferecer a Baal um grande sacrifício. Todo aquele que faltar, perderá a vida. Mas isso era simplesmente um laço, para destruir todos os adoradores de Baal.
20 Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan.
20 Depois dessa publicação, Jeú deu esta ordem: Publicai uma assembléia solene em honra de Baal.
21 Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame.
21 Depois mandou mensageiros por todo o Israel para chamá-los e os adoradores de Baal compareceram todos; não faltou nenhum. Reuniram-se no templo de Baal, que ficou cheio de uma extremidade à outra.
22 Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef.
22 Jeú disse ao guarda do vestiário: Dá vestes a todos os adoradores de Baal. O guarda distribuiu vestes a todos eles.
23 Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe.
23 Jeú entrou no templo com Jonadab, filho de Recab, e disse aos adoradores de Baal: Vede bem que não haja convosco nenhum dos que servem ao Senhor, mas somente os adoradores de Baal.
24 Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture.
24 Eles entraram, pois, para oferecer sacrifícios e holocaustos. Ora, Jeú postara oitenta homens do lado de fora, e dissera-lhes: Aquele dentre vós que deixar escapar um só destes homens que entrego nas vossas mãos, responderá com a própria vida pela do outro.
25 Yehuun akkuma aarsaa gubamu sana dhiʼeessee raawwateen, “Ol seenaatii isaan fixaa; akka namni tokko iyyuu miliqu hin godhinaa” jedhee eegdotaa fi ajajjoota sana ajaje. Kanaafuu isaan goraadeedhaan warra sana cicciran. Eegdotaa fi ajajjoonni sun reeffa isaanii alatti gad dadarbatanii kutaa mana waaqeffannaa Baʼaal kan gara keessaatti ol galan.
25 Terminados os holocaustos, ordenou Jeú aos guardas e aos oficiais: Entrai e feri-os! Não deixeis escapar nenhum deles! E assim caíram todos ao fio da espada. Depois disso, os guardas e oficiais lançaram fora {os cadáveres}, entraram no santuário do templo de Baal,
26 Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban.
26 tiraram dali o ídolo e o queimaram.
27 Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
27 Derrubaram a estela de Baal e demoliram o templo, transformando-o em privadas, que ainda hoje existem.
28 Akkasiin Yehuun Israaʼel keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleesse.
28 Foi assim que Jeú exterminou Baal de Israel.
29 Taʼus inni iyyuu cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; cubbuun kunis fakkii jabbii warqee irraa hojjetamee Beetʼeelii fi Daanitti waaqeffachuu isaanii ti.
29 Todavia, não se desviou dos pecados de Joroboão, filho de Nabat, que levara Israel ao pecado, pois deixou subsistir os bezerros de ouro de Betel e de Dã.
30 Waaqayyos Yehuudhaan akkana jedhe; “Sababii ati waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe fiixaan baasuu keessatti waan gaarii hojjettee fi waan ani mana Ahaab irratti hojjechuuf garaadhaa qabu hunda hojjetteef sanyiiwwan kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu.”
30 O Senhor disse-lhe: Pois que fizeste o que é agradável aos meus olhos, tratando a casa de Acab como eu o queria, teus filhos ocuparão o trono de Israel durante quatro gerações.
31 Taʼus Yehuun seera Waaqayyo Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
31 Entretanto, Jeú não se aplicou a seguir, de todo o coração, a lei do Senhor, Deus de Israel. Não se desviou dos pecados que Jeroboão levara a cometer Israel.
32 Bara sana keessa Waaqayyo lafa Israaʼel irraa kukkutee xinneessuu jalqabe. Hazaaʼeelis guutummaa bulchiinsa isaanii keessatti Israaʼeloota moʼate;
32 Por aquele tempo, o Senhor começou a diminuir o território de Israel. Hazael derrotou-o em toda a fronteira,
33 kunis gama baʼa Yordaanosiin biyya Giliʼaad hunda jechuunis biyya Gaad, biyya Ruubeenii fi biyya Minaasee kan Aroʼeer laga Arnoon biratti argamtu sanaa jalqabee Giliʼaadii hamma Baashaaniitti jiruu dha.
33 desde o Jordão até o oriente. Submeteu toda a terra de Galaad, os gaditas, os rubenitas e os manasseítas, desde Aroer, que estava sobre a torrente do Arnon, isto é, a terra de Galaad e Basã.
34 Wantoonni bara mootummaa Yehuu keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
34 O resto da história de Jeú, tudo o que ele fez, todos os seus feitos, tudo se acha consignado no livro das Crônicas dos reis de Israel.
35 Yehuun abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yehooʼaahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
35 Jeú adormeceu com seus pais e foi sepultado em Samaria. Seu filho Joacaz sucedeu-lhe no trono.
36 Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee waggaa digdamii saddeet Israaʼelin bulche.
36 Jeú reinou vinte e oito anos em Samaria.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Reis 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.