2 Crônicas 9
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomoon dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Yerusaalem dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte.
1 A rainha de Sabá soube da fama de Salomão, e foi a Jerusalém para pô-lo à prova com perguntas difíceis. Quando chegou, acompanhada de uma enorme caravana, com camelos carregados de especiarias, grande quantidade de ouro e pedras preciosas, foi até Salomão e lhe fez todas as perguntas que tinha em mente.
2 Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni inni isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre.
2 Salomão respondeu a todas; nenhuma lhe foi tão difícil que não pudesse responder.
3 Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare,
3 Vendo a sabedoria de Salomão, bem como o palácio que ele havia construído,
4 nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.
4 o que era servido em sua mesa, o lugar de seus oficiais, os criados e copeiros, todos uniformizados, e os holocaustos que ele fazia no templo do Senhor, ela ficou impressionada.
5 Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha.
5 Disse ela então ao rei: "Tudo o que ouvi em meu país acerca de tuas realizações e de tua sabedoria era verdade.
6 Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti waan isaan jedhan sana hin amanne. Dhugumaan guddina ogummaa keetii keessaa walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta.
6 Mas eu não acreditava no que diziam, até ver com os meus próprios olhos. Na realidade, não me contaram nem a metade da grandeza de tua sabedoria; tu ultrapassas em muito o que ouvi.
7 Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan!
7 Como devem ser felizes os homens da tua corte, que continuamente estão diante de ti e ouvem a tua sabedoria!
8 Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.”
8 Bendito seja o Senhor, o teu Deus, que se agradou de ti e te colocou no trono dele para reinar pelo Senhor, pelo teu Deus. Por causa do amor de teu Deus para com Israel e do seu desejo de preservá-lo para sempre, ele te fez rei, para manter a justiça e a retidão".
9 Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne.
9 E ela deu ao rei quatro toneladas e duzentos quilos de ouro e grande quantidade de especiarias e de pedras preciosas. Nunca se viu tantas especiarias tais como aquelas que a rainha de Sabá deu ao rei Salomão.
10 Namoonni Hiiraamii fi namoonni Solomoon biyya Oofiir irraa warqee fidan; akkasumas muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii ni fidan.
10 ( Os marinheiros de Hirão e de Salomão trouxeram ouro de Ofir, e também madeira de junípero e pedras preciosas.
11 Mootichis muka sandalii sana gulantaawwan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa, akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Wanni akkasiis takkumaa Yihuudaa keessatti hin argamne.
11 O rei utilizou a madeira para fazer a escadaria do templo do Senhor e a do palácio real, além de harpas e liras para os músicos. Nunca se havia visto algo semelhante em Judá. )
12 Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
12 O rei Salomão deu à rainha de Sabá tudo o que ela desejou e pediu; muito mais do que ela lhe tinha trazido. Então ela e seus servos voltaram para o seu país.
13 Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture;
13 O peso do ouro que Salomão recebia anualmente era de vinte e três toneladas e trezentos quilos,
14 kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi kan warra qabeenya xixinnaa irraa argamuu hin dabalatu. Akkasumas mootonni Arabaa fi bulchitoonni biyyaa hundi Solomooniif warqee fi meetii ni fidan.
14 fora o que os mercadores e os comerciantes traziam. Também todos os reis da Arábia e os governadores do país traziam ouro e prata para Salomão.
15 Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe.
15 O rei Salomão fez duzentos escudos grandes de ouro batido, utilizando três quilos e seiscentos gramas de ouro em cada um.
16 Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche. Tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee saqilii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.
16 Também fez trezentos escudos pequenos de ouro batido, com um quilo e oitocentos gramas de ouro em cada um. O rei os colocou no Palácio da Floresta do Líbano.
17 Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise.
17 O rei mandou fazer ainda um grande trono de marfim revestido de ouro puro.
18 Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; ejjenni miillaa kan warqee irraa hojjetame tokkos itti qabsiifamee ture. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture.
18 O trono tinha seis degraus, e um estrado de ouro fixo nele. Nos dois lados do assento havia braços, com um leão junto a cada braço.
19 Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne.
19 Doze leões ficavam nos seis degraus, um de cada lado. Nada igual havia sido feito em nenhum outro reino.
20 Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne.
20 Todas as taças do rei Salomão eram de ouro, bem como todos os utensílios do Palácio da Floresta do Líbano. Não havia nada de prata, pois a prata quase não tinha valor nos dias de Salomão.
21 Mootichis dooniiwwan daldalaa kanneen namoonni Huuraam oofan qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.
21 O rei tinha uma frota de navios mercantes tripulados por marinheiros do rei Hirão. Cada três anos a frota voltava, trazendo ouro, prata, marfim, macacos e pavões.
22 Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture.
22 O rei Salomão era o mais rico e o mais sábio de todos os reis da terra.
23 Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture.
23 Esses pediam audiência a Salomão, para ouvirem a sabedoria que Deus lhe tinha dado.
24 Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.
24 Ano após ano, todos os que vinham traziam algum presente: utensílios de prata e de ouro, mantos, armas e especiarias, cavalos e mulas.
25 Solomoon gola fardeenii fi gaariiwwanii kuma afur akkasumas fardeen kuma kudha lama kanneen magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi of bira Yerusaalem keessa kaaʼate qaba ture.
25 Salomão possuía quatro mil estábulos para cavalos e carros, e doze mil cavalos, dos quais mantinha uma parte nas guarnições de algumas cidades e a outra perto dele, em Jerusalém.
26 Innis mootota Laga Efraaxiisiitii hamma biyya Filisxeemotaattii fi hamma daarii Gibxitti jiran hunda ni bulche.
26 Ele dominava sobre todos os reis desde o Eufrates até a terra dos filisteus, junto à fronteira do Egito.
27 Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
27 O rei tornou a prata tão comum em Jerusalém quanto as pedras, e o cedro tão numeroso quanto as figueiras bravas da Sefelá.
28 Fardeen Solomoon Gibxii fi biyyoota biraa hunda irraa bitamanii dhufan.
28 Os cavalos de Salomão eram importados do Egito e de todos os outros países.
29 Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessatti, raajii Ahiiyaa namicha Shiiloo sanaa keessattii fi mulʼata Iddoon namichi waa himu sun waaʼee Yerobiʼaam ilma Nebaat arge keessatti barreeffamanii jiru mitii?
29 Os demais acontecimentos do reinado de Salomão, desde o início até o fim, estão escritos nos relatos do profeta Natã, nas profecias do silonita Aías e nas visões do vidente Ido acerca de Jeroboão, filho de Nebate.
30 Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
30 Salomão reinou quarenta anos em Jerusalém, sobre todo o Israel.
31 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
31 Então descansou com os seus antepassados e foi sepultado na cidade de Davi, seu pai. E o seu filho Roboão foi o seu sucessor.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.