2 Crônicas 5
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Solomoon yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota hunda fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
1 Terminada toda a obra que Salomão havia realizado para o templo do Senhor, ele trouxe as coisas que seu pai Davi tinha consagrado e colocou junto com os tesouros do templo de Deus: a prata, o ouro e todos os utensílios.
2 Ergasii Solomoon Xiyoon magaalaa Daawit irraa taabota kakuu Waaqayyoo ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti walitti waame.
2 Então Salomão reuniu em Jerusalém as autoridades de Israel e todos os líderes das tribos e os chefes das famílias israelitas, para levarem de Sião, a cidade de Davi, a arca da aliança do Senhor.
3 Israaʼeloonni hundinuus jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti mooticha biratti walitti qabaman.
3 E todos os homens de Israel uniram-se ao rei por ocasião da festa, no sétimo mês.
4 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti Lewwonni taaboticha ol fuudhan;
4 Quando todas as autoridades de Israel chegaram, os levitas pegaram a arca
5 isaanis taabota sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman kanneen dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Lewwonni luboota taʼanis baatanii ol isaan fidan;
5 e a levaram, com a Tenda do Encontro e com todos os seus utensílios sagrados. Foram os sacerdotes levitas que levaram tudo.
6 Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
6 O rei Salomão e toda a comunidade de Israel que se havia reunido a ele diante da arca, sacrificaram tantas ovelhas e bois que nem era possível contar.
7 Luboonnis ergasii taabota kakuu Waaqayyoo sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan.
7 Os sacerdotes levaram a arca da aliança do Senhor para o seu lugar no santuário interno do templo, no Lugar Santíssimo, e a colocaram debaixo das asas dos querubins.
8 Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan ni haguugan.
8 Os querubins tinham suas asas estendidas sobre o lugar da arca e cobriam a arca e as varas utilizadas para o transporte.
9 Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii taaboticha biraa dhedheerattee fuula Iddoo Qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu iddoo qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru.
9 Essas varas eram tão compridas que as suas pontas, que se estendiam para fora da arca, podiam ser vistas da frente do santuário interno, mas não de fora dele; e elas estão lá até hoje.
10 Taabota sana keessa gabateewwan kanneen Museen Kooreebitti, iddoo Waaqayyo erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
10 Na arca havia só as duas tábuas que Moisés tinha colocado quando estava em Horebe, onde o Senhor fez uma aliança com os israelitas depois que saíram do Egito.
11 Luboonnis Iddoo Qulqulluu sanaa ni baʼan. Luboonni achi turan hundinuu yoo dabareen kan isaanii taʼuu baate iyyuu of qulqulleessanii turan.
11 Então os sacerdotes saíram do Lugar Santo. Todos eles haviam se consagrado, não importando a divisão a que pertenciam.
12 Lewwonni faarfattoota turan jechuunis Asaaf, Heemaan, Yeduutuun, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii iddoo aarsaa bira karaa baʼa biiftuutiin dhaabatanii kilillee kililchaa, baganaa fi kiraara taphachaa turan. Luboonni 120 kanneen malakata afuufan isaan wajjin turan.
12 E, todos os levitas que eram músicos — Asafe, Hemã, Jedutum e os filhos e parentes deles — ficaram a leste do altar, vestidos de linho fino, tocando címbalos, harpas e liras, e os acompanhavam cento e vinte sacerdotes tocando cornetas.
13 Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni Waaqayyoon leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyoon galateeffachuudhaan:
13 Os que tocavam cornetas e os cantores, em uníssono, louvaram e agradeceram ao Senhor. Ao som de cornetas, címbalos e outros instrumentos, levantaram suas vozes em louvor ao Senhor e cantaram: "Ele é bom; o seu amor dura para sempre". Então uma nuvem encheu o templo do Senhor,
14 luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqaa guutee tureetii.
14 de forma que os sacerdotes não podiam desempenhar o seu serviço, pois a glória do Senhor encheu o templo de Deus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.