2 Crônicas 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo Waaqayyo abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha.
1 Começou Salomão a edificar a Casa do Senhor em Jerusalém, no monte Moriá, onde o Senhor aparecera a Davi, seu pai, lugar que Davi tinha designado na eira de Ornã, o jebuseu.
2 Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe.
2 Começou a edificar no segundo mês, no dia segundo, no ano quarto do seu reinado.
3 Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse.
3 Foram estas as medidas dos alicerces que Salomão lançou para edificar a Casa de Deus: o comprimento em côvados, segundo o primitivo padrão, sessenta côvados, e a largura, vinte.
4 Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture.
4 O pórtico diante da casa media vinte côvados no sentido da largura do Lugar Santo, e a altura, cento e vinte, o que, dentro, cobriu de ouro puro.
5 Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse.
5 Também fez forrar de madeira de cipreste a sala grande, e a cobriu de ouro puro, e gravou nela palmas e cadeias.
6 Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture.
6 Também adornou a sala de pedras preciosas; e o ouro era de Parvaim.
7 Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe.
7 Cobriu também de ouro a sala, as traves, os umbrais, as paredes e as portas; e lavrou querubins nas paredes.
8 Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii dhibba jaʼa itti uffise.
8 Fez mais o Santo dos Santos, cujo comprimento, segundo a largura da sala grande, era de vinte côvados, e também a largura, de vinte; cobriu-a de ouro puro do peso de seiscentos talentos.
9 Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise.
9 O peso dos pregos era de cinquenta siclos de ouro. Cobriu de ouro os cenáculos.
10 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise.
10 No Santo dos Santos, fez dois querubins de madeira e os cobriu de ouro.
11 Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa.
11 As asas estendidas, juntas, dos querubins mediam o comprimento de vinte côvados; a asa de um deles, de cinco côvados, tocava na parede da casa; e a outra asa, de cinco côvados, tocava na asa do outro querubim.
12 Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa.
12 Também a asa do outro querubim era de cinco côvados e tocava na outra parede; era também a outra asa igualmente de cinco côvados e estava unida à asa do outro querubim. As asas destes querubins se estendiam por vinte côvados;
13 Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan.
13 eles estavam postos em pé, e o seu rosto, virado para o Santo Lugar.
14 Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche.
14 Também fez o véu de estofo azul, púrpura, carmesim e linho fino; e fez bordar nele querubins.
15 Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan.
15 Fez também diante da sala duas colunas de trinta e cinco côvados de altura; e o capitel, sobre cada uma, de cinco côvados.
16 Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise.
16 Também fez cadeias, como no Santo dos Santos, e as pôs sobre as cabeças das colunas; fez também cem romãs, as quais pôs nas cadeias.
17 Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase.
17 Levantou as colunas diante do templo, uma à direita, e outra à esquerda; a da direita, chamou-lhe Jaquim, a da esquerda, Boaz.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.