2 Crônicas 36

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii Yerusaalem keessatti iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
1 O povo da terra proclamou Jeoacaz, filho de Josias, como seu sucessor em Jerusalém.
2 Yehooʼaahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche.
2 Jeoacaz tinha 23 anos quando começou a reinar, e reinou em Jerusalém por três meses.
3 Mootiin Gibxi immoo Yerusaalem keessatti teessoo isaa irraa isa buuse; Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
3 Foi deposto pelo rei do Egito, que exigiu de Judá o pagamento de 3.500 quilos de prata e 35 quilos de ouro como tributo.
4 Mootiin Gibxis Eliiyaaqiim obboleessa Yehooʼaahaaz Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; innis maqaa Eliiyaaqiim geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Nekkoonis Yoʼahaz obboleessa Eliiyaaqiim fuudhee Gibxitti geesse.
4 O rei do Egito nomeou Eliaquim, irmão de Jeoacaz, rei sobre Judá e sobre Jerusalém, e mudou o nome dele para Jeoaquim. Depois, Neco levou Jeoacaz para o Egito como prisioneiro.
5 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete.
5 Jeoaquim tinha 25 anos quando começou a reinar, e reinou em Jerusalém por onze anos. Fez o que era mau aos olhos do S enhor , seu Deus.
6 Nebukadnezar mootichi Baabilon isatti duule; gara Baabilonittis isa geessuudhaaf foncaa naasiitiin isa hidhe.
6 Então Nabucodonosor, rei da Babilônia, atacou Jerusalém e prendeu Jeoaquim com correntes de bronze. Depois, levou-o para a Babilônia.
7 Nebukadnezar miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo guuree Baabilonitti geessee mana waaqeffannaa isaa keessa ni kaaʼe.
7 Nabucodonosor também levou alguns dos tesouros do templo do S enhor e os colocou em seu palácio, na Babilônia.
8 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni jibbisiisaan inni hojjetee fi balleessaan isa irratti argame hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
8 Os demais acontecimentos do reinado de Jeoaquim, incluindo todas as coisas detestáveis que fez e tudo que foi achado contra ele, estão registrados no Livro dos Reis de Israel e de Judá . Seu filho Joaquim foi seu sucessor.
9 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
9 Joaquim tinha 18 anos quando começou a reinar, e reinou em Jerusalém por três meses e dez dias. Fez o que era mau aos olhos do S enhor .
10 Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
10 Na virada do ano, o rei Nabucodonosor levou Joaquim para a Babilônia. Nessa ocasião, também levou os tesouros do templo do S enhor . Nabucodonosor nomeou Zedequias, tio de Joaquim, rei sobre Judá e sobre Jerusalém.
11 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche.
11 Zedequias tinha 21 anos quando começou a reinar, e reinou em Jerusalém por onze anos.
12 Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii Waaqayyoo isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne.
12 Zedequias fez o que era mau aos olhos do S enhor , seu Deus, e não se humilhou quando o profeta Jeremias lhe falou diretamente da parte do S enhor .
13 Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide.
13 Também se rebelou contra o rei Nabucodonosor, embora lhe tivesse jurado lealdade em nome de Deus. Zedequias era um homem duro e teimoso e se recusou a voltar para o S enhor , o Deus de Israel.
14 Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa Waaqayyoo kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban.
14 Da mesma forma, todos os líderes dos sacerdotes e o povo se tornaram cada vez mais infiéis. Seguiram todas as práticas detestáveis das nações vizinhas e profanaram o templo do S enhor que havia sido consagrado em Jerusalém.
15 Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge.
15 Repetidamente, o S enhor , o Deus de seus antepassados, enviou profetas para adverti-los, pois tinha compaixão de seu povo e do lugar de sua habitação.
16 Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.
16 No entanto, eles zombaram dos mensageiros de Deus e desprezaram suas palavras. Caçoaram dos profetas até que a ira do S enhor não pôde mais ser contida e nada mais se pôde fazer.
17 Kanaafuu inni mootii warra Baabilon isaanitti fide; mootichis mana qulqullummaa keessatti dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixe; dargaggoota yookaan dubara, jaarsolii yookaan warra dullooman tokko illee hin hambifne. Waaqni hunda isaanii dabarsee harka Nebukadnezaritti kenne.
17 Então o S enhor trouxe o rei da Babilônia contra eles. Os babilônios mataram os jovens e foram atrás deles até dentro do santuário. Não tiveram piedade nem dos rapazes, nem das moças, nem dos idosos e doentes. Deus os entregou todos nas mãos do rei.
18 Innis mana qulqullummaa Waaqaatii miʼoota hunda xinnaa fi guddaa, qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo, qabeenya mootichaa fi kan qondaaltota isaa saamee Baabilonitti geesse.
18 Ele levou para a Babilônia todos os utensílios, grandes e pequenos, do templo de Deus e todos os tesouros do templo do S enhor e do palácio do rei e de seus oficiais.
19 Isaan mana qulqullummaa Waaqaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan; masaraawwan mootummaa hunda gubanii waan gatii qabu hundas barbadeessan.
19 Seu exército queimou o templo de Deus, derrubou os muros de Jerusalém, queimou todos os palácios e destruiu tudo que era de valor.
20 Inni hambaa goraadee irraa hafe boojiʼee Baabilonitti geesse; isaanis hamma mootummaan Faares aangoo qabatetti tajaajiltoota isaa fi tajaajiltoota ilmaan isaa taʼan.
20 Os poucos habitantes que sobreviveram foram levados para o exílio na Babilônia e se tornaram servos do rei e de seus filhos, até que o reino da Pérsia conquistou o poder.
21 Biyyattiin boqonnaa sanbata ishee ni argatte; akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame raawwatamuuf hamma waggaan torbaatamni dhumutti biyyattiin yeroo ontee turte guutuu ni boqotte.
21 Cumpriu-se, desse modo, a mensagem do S enhor transmitida por Jeremias. A terra finalmente desfrutou seu descanso sabático e permaneceu desolada até que se completaram os setenta anos, conforme o profeta havia anunciado.
22 Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
22 No primeiro ano do reinado de Ciro, rei da Pérsia, o S enhor cumpriu a profecia que havia anunciado por meio de Jeremias. O S enhor despertou o coração de Ciro para registrar por escrito a seguinte proclamação e enviá-la a todo o seu reino:
23 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha:
23 “Assim diz Ciro, rei da Pérsia: “O S

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 36, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.