2 Crônicas 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Solomoonis akka Maqaa Waaqayyootiif manni qulqullummaa ofii isaaf immoo masaraan mootummaa ijaaramu ni ajaje.
1 Salomão resolveu edificar o templo ao nome do Senhor , bem como um palácio para o seu reino.
2 Innis namoota baʼaa baatan 70,000 warra gaarran irratti dhagaa cabsan 80,000 fi warra isaan toʼatan 3,600 gurmeesse.
2 Salomão designou setenta mil homens para levarem as cargas, oitenta mil para talharem pedras nas montanhas e três mil e seiscentos para dirigirem a obra.
3 Solomoon akkana jedhee Huuraam mooticha Xiiroositti ergaa kana erge:
3 Salomão mandou dizer a Hirão, rei de Tiro: — Como você fez com Davi, meu pai, e lhe mandou cedros, para edificar o palácio em que morasse, assim também faça comigo.
4 Kunoo ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaree akka isa keessatti ixaanni urgaaʼaan fuula isaa duratti aarfamuuf, akka buddeenni qulqulleeffame yeroo yerootti dhiʼeeffamuu fi akka ganama hundaa fi galgala hunda, guyyoota Sanbataa, guyyaa Baatii Haaraatii fi guyyaa ayyaana Waaqayyo Waaqa keenyaa kan murtaaʼetti aarsaan gubamu dhiʼeeffamuuf addaan baasee isaa kennuuf yaadeera. Kunis Israaʼeliitiif seera bara baraa ti.
4 Eis que estou para edificar um templo ao nome do Senhor , meu Deus, para consagrá-lo a ele, queimar diante dele incenso aromático e lhe apresentar o pão contínuo da proposição e os holocaustos da manhã e da tarde, nos sábados, nas Festas da Lua Nova e nas festividades do Senhor , nosso Deus. Esta é uma obrigação perpétua para Israel.
5 “Sababii Waaqni keenya waaqota kaan hunda irra guddaa taʼeef, manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa ni taʼa.
5 O templo que edificarei será grande, porque o nosso Deus é maior do que todos os deuses.
6 Garuu waan samiiwwanii fi samiiwwan samii olii iyyuu isa baachuu hin dandeenyeef eenyutu mana qulqullummaa isaaf ijaaruu dandaʼa? Yoos iddoo aarsaan itti fuula isaa duratti gubamu malee mana qulqullummaa isaaf ijaaruuf ani eenyu?
6 No entanto, quem seria capaz de lhe edificar um templo, visto que os céus e até o céu dos céus não o podem conter? E quem sou eu para lhe edificar um templo, a não ser para queimar incenso diante dele?
7 “Kanaafuu akka inni ogeeyyii koo kanneen dandeettii hojii harkaa qaban warra abbaan koo Daawit qopheesse wajjin Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa hojjetuuf nama hojii warqeetii fi meetiitti, hojii naasiitii fi hojii sibiilaatti hojii kirrii diimaa dhiilgeetiin, diimaa akka dhiigaatii fi cuquliisaatti ogummaa qabaatee ogummaa waa soofuutiin leenjifame tokko naaf ergi.
7 Portanto, mande-me, agora, um homem que saiba trabalhar em ouro, em prata, em bronze, em ferro, em obras de púrpura, de carmesim e de pano azul; que saiba fazer obras de entalhe juntamente com os peritos que estão comigo em Judá e em Jerusalém, os quais Davi, meu pai, contratou.
8 “Akkasumas muka gaattiraa, muka birbirsaatii fi muka sandalii Libaanoon keessaa naaf ergi; ani akka namoonni kee ogummaa muka muruu qaban beekaatii. Namoonni koos namoota kee wajjin ni hojjetu;
8 Mande-me também madeira de cedros, ciprestes e sândalo do Líbano; porque bem sei que os seus servos sabem cortar madeira no Líbano. Eis que os meus servos estarão com os seus servos,
9 sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii.
9 para me prepararem muita madeira, porque o templo que edificarei será grande e maravilhoso.
10 Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.”
10 Aos seus servos, cortadores da madeira, darei duas mil toneladas de trigo batido, duas mil toneladas de cevada, quatrocentos mil litros de vinho e quatrocentos mil litros de azeite.
11 Huuraam mootichi Xiiroos akkana jedhee xalayaadhaan Solomooniif deebise:
11 Hirão, rei de Tiro, respondeu por uma carta que enviou a Salomão, dizendo: — O
12 Huuraamis ittuma fufee akkana jedhe:
12 Hirão também disse: — Bendito seja o
13 “Ani kunoo Huuraamabii namicha ogummaa guddaa qabu tokko siif ergeera;
13 E agora vou enviar um homem sábio de grande entendimento, a saber, Hirão-Abi,
14 haati isaa nama biyya Daanii ti; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiroosii ti. Innis ogummaa hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan dhagaatii fi mukaa, akkasumas kirrii diimaa dhiilgee, cuquliisaa, diimaa akka dhiigaatii fi quncee talbaa haphiitiin leenjifameera. Inni nama hojii waa soofuu gosa hundaatiin ogummaa kuufate kan karoora itti kenname kam iyyuu raawwachuu dandaʼuu dha. Innis ogeeyyii keetii fi ogeeyyii gooftaa koo, abbaa kee Daawit wajjin ni hojjeta.
14 filho de uma mulher das filhas de Dã e cujo pai era da cidade de Tiro. Ele sabe trabalhar em ouro, em prata, em bronze, em ferro, em pedras e em madeira, em obras de púrpura, de pano azul e de linho fino e em obras de carmesim. É hábil para toda obra de entalhe e para elaborar qualquer plano que lhe for apresentado, juntamente com os seus peritos e os peritos de Davi, meu senhor, seu pai.
15 “Kanaafuu amma gooftaan koo qamadii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii wayinii kan abdachiise sana garboota isaatiif haa ergu;
15 Agora, que o meu senhor mande para os seus servos o trigo, a cevada, o azeite e o vinho de que falou.
16 nus muka si barbaachisu hunda Libaanoonii murree walitti hiinee hamma Yoopheetti galaana irra gad siif ergina. Ati immoo Yerusaalemitti ni geeffatta.”
16 E nós cortaremos tanta madeira no Líbano quanta você precisar e a faremos chegar em jangadas, pelo mar, a Jope, e dali você a levará para Jerusalém.
17 Solomoon erga Daawit abbaan isaa saba lakkaaʼeen duubatti alagoota Israaʼel keessa jiraatan hunda ni lakkaaʼe; baayʼinni isaaniis 153,600 taʼe.
17 Salomão levantou o censo de todos os homens estrangeiros que havia na terra de Israel, segundo o censo que Davi, o seu pai, havia feito; e acharam-se cento e cinquenta e três mil e seiscentos.
18 Innis isaan keessaa nama 70,000 baʼaa baachuutti, nama 80,000 gaarran irratti dhagaa cabsuutti ramade; nama 3,600 immoo akka isaan namoota hojii hojjechiisaniif isaan irratti muude.
18 Destes, Salomão designou setenta mil para levarem as cargas, oitenta mil para talharem pedras nas montanhas e três mil e seiscentos para dirigirem o trabalho do povo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.