2 Crônicas 29

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
1 Ezequias começou a reinar quando tinha vinte e cinco anos; e reinou vinte e nove anos em Jerusalém. E o nome de sua mãe era Abia, filha de Zacarias.
2 Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
2 Ele fez o que era reto aos olhos do Senhor, conforme tudo quanto fizera Davi, seu pai.
3 Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoo ni bane; ni haaromses.
3 Pois ele, no primeiro ano do seu reinado, no primeiro mês, abriu as portas da casa do Senhor, e as reparou.
4 Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee
4 Fez vir os sacerdotes e os levitas e, ajuntando-os na praça oriental,
5 akkana jedheen; “Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa.
5 disse-lhes: Ouvi-me, ó levitas; santificai-vos agora, e santificai a casa do Senhor, Deus de vossos pais, e tirai do santo lugar a imundícia.
6 Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya Waaqayyoo irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan.
6 Porque nossos pais se houveram traiçoeiramente, e fizeram o que era mau aos olhos do Senhor nosso Deus; deixaram-no e, desviando os seus rostos da habitação do Senhor, voltaram-lhe as costas.
7 Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Waaqa Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine.
7 Também fecharam as portas do alpendre, apagaram as lâmpadas, e não queimaram incenso nem ofereceram holocaustos no santo lugar ao Deus de Israel.
8 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe.
8 Pelo que veio a ira do Senhor sobre Judá e Jerusalém, e ele os entregou para serem motivo de espanto, de admiração e de escárnio, como vós o estais vendo com os vossos olhos.
9 Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma.
9 Porque eis que nossos pais caíram à espada, e nossos filhos, nossas filhas e nossas mulheres estão por isso em cativeiro.
10 Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera.
10 Agora tenho no coração o propósito de fazer um pacto com o Senhor, Deus de Israel, para que se desvie de nós o ardor da sua ira.
11 Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; Waaqayyo akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii.”
11 Filhos meus, não sejais negligentes, pois o Senhor vos escolheu para estardes diante dele a fim de o servir, e para serdes seus ministros e queimardes incenso.
12 Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis:
12 Então se levantaram os levitas: Maate, filho de Amasai, e Joel, filho de Azarias, dos filhos dos coatitas; e dos filhos de Merári: Quis, filho de Abdi, e Azurias, filho de Jealelel; e dos gersonitas: Joá, filho de Zima, e Edem filho de Joá;
13 ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa,
13 e dos filhos de Elizafã: Sínri e Jeuel; dos filhos de Asafe; Zacarias e Matanias;
14 ilmaan Heemaan keessaa,
14 e dos filhos de Hemã: Jeuel e Simei; e dos filhos de Jedutun: Semaías e Uziel.
15 Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii Waaqayyootti isaan ajajetti mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan.
15 Ajuntaram seus irmãos, santificaram-se e entraram conforme a ordem do rei, segundo as palavras do Senhor, para purificarem a casa do Senhor.
16 Luboonnis mana Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa Waaqayyootti gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan.
16 Também os sacerdotes entraram na parte interior da casa do Senhor para a limparem, e tirarem para fora, ao átrio da casa do Senhor, toda a imundícia que acharem no templo do Senhor; e os levitas a tomaram e a levaram para fora, ao ribeiro de Cedrom.
17 Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo Waaqayyoo bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan.
17 Começaram a santificá-la no primeiro dia do primeiro mês, e ao oitavo dia do mês chegaram ao alpendre do Senhor, e santificaram a casa do Senhor em oito dias; no décimo sexto dia do primeiro mês acabaram.
18 Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; “Nu guutummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra.
18 Então foram ter com o rei Ezequias no palácio, e disseram: Acabamos de limpar toda a casa do Senhor, como também o altar do holocausto com todos os seus utensílios, e a mesa dos pães da proposição com todos os seus utensílios.
19 Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo dura jiru.”
19 Todos os utensílios que o rei Acaz, no seu reinado, lançou fora, na sua infidelidade, já os preparamos e santificamos; e eis que estão diante do altar do Senhor.
20 Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe.
20 Então o rei Ezequias se levantou de madrugada, e ajuntou os príncipes da cidade e subiu à casa do Senhor.
21 Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Aroon sana ni ajaje.
21 E trouxeram sete novilhos, sete carneiros, sete cordeiros e sete bodes, como oferta pelo pecado a favor do reino, e do santuário e de Judá; e o rei deu ordem aos sacerdotes, filhos de Arão, que os oferecessem sobre o altar do Senhor.
22 Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan.
22 Os sacerdotes pois imolaram os novilhos, e tomando o sangue o espargiram sobre o altar; também imolaram os carneiros, e espargiram o sangue sobre o altar; semelhantemente imolaram os cordeiros, e espargiram o sangue sobre o altar.
23 Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan.
23 Então trouxeram os bodes, como oferta pelo pecado, perante o rei e a congregação, que lhes impuseram as mãos;
24 Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan.
24 e os sacerdotes os imolaram, e com o seu sangue fizeram uma oferta pelo pecado, sobre o altar, para fazer expiação por todo o Israel. Porque o rei tinha ordenado que se fizesse aquele holocausto e aquela oferta pelo pecado por todo o Israel.
25 Innis akkuma Daawitii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan raajichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa Waaqayyootti ramade; kunis ajaja Waaqayyo karaa raajota isaatiin kennee dha.
25 Também dispôs os levitas na casa do Senhor com címbalos, alaúdes e harpas conforme a ordem de Davi, e de Gade, o vidente do rei, e do profeta Natã; porque esta ordem viera do Senhor, por meio de seus profetas.
26 Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawit, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan.
26 E os levitas estavam em pé com os instrumentos de Davi, e os sacerdotes com as trombetas.
27 Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawit mooticha Israaʼeliin Waaqayyoof faarfatamus ni jalqabame.
27 E Ezequias ordenou que se oferecesse o holocausto sobre o altar; e quando começou o holocausto, começou também o canto do Senhor, ao som das trombetas e dos instrumentos de Davi, rei de Israel.
28 Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe.
28 Então toda a congregação adorava, e os cantores cantavam, e os trombeteiros tocavam; tudo isso continuou até se acabar o holocausto.
29 Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan.
29 Tendo eles acabado de fazer a oferta, o rei e todos os que estavam com ele se prostraram e adoraram.
30 Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawitii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin Waaqayyoon galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan.
30 E o rei Ezequias e os príncipes ordenaram aos levitas que louvassem ao Senhor com as palavras de Davi, e de Asafe, o vidente. E eles cantaram louvores com alegria, e se inclinaram e adoraram.
31 Ergasiis Hisqiyaas, “Isin amma Waaqayyoof of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa Waaqayyootti galchaa” jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan.
31 Então Ezequias disse: Agora que vos consagrastes ao Senhor chegai-vos e trazei sacrifícios e ofertas em ação de graças a casa do Senhor. E a congregação trouxe sacrifícios e ofertas em ação de graças, e todos os que estavam dispostos de coração trouxeram holocaustos.
32 Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii Waaqayyoof dhiʼeeffaman.
32 E o número dos holocaustos que a congregação trouxe foi de setenta novilhos, cem carneiros e duzentos cordeiros, tudo isso em holocausto ao Senhor.
33 Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture.
33 Houve também, de coisas consagradas, seiscentos bois e três mil ovelhas.
34 Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii.
34 Eram, porém, mui poucos os sacerdotes, de modo que não podiam esfolar todos os holocaustos; pelo que seus irmãos, os levitas, os ajudaram, até se acabar a obra, e até que os outros sacerdotes se santificassem, pois os levitas foram mais retos de coração, para se santificarem, do que os sacerdotes.
35 Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture.
35 E houve também holocaustos em abundância, juntamente com a gordura das ofertas pacíficas, e com as ofertas de libação para cada holocausto. Assim se restabeleceu o ministério da casa do Senhor.
36 Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Waaqni saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii.
36 E Ezequias regozijou-se, e com ele todo o povo, por causa daquilo que Deus tinha preparado a favor do povo; pois isto se fizera de improviso.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 29, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.