2 Crônicas 27

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte.
1 Joatão tinha a idade de vinte e cinco anos quando começou a reinar, e reinou durante dezesseis anos em Jerusalém. Sua mãe chamava-se Jerusa, filha de Sadoc.
2 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan.
2 Fez o bem aos olhos do Senhor, e seguiu as pegadas de seu pai Ozias, exceto que não penetrou no templo do Senhor. Mas o povo continuava a se corromper.
3 Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare; dallaa dhagaa kan gaara Oofeel irrattis hojiiwwan ijaarsaa baayʼee ni hojjete.
3 Foi Joatão quem construiu a porta superior do templo do Senhor, e trabalhou muito no muro de Ofel.
4 Gaarran Yihuudaa irratti magaalaawwan, bosona keessatti immoo daʼannoowwanii fi gamoowwan ni ijaare.
4 Construiu cidades na montanha de Judá, fortes e torres nas matas.
5 Yootaamis mootii Amoonotaa waraanee isaan ni moʼate. Waggaa sana keessa Amoononni meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu safartuu qoroosii kuma kudhan ni kennaniif. Amoononni waggaa lammaffaa fi waggaa sadaffaattis hammasuma ni kaffalaniif.
5 Fez guerra ao rei dos amonitas e venceu-os. Nesse ano, os amonitas pagaram-lhe um tributo de cem talentos de prata, dez mil coros de trigo, e dez mil de cevada; isso eles trouxeram também no segundo e no terceiro ano.
6 Yootaam sababii fuula Waaqayyo Waaqa isaa dura amanamummaan deddeebiʼeef jabaachaa deeme.
6 Joatão tornou-se assim muito poderoso, porque ele andava com firmeza nos caminhos do Senhor, seu Deus.
7 Wantoonni bara Yootaam keessa hojjetaman biraa, lola inni lolee fi wantoonni inni hojjete biraa kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru.
7 Os outros atos de Joatão, suas ações e feitos, suas guerras, tudo isso está relatado nos livros dos reis de Israel e de Judá.
8 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche.
8 Tinha vinte e cinco anos quando começou a reinar: reinou dezesseis anos em Jerusalém.
9 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
9 Joatão adormeceu entre seus pais e foi sepultado na cidade de Davi. Seu filho Acaz sucedeu-lhe no trono.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 27, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.