2 Crônicas 26

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergasii namoonni Yihuudaa hundi Uziyaan nama waggaa kudha jaʼa sana fuudhanii iddoo abbaa isaa iddoo Amasiyaa buusanii mootii ni godhan.
1 Todo o povo de Judá tomou por rei a Ozias, então com a idade de dezesseis anos, e o entronizou em lugar de seu pai Amasias.
2 Erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee namni Eelootin deebisee ijaaree gara Yihuudaatti deebisee Uziyaan ture.
2 Foi ele quem reedificou Elat e fez voltar essa cidade ao domínio de Judá, depois que o rei adormeceu com seus pais.
3 Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
3 Tinha Ozias a idade de dezesseis anos quando começou a reinar, e reinou cinqüenta e dois anos em Jerusalém. Sua mãe chamava-se Jequelia e era de Jerusalém.
4 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
4 Fez o bem aos olhos do Senhor, como tinha feito seu pai Amasias.
5 Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni Waaqayyoon barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse.
5 Aplicou-se a honrar a Deus durante a vida de Zacarias, que o instruiu no temor de Deus. Enquanto honrou ao Senhor, Deus o fez prosperar.
6 Innis Filisxeemotatti duulee dallaawwan Gaati, kan Yabinee fi kan Ashdood ni diige. Ergasii Ashdood birattii fi bulchiinsota Filisxeemotaa kaan keessatti magaalaawwan deebisee ni ijaare.
6 Fez uma expedição contra os filisteus. Derrubou a muralha de Get, a de Jabnia e a de Azot; construiu cidades no território de Azot e na terra dos filisteus.
7 Yeroo inni Filisxiyaatti, Araboota Guur Baʼaalittii fi Meʼuunootatti kaʼetti Waaqni isa gargaare.
7 Deus o ajudou contra os filisteus, contra os árabes de Gurbaal, e contra os maonitas.
8 Warri Amoonis Uziyaaniif gibira ni fidan; sababii inni baayʼee jabaateef gurri isaa hamma daangaa Gibxitti beekame.
8 Os amonitas lhe pagaram tributo, e sua fama se fortificou de tal modo, que se estendeu até os confins do Egito.
9 Uziyaanis Yerusaalem keessatti Karra Golee irratti, Karra sululaa irrattii fi golee dallaa irratti gamoowwan eegumsaa ni ijaare.
9 Levantou torres fortificadas em Jerusalém, na porta do ângulo, na porta do vale e no ângulo.
10 Akkasumas inni sababii gaarran jalaa fi dirree irraa horii akka malee baayʼee qabuuf gammoojjii keessatti gamoowwan eegumsaa ijaaree boolla bishaanii hedduus ni qote; inni waan hojii qotiisaa jaallatuuf qottoota gaarranii fi lafa gabbataa qotanii wayiniis dhaaban qaba ture.
10 Construiu também torres no deserto, onde cavou numerosos poços, pois possuía ali numerosos rebanhos, tanto na planície como no planalto. Tinha lavradores e vinhateiros nas montanhas e nos pomares, porque se interessava pela agricultura.
11 Kana malees Uziyaan hoomaa waraanaa kan akka gaarii leenjifamee waraanaaf qophaaʼe qaba ture; hoomaan waraanaa kunis dura buʼummaa Hanaaniyaa isa qondaaltota mootichaa keessaa tokko taʼe sanaan akkuma baayʼina isaaniitti garee gareedhaan Yeʼiiʼeel barreessaa sanaa fi Maʼaseyaa ajajjichaan gurmeeffame.
11 Ozias tinha um exército de guerreiros que saíam por turmas ao combate, contados segundo o recenseamento deles, feito pelo escriba Jeiel e o comissário Maasias, sob a direção de Hananias, um dos generais do rei.
12 Baayʼinni hooggantota maatii kanneen loltoota irratti muudamanii walumatti 2,600 ture.
12 O número total dos chefes de família, guerreiros valentes, era de dois mil e seiscentos.
13 Ajaja isaanii jalattis hoomaa waraanaa kan namoota lolaaf leenjifaman 307,500 of keessaa qabu tokkotu ture; hoomaan kunis humna guddaa kan yeroo mootichi diinota isaatti duulutti isa gargaaruu dha.
13 O exército que comandavam era de trezentos e sete mil e quinhentos homens, que faziam a guerra com valor suficiente para ajudar o rei contra o inimigo.
14 Uziyaan loltoota hundaaf gaachana, eeboo, gonfoo sibiilaa, qomee sibiilaa, xiyyaa fi furrisa dhagaa kenne.
14 A todo esse exército Ozias fornecia escudos, lanças, capacetes, couraças, arcos e pedras de funda.
15 Innis Yerusaalem keessatti meeshaawwan namoota ogeeyyiidhaan hojjetaman kanneen gamoowwan eegumsaatii fi goleewwan ittisaa gubbaatti xiyya darbachuu fi dhagaa furuursuuf fayyadan ijaare. Innis hamma jabaatutti waan gargaarsa argateef maqaan isaa fagootti illee balʼinaan ni beekame.
15 Mandou construir em Jerusalém, pelos cuidados de um engenheiro, máquinas para serem colocadas nas torres e nos ângulos das muralhas, que atiravam flechas e grandes pedras. Sua fama se estendeu ao longe, pois Deus fez maravilhas para ajudá-lo a adquirir um grande poder.
16 Garuu Uziyaan erga jabaatee booddee, of tuulummaan isaa kufaatii isatti fide. Innis iddoo aarsaa ixaanaatti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuudhaan amanamummaa Waaqayyo Waaqa isaatiif qabu irraa duubatti ni deebiʼe.
16 Mas, apenas sentiu-se ele poderoso, seu coração encheu-se de orgulho, para sua desgraça. Cometeu uma falta contra o Senhor, seu Deus, entrando no templo do Senhor para queimar incenso no altar dos perfumes.
17 Azaariyaa lubichis luboota Waaqayyoo warra waa hin sodaanne kan biraa saddeettama wajjin isa duukaa ni seene.
17 O sacerdote, Azarias, com oitenta corajosos sacerdotes do Senhor, seguiram-no.
18 Isaanis Uziyaan mootichaan mormanii, “Yaa Uziyaan Waaqayyoof ixaana aarsuun luboota sanyii Aroon warra ixaana aarsuuf filataman sanaaf malee siif hin malu. Ati sababii amanamaa hin taʼiniif Waaqayyo Waaqa biraa ulfina hin argattuutii iddoo qulqulluu kanaa baʼi” jedhaniin.
18 Resistiram ao rei Ozias e lhe disseram: Não compete a ti, Ozias, queimar incenso ao Senhor, mas aos sacerdotes da estirpe de Aarão, que foram consagrados para esse fim. Sai do santuário, porque prevaricaste, e isso não será para ti honra diante do Senhor Deus.
19 Uziyaanis utuu ixaana aarsuuf girgiraa harkatti qabatee qophaaʼee jiruu ni aare. Innis utuma mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti iddoo aarsaa ixaana duratti lubootatti aaraa jiruu ijuma isaanii duratti lamxiin adda isaatti ni baʼe.
19 Então Ozias, tendo na mão o turíbulo, encolerizou-se; mas, durante esse acesso de cólera, apareceu a lepra em sua fronte, ali, no templo do Senhor, na presença dos sacerdotes, diante do altar dos perfumes.
20 Azaariyaa lubichi hangafnii fi luboonni biraa hundinuu yeroo isa ilaalanitti akka lamxiin adda isaa irra jiru ni argan; kanaafuu isaan dafanii gad isa baasan. Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isa dhaʼeef dhugumaan inni iyyuu baʼuuf ariifatee ture.
20 O sumo sacerdote Azarias e todos os outros sacerdotes, olhando-o, viram essa lepra que ele tinha na fronte. Precipitadamente fizeram-no sair; aliás, ele próprio se apressou em sair, sentindo-se ferido pelo Senhor.
21 Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa Waaqayyoo irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
21 O rei Ozias ficou leproso até a morte. Como tal, viveu numa casa isolada. Estava excluído do templo do Senhor, e seu filho Joatão governava o palácio e julgava o povo da terra.
22 Wantoonni bara mootummaa Uziyaan keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman biraan Isaayyaas raajicha ilma Amoosiin galmeeffamaniiru.
22 O profeta Isaías relatou os outros atos de Ozias, desde os primeiros até os últimos.
23 Uziyaanis abbootii isaa wajjin boqotee sababii namoonni, “Inni lamxii qaba” jedhaniif inni lafa awwaala moototaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
23 Ozias adormeceu entre seus pais e foi sepultado perto deles, no campo da sepultura dos reis, porque diziam: Ele era leproso. Seu filho Joatão sucedeu-lhe no trono.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 26, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.