2 Crônicas 22

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.
1 O povo de Jerusalém proclamou Acazias, filho mais novo de Jeorão, rei em seu lugar, uma vez que as tropas que vieram com os árabes haviam matado todos os outros filhos dele. Assim começou a reinar Acazias, filho de Jeorão, rei de Judá.
2 Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.
2 Acazias tinha vinte e dois anos de idade quando começou a reinar, e reinou um ano em Jerusalém. O nome de sua mãe era Atalia, neta de Onri.
3 Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe.
3 Ele também andou nos caminhos da família de Acabe, pois sua mãe lhe dava maus conselhos.
4 Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
4 Ele fez o que o Senhor reprova, como a família de Acabe havia feito, pois, depois da morte de seu pai, eles se tornaram seus conselheiros, para sua ruína.
5 Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
5 Ele também seguiu o conselho deles quando aliou-se a Jorão, filho de Acabe, rei de Israel, e saiu à guerra contra Hazael, rei da Síria, em Ramote-Gileade. Jorão foi ferido
6 kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe.
6 e voltou a Jezreel para recuperar-se dos ferimentos sofridos em Ramote, na batalha contra Hazael, rei da Síria. Depois Acazias, rei de Judá, foi a Jezreel visitar Jorão, que se recuperava de seus ferimentos.
7 Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama Waaqayyo akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha.
7 Por meio dessa visita, Deus provocou a queda de Acazias. Quando ele chegou, saiu com Jorão ao encontro de Jeú, filho de Ninsi, a quem o Senhor havia ungido para destruir a família de Acabe.
8 Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate.
8 Quando Jeú estava executando juízo sobre a família de Acabe, encontrou os líderes de Judá e os filhos dos parentes de Acazias, que o serviam, e os matou.
9 Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
9 Saiu então em busca de Acazias, e seus soldados o capturaram em Samaria, onde estava escondido. Levado a Jeú, Acazias foi morto. Mas não lhe negaram sepultura, pois disseram: "Ele era neto de Josafá, que buscou o Senhor de todo o coração". Assim, a família de Acazias não tinha mais ninguém que pudesse ser rei.
10 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite.
10 Quando Atalia, mãe de Acazias, soube que seu filho estava morto, mandou matar toda a família real de Judá.
11 Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite.
11 Mas Jeoseba, filha do rei Jeorão, pegou Joás, um dos filhos do rei Acazias que iam ser assassinados, e o colocou num quarto, junto com a sua ama. Assim Jeoseba, filha do rei Jeorão, mulher do sacerdote Joiada e irmã de Acazias, escondeu Joás de Atalia, de forma que ela não pôde matá-lo.
12 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
12 Seis anos ele ficou escondido com elas no templo de Deus, enquanto Atalia governava o país.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.