2 Crônicas 21

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1 Josafá adormeceu com seus pais e foi sepultado na cidade de Davi. Seu filho Jorão lhe sucedeu no trono.
2 Obboloonni Yehooraam ilmaan Yehooshaafaax Azaariyaa, Yehiiʼeel, Zakkaariyaas, Ezaariyaas, Miikaaʼelii fi Shefaaxiyaa jedhaman ture. Isaan kunneen hundi ilmaan Yehooshaafaax mooticha Israaʼel sanaa turan.
2 Jorão tinha irmãos, filhos de Josafá: Azarias, Jaiel, Zacarias, Azaria, Miguel e Safatias, todos filhos de Josafá, rei de Judá.
3 Abbaan isaaniis kennaa meetii, kan warqeetii fi miʼoota gatii guddaa baasanii akkasumas magaalaawwan Yihuudaa keessaa kanneen dallaa jabaa qaban isaanii kenne; garuu sababii inni hangafa taʼeef mootummaa isaa Yehooraamiif kenne.
3 O pai deles tinha-os dotado consideravelmente de prata, ouro, objetos preciosos, e lhes dera fortalezas em Judá; mas legara o reino a Jorão, porque era o primogênito.
4 Yehooraam erga mootummaa abbaa isaa irratti jabaatee dhaabatee booddee obboloota isaa hundaa fi qondaaltota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ni fixe.
4 Uma vez consolidado na posse do reino de seu pai, Jorão fez perecer pela espada todos os seus irmãos, assim como alguns chefes de Israel.
5 Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
5 Tinha ele trinta e dois anos quando começou a reinar e reinou oito anos em Jerusalém.
6 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
6 Seguiu as pegadas dos reis de Israel, como havia feito a casa de Acab, cuja filha desposara. Praticou o mal aos olhos do Senhor.
7 Taʼus Waaqayyo sababii Daawit wajjin kakuu galeef mana Daawit balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni isaa fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
7 Contudo, não quis o Senhor destruir a casa de Davi, em vista da aliança feita com Davi e porque lhe tinha prometido deixar uma lâmpada, assim como a seus descendentes.
8 Bara Yehooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
8 No tempo de Jorão, Edom libertou-se da dominação de Judá, e constituiu um rei para si.
9 Kanaafuu Yehooraam qondaaltota isaatii fi gaariiwwan isaa hunda wajjin achi dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe.
9 Jorão se pôs a caminho, com seus chefes e seus carros, e no meio da noite bateu os edomitas que cercavam ele e os chefes dos carros.
10 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira.
10 Contudo, os edomitas ficaram livres da dominação de Judá até o dia de hoje. Pela mesma época, Lobna revoltou-se igualmente, porque Jorão tinha abandonado o Senhor, Deus de seus pais.
11 Tulluuwwan Yihuudaa irrattis iddoowwan sagadaa ijaaree akka namoonni Yerusaalem sagaagalan gochuudhaan Yihuudaa karaa irraa jalʼise.
11 Jorão estabeleceu também lugares altos nas montanhas de Judá; induziu â idolatria os habitantes de Jerusalém, e arrastou Judá ao mal.
12 Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha:
12 Foi então que lhe trouxeram da parte do profeta Elias uma mensagem concebida nos seguintes termos: Eis o que diz o Senhor, Deus de Davi, teu pai: Porque não andaste nas pegadas de teu pai Josafá, nem nas de Asa, rei de Judá,
13 Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe.
13 mas imitaste os reis de Israel, induziste à idolatria os habitantes de Judá e Jerusalém, como o fez a casa de Acab, e assassinaste teus irmãos, a família de teu pai, que eram melhores do que tu,
14 Kanaafuu Waaqayyo amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira.
14 o Senhor há de ferir com uma grande praga teu povo, teus filhos, tuas mulheres e todos os teus bens;
15 Ati mataan kee iyyuu dhukkuba marʼumaanii kan guyyaa guyyaadhaan hammaachaa deemuun qabamta; dhuma irrattis dhukkubichi marʼumaan kee alatti yaasa.’ ”
15 quanto a ti, hás de contrair no ventre uma grave doença, enfermidade que fará sair de teu corpo as entranhas durante longos dias.
16 Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase.
16 O Senhor excitou contra Jorão o ânimo dos filisteus e dos árabes, vizinhos dos etíopes.
17 Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef.
17 Eles subiram a Judá, irromperam por toda parte, pilharam todas as riquezas que estavam amontoadas no palácio real e levaram seus filhos com suas mulheres, de modo que só lhe ficou Joacaz, o filho mais novo.
18 Waan kana hundaa booddee Waaqayyo dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe.
18 Depois disso, o Senhor feriu-o no ventre com um mal incurável.
19 Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
19 Isso durou certo tempo e, pelo fim do segundo ano, a violência do mal fez-lhe sair as entranhas. Morreu no meio de violentas dores. Seu povo não queimou perfumes em sua honra como o tinham feito para seu pai.
20 Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne.
20 Sua idade era de trinta e dois anos quando começou a reinar e reinou oito anos em Jerusalém. Morreu sem ser chorado. Sepultaram-no na cidade dê Davi, mas não nos sepulcros reais.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 21, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.