2 Crônicas 19

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti,
1 Josafá, rei de Judá, voltou em paz para a sua casa, em Jerusalém.
2 Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra Waaqayyoon jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo sitti dhufeera.
2 O vidente Jeú, filho de Hanani, saiu ao encontro do rei Josafá e lhe disse: — Será que você devia ajudar o perverso e amar aqueles que odeiam o
3 Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.”
3 No entanto, boas coisas foram encontradas em você, porque tirou os postes da deusa Aserá da terra e pôs no coração o propósito de buscar a Deus.
4 Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe.
4 Josafá morou em Jerusalém. Ele tornou a passar pelo povo desde Berseba até a região montanhosa de Efraim e fez com que o povo voltasse ao Senhor , o Deus de seus pais.
5 Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude.
5 Nomeou juízes no país, em todas as cidades fortificadas de Judá, de cidade em cidade.
6 Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii.
6 Disse aos juízes: — Vejam bem o que vão fazer, porque vocês não estão julgando em nome de homens, e sim em nome do
7 Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.”
7 E agora, que o temor do Senhor esteja com vocês. Tenham cuidado com o que vão fazer, porque o Senhor , nosso Deus, não admite injustiça nem parcialidade, e também não aceita suborno.
8 Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera Waaqayyoo eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
8 Além disso, em Jerusalém Josafá nomeou alguns dos levitas, dos sacerdotes e dos chefes das famílias de Israel para julgarem em nome do Senhor e decidirem as questões de litígio. Por isso, moravam em Jerusalém.
9 Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun Waaqayyoon sodaachaa tajaajiluu qabdu.
9 Deu-lhes a seguinte ordem: — Façam tudo isto no temor do
10 Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan.
10 Sempre que os seus irmãos que moram nas cidades trouxerem uma questão relacionada com homicídio ou referente a lei e mandamento, estatutos e juízos, vocês devem admoestá-los, para que não se façam culpados diante do Senhor e para que não venha grande ira sobre vocês e sobre os seus irmãos. Façam assim e vocês não serão culpados.
11 “Waan kan Waaqayyoo taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; Waaqayyo warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.”
11 Eis que Amarias, o sumo sacerdote, presidirá nas coisas que dizem respeito ao Senhor , e Zebadias, filho de Ismael, chefe da casa de Judá, nas que dizem respeito ao rei. Também os levitas serão oficiais à disposição de vocês. Sejam fortes no cumprimento disso, e que o Senhor esteja com os bons.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 19, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.