2 Crônicas 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaamiif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa fi Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
1 Quando Roboão chegou em Jerusalém, convocou cento e oitenta mil homens de combate, das tribos de Judá e de Benjamim, para guerrearem contra Israel e recuperarem o reino para Roboão.
2 Garuu dubbiin Waaqayyoo kun akkana jedhee gara nama Waaqaa gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
2 Entretanto, veio esta palavra do Senhor a Semaías, homem de Deus:
3 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatii fi Israaʼeloota Yihuudaa fi Beniyaam keessa jiraatan hundaan akkana jedhi;
3 "Diga a Roboão, filho de Salomão, rei de Judá, e a todos os israelitas de Judá e de Benjamim:
4 ‘Waaqayyo akkana jedha: Obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyootiif ajajamanii Yerobiʼaamitti duuluu dhiisanii deebiʼan.
4 ‘Assim diz o Senhor: Não saiam à guerra contra os seus irmãos. Voltem para casa, todos vocês, pois fui eu que fiz isso’ ". E eles obedeceram à palavra do Senhor e desistiram de marchar contra Jeroboão.
5 Rehooboʼaam Yerusaalem keessa jiraatee Yihuudaa keessatti immoo magaalaawwan ittisaa ni ijaarrate; isaanis:
5 Roboão morou em Jerusalém e reconstruiu algumas cidades para a defesa de Judá. Foram elas:
6 Beetlihem, Eexaam, Teqooʼaa,
6 Belém, Etã, Tecoa,
7 Beet Zuuri, Sookoo, Adulaam,
7 Bete-Zur, Socó, Adulão,
8 Gaati, Maareeshaa, Ziif,
8 Gate, Maressa, Zife,
9 Adooraayim, Laakkiish, Azeeqaa,
9 Adoraim, Láquis, Azeca,
10 Zoraa, Ayaaloonii fi Kebrooni. Isaan kunneen magaalaawwan Yihuudaa fi Beniyaam keessatti jabeeffamanii ijaaramanii dha.
10 Zorá, Aijalom e Hebrom. Essas cidades foram fortificadas em Judá e em Benjamim.
11 Innis ittisa isaanii jajjabeessee ajajjoota itti galche; nyaata, zayitii ejersaatii fi daadhii wayiniis achitti ni kuuse.
11 Ele fortaleceu as suas defesas e nelas colocou comandantes, com suprimentos de alimentos, azeite e vinho.
12 Magaalaawwan hunda keessas gaachanaa fi eeboo kaaʼee akka isaan jabaatan ni godhe. Akkasiinis Yihuudaa fi Beniyaamin kan ofii isaa godhate.
12 Armazenou escudos grandes e lanças em todas as cidades, tornando-as muito fortes. Assim, Judá e Benjamim continuaram sob o seu domínio.
13 Luboonnii fi Lewwonni aanaalee Israaʼel hunda keessa jiraatan gara isaa goran.
13 Os sacerdotes e os levitas de todos os distritos de Israel o apoiaram.
14 Sababii Yerobiʼaamii fi ilmaan isaa akka luboota Waaqayyootti isaan ilaaluu didaniif, Lewwonni lafa dheeda isaanii fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Yihuudaa fi Yerusaalem dhufan.
14 Os levitas chegaram até a abandonar as suas pastagens e os seus bens, e foram para Judá e para Jerusalém, porque Jeroboão e seus filhos os haviam rejeitado como sacerdotes do Senhor,
15 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate.
15 nomeando seus próprios sacerdotes para os altares idólatras e para os ídolos que haviam feito em forma de bodes e de bezerros.
16 Warri gosoota Israaʼel hunda keessaa garaan isaanii Waaqayyo Waaqa Israaʼel bira jiru Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf Lewwota duukaa buʼanii Yerusaalem dhaqan.
16 De todas as tribos de Israel aqueles que estavam realmente dispostos a buscar o Senhor, o Deus de Israel, seguiram os levitas até Jerusalém para oferecerem sacrifícios ao Senhor, ao Deus dos seus antepassados.
17 Isaanis mootummaa Yihuudaa jajjabeessaa waggaa sadii Rehooboʼaam ilma Solomoon ni gargaaran; isaan waggoota sadan kana keessa karaa Daawitii fi Solomoon duukaa buʼaa turaniitii.
17 Eles fortaleceram o reino de Judá e durante três anos apoiaram Roboão, filho de Salomão, andando nos caminhos de Davi e de Salomão durante esse tempo.
18 Rehooboʼaamis Maahalaati intala Yeriimooti ilma Daawitii fi Abiihaayil fuudhe; Abiihaayil kun immoo intala Eliiyaab ilma Isseey.
18 Roboão casou-se com Maalate, filha de Jeremote e neta de Davi. A mãe de Maalate era Abiail, filha de Eliabe e neta de Jessé.
19 Isheenis: Yeʼuushi, Shemaariyaa fi Zahaam deesseef.
19 Ela deu-lhe três filhos: Jeús, Semarias e Zaão.
20 Ergasii immoo Maʼakaa intala Abesaaloom ni fuudhe; isheenis Abiyaa, Ataayi, Ziizaa fi Sheloomiit deesseef.
20 Depois ele casou-se com Maaca, filha de Absalão, a qual lhe deu os filhos Abias, Atai, Ziza e Selomite.
21 Rehooboʼaamis niitotaa isaa kaanii fi saajjatoowwan isaa caalaa Maʼakaa intala Abesaaloom ni jaallate. Innis walumatti niitota kudha saddeet, saajjatoowwan jaatama, ilmaan digdamii saddeetii fi intallan jaatama qaba ture.
21 Roboão amava Maaca, filha de Absalão, mais do que a qualquer outra de suas esposas e concubinas. Ao todo ele teve dezoito esposas e sessenta concubinas, vinte e oito filhos e sessenta filhas.
22 Rehooboʼaamis mootii isa gochuuf jedhee Abiyaa ilma Maʼakaa sana obboloota isaa ilmaan mootii keessaa hoogganaa godhee muude.
22 Roboão nomeou Abias, filho de Maaca, o chefe entre os seus irmãos, com o intuito de fazê-lo rei.
23 Innis ogummaan ilmaan isaa keessaa tokko tokko aanaalee Yihuudaa fi Beniyaam keessa, gara magaalaawwan jabeeffamanii ijaaraman hundaatti ni erge. Ilmaan isaaf nyaata isaan gaʼu kennee niitota baayʼee illee isaan ni fuusise.
23 Ele agiu com sabedoria, dispersando seus filhos pelos distritos de Judá e de Benjamim, e pelas cidades fortificadas. Garantiu-lhes fartas provisões e lhes conseguiu muitas mulheres.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Crônicas 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.