2 Coríntios 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
1 Depositários de tais promessas, caríssimos, purifiquemo-nos de toda imundície da carne e do espírito, realizando plenamente nossa santificação no temor de Deus.
2 Isin garaa nuu balʼadhaa. Nu nama tokko illee hin yakkine; nama tokko illee amala hin balleessine; nama tokko illee gowwoomsinee waa irraa hin fudhanne.
2 Acolhei-nos dentro do vosso coração. A ninguém temos ofendido, a ninguém temos arruinado, a ninguém temos enganado.
3 Kana jechuun koos isinitti muruuf miti; nu isin wajjin duʼuu fi jiraachuuf akka isin garaa keenya keessa jirtan ani duraan dursee himeeraatii.
3 Não vos digo isto por vos condenar, pois já vos declaramos que estais em nosso coração, conosco unidos na morte e unidos na vida.
4 Ani guddiseen isin amanadha; guddisees isiniin nan boona. Ani baayʼee jajjabeeffameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuun koo hamma hin qabu.
4 Tenho grande confiança em vós. Grande é o motivo de me gloriar de vós. Estou cheio de consolação, transbordo de gozo em todas as nossas tribulações.
5 Yeroo Maqedooniyaa dhufnettis nu qixa hundaan dhiphachaa turre malee foon keenya kun boqonnaa hin arganne; alaan lola, keessaan immoo sodaatu nurra ture.
5 De fato, à nossa chegada em Macedônia, nenhum repouso teve o nosso corpo. Eram aflições de todos os lados, combates por fora, temores por dentro.
6 Waaqni warra gaddan jajjabeessu garuu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse;
6 Deus, porém, que consola os humildes, confortou-nos com a chegada de Tito;
7 kun immoo isin isa jajjabeessuu keessaniinis malee dhufaatii isaa qofaan miti. Innis na yaaduu keessan, gadduu keessan, hinaaffaa isin naaf qabdan nutti himeera; kanaafuu ani hamma duraa caalaa gammadeera.
7 e não somente com a sua chegada, mas também com a consolação que ele recebeu de vós. Ele nos contou o vosso ardor, as vossas lágrimas, a vossa solicitude por mim, de modo que ainda mais me regozijei.
8 Ani yoon xalayaa kootiin isin gaddisiise illee waan kana gochuu kootiif hin gaabbu. Ani yoon gaabbe illee akka xalayaan sun isin gaddisiise nan hubadha; taʼus isin gaddisiisuun isaa yeruma gabaabaaf;
8 Se minha carta vos penalizou, não me arrependo. Se a princípio o senti {porque vejo que, ao menos por um momento, essa carta vos penalizou},
9 amma garuu sababii isin gadditaniif utuu hin taʼin sababii gaddi keessan gara qalbii jijjiirrachuutti isin geesseef ani nan gammada. Isin akka fedhii Waaqaatti gadditaniitii; kanaafuu isin karaa kamiin iyyuu nuun hin miidhamne.
9 agora me alegro, não porque fostes entristecidos, mas porque esta tristeza vos levou à penitência. Pois fostes entristecidos segundo Deus, de modo que nenhum dano sofrestes de nossa parte.
10 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida.
10 De fato, a tristeza segundo Deus produz um arrependimento salutar de que ninguém se arrepende, enquanto a tristeza do mundo produz a morte.
11 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu.
11 Vede, pois, que solicitude operou em vós a tristeza segundo Deus! Muito mais: que excusas! Que indignação! Que temor! Que ardor! Que zelo! Que severidade! Mostrastes em tudo que não tínheis culpa neste assunto.
12 Kanaafuu ani isinii barreessu iyyuu, isin fuula Waaqaa duratti hammam akka nuuf of kennitan akka ofuma keessaniin argitaniif malee sababii namicha nama miidheetiif yookaan sababii namicha miidhameetiif miti.
12 Portanto, se vos escrevi, não o fiz por causa daquele que cometeu a ofensa, nem por causa do ofendido; foi para que se manifestasse a vossa dedicação por mim diante de Deus.
13 Nuus kana hundaanuu ni jajjabaanna.
13 Eis o que nos tem consolado. Mas, acima desta consolação, o que nos deixou sobremaneira contentes foi a alegria de Tito, cujo coração tranqüilizastes.
14 Ani isiniin isatti booneen ture; isinis na hin qaanessine. Garuu akkuma wanni nu isinitti himne sun hundi dhugaa taʼe, waaʼee keessan Tiitootti boonuun keenyas akkasuma dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.
14 Se me gloriei de vós em presença dele, não fui envergonhado. Pois, assim como tudo o que vos temos dito foi conforme a verdade, assim também o louvor que de vós fizemos a Tito demonstrou-se verdadeiro.
15 Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa isin ittiin isa simattan sana yeroo yaadatutti jaalalli inni isiniif qabu isa durii caalaa dabalama.
15 A sua afeição por vós é cada vez maior, quando se lembra da obediência que todos vós lhe testemunhastes, de como o recebestes com respeito e deferência.
16 Ani abdii guutuu isin irraa qaba; kanaafuu nan gammada.
16 Alegro-me por poder contar convosco em tudo.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Coríntios 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.