2 Coríntios 5
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna.
1 Sabemos que, se a nossa casa terrestre deste tabernáculo se desfizer, temos da parte de Deus um edifício, casa não feita por mãos, eterna, nos céus.
2 Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna;
2 E, por isso, neste tabernáculo, gememos, aspirando por sermos revestidos da nossa habitação celestial;
3 nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii.
3 se, todavia, formos encontrados vestidos e não nus.
4 Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii.
4 Pois, na verdade, os que estamos neste tabernáculo gememos angustiados, não por querermos ser despidos, mas revestidos, para que o mortal seja absorvido pela vida.
5 Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha.
5 Ora, foi o próprio Deus quem nos preparou para isto, outorgando-nos o penhor do Espírito.
6 Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna.
6 Temos, portanto, sempre bom ânimo, sabendo que, enquanto no corpo, estamos ausentes do Senhor;
7 Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.
7 visto que andamos por fé e não pelo que vemos.
8 Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna.
8 Entretanto, estamos em plena confiança, preferindo deixar o corpo e habitar com o Senhor.
9 Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha.
9 É por isso que também nos esforçamos, quer presentes, quer ausentes, para lhe sermos agradáveis.
10 Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.
10 Porque importa que todos nós compareçamos perante o tribunal de Cristo, para que cada um receba segundo o bem ou o mal que tiver feito por meio do corpo.
11 Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha.
11 E assim, conhecendo o temor do Senhor, persuadimos os homens e somos cabalmente conhecidos por Deus; e espero que também a vossa consciência nos reconheça.
12 Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif.
12 Não nos recomendamos novamente a vós outros; pelo contrário, damo-vos ensejo de vos gloriardes por nossa causa, para que tenhais o que responder aos que se gloriam na aparência e não no coração.
13 Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana “qalbii dabarsine,” Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti.
13 Porque, se enlouquecemos, é para Deus; e, se conservamos o juízo, é para vós outros.
14 Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra.
14 Pois o amor de Cristo nos constrange, julgando nós isto: um morreu por todos; logo, todos morreram.
15 Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
15 E ele morreu por todos, para que os que vivem não vivam mais para si mesmos, mas para aquele que por eles morreu e ressuscitou.
16 Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu.
16 Assim que, nós, daqui por diante, a ninguém conhecemos segundo a carne; e, se antes conhecemos Cristo segundo a carne, já agora não o conhecemos deste modo.
17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
17 E, assim, se alguém está em Cristo, é nova criatura; as coisas antigas já passaram; eis que se fizeram novas.
18 Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe;
18 Ora, tudo provém de Deus, que nos reconciliou consigo mesmo por meio de Cristo e nos deu o ministério da reconciliação,
19 kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera.
19 a saber, que Deus estava em Cristo reconciliando consigo o mundo, não imputando aos homens as suas transgressões, e nos confiou a palavra da reconciliação.
20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.
20 De sorte que somos embaixadores em nome de Cristo, como se Deus exortasse por nosso intermédio. Em nome de Cristo, pois, rogamos que vos reconcilieis com Deus.
21 Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
21 Aquele que não conheceu pecado, ele o fez pecado por nós; para que, nele, fôssemos feitos justiça de Deus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Coríntios 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.