2 Coríntios 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Kanaafuu nu araara Waaqaatiin tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu.
1 Pelo que, tendo este ministério, assim como já alcançamos misericórdia, não desfalecemos;
2 Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina.
2 pelo contrário, rejeitamos as coisas ocultas, que são vergonhosas, não andando com astúcia, nem adulterando a palavra de Deus; mas, pela manifestação da verdade, nós nos recomendamos à consciência de todos os homens diante de Deus.
3 Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama;
3 Mas, se ainda o nosso evangelho está encoberto, é naqueles que se perdem que está encoberto,
4 Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.
4 nos quais o deus deste século cegou os entendimentos dos incrédulos, para que lhes não resplandeça a luz do evangelho da glória de Cristo, o qual é a imagem de Deus.
5 Nu akka Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Yesuusiif jennee tajaajiltoota keessan.
5 Pois não nos pregamos a nós mesmos, mas a Cristo Jesus como Senhor; e a nós mesmos como vossos servos por amor de Jesus.
6 Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.
6 Porque Deus, que disse: Das trevas brilhará a luz, é quem brilhou em nossos corações, para iluminação do conhecimento da glória de Deus na face de Cristo.
7 Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna.
7 Temos, porém, este tesouro em vasos de barro, para que a excelência do poder seja de Deus, e não da nossa parte.
8 Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu;
8 Em tudo somos atribulados, mas não angustiados; perplexos, mas não desesperados;
9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.
9 perseguidos, mas não desamparados; abatidos, mas não destruídos;
10 Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna.
10 trazendo sempre no corpo o morrer de Jesus, para que também a vida de Jesus se manifeste em nossos corpos;
11 Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.
11 pois nós, que vivemos, estamos sempre entregues à morte por amor de Jesus, para que também a vida de Jesus se manifeste em nossa carne mortal.
12 Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta.
12 De modo que em nós opera a morte, mas em vós a vida.
13 “Ani amaneera; kanaafis dubbadheera” jedhamee barreeffameera. Nu immoo sababii hafuura amantii sanaan ni amanna; kanaafis ni dubbanna;
13 Ora, temos o mesmo espírito de fé, conforme está escrito: Cri, por isso falei; também nós cremos, por isso também falamos,
14 inni Gooftaa Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun nuus Yesuus wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna.
14 sabendo que aquele que ressuscitou o Senhor Jesus, nos ressuscitará a nós com Jesus, e nos apresentará convosco.
15 Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.
15 Pois tudo é por amor de vós, para que a graça, multiplicada por meio de muitos, faça abundar a ação de graças para glória de Deus.
16 Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.
16 Por isso não desfalecemos; mas ainda que o nosso homem exterior se esteja consumindo, o interior, contudo, se renova de dia em dia.
17 Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.
17 Porque a nossa leve e momentânea tribulação produz para nós cada vez mais abundantemente um eterno peso de glória;
18 Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
18 não atentando nós nas coisas que se vêem, mas sim nas que se não vêem; porque as que se vêem são temporais, enquanto as que se não vêem são eternas.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Coríntios 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.