2 Coríntios 13

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs BKJ

Sair da comparação
1 Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.”
1 Esta é a terceira vez que estou indo até vós. Por boca de duas ou três testemunhas toda a palavra será estabelecida.
2 Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu;
2 Eu vos disse anteriormente e vos predigo, como quando estava presente, uma segunda vez; e, estando ausente agora, eu escrevo aos que antes pecaram e a todos os outros, que, se for novamente, não lhes pouparei;
3 kunis isin akka Kiristoos karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti.
3 Uma vez que buscais uma prova de Cristo que fala em mim, o qual não é fraco para convosco, mas é poderoso entre vós.
4 Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Waaqaatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Waaqaatiin isa wajjin ni jiraanna.
4 Porque apesar de ter sido crucificado na fraqueza, contudo vive pelo poder de Deus. Porque nós também somos fracos nele, mas viveremos com ele pelo poder de Deus em vós.
5 Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?
5 Examinai-vos a vós mesmos se estais na fé; provai-vos a vós mesmos. Ou não vos conheceis a vós mesmos, de que Jesus Cristo está em vós? A menos que estejais reprovados.
6 Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana.
6 Mas espero que saibais que nós não somos reprovados.
7 Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Waaqa kadhanna. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti.
7 Ora, eu rogo a Deus que não façais nenhum mal, não para que nós pareçamos aprovados, mas para que vós façais o que é honesto, embora nós sejamos como reprovados.
8 Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii.
8 Porque nada podemos fazer contra a verdade, senão pela verdade.
9 Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; kadhannaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif.
9 Porque nos alegramos quando estamos fracos, e vós estais fortes; e desejamos também por isto, a vossa perfeição.
10 Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef.
10 Portanto, eu escrevo estas coisas estando ausente, para que, estando presente, não use de severidade, segundo o poder que o Senhor me tem dado para a edificação, e não para a destruição.
11 Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.
11 Finalmente, irmãos, adeus. Sede perfeitos, sede de bom conforto, sede de uma só mente, vivei em paz, e o Deus de amor e de paz será convosco.
12 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
12 Saudai-vos uns aos outros com um beijo santo.
13 Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu.
13 Todos os santos vos saúdam.
14 Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.
14 A graça do Senhor Jesus Cristo, e o amor de Deus, e a comunhão do Espírito Santo sejam com todos vós. Amém.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Coríntios 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.