2 Coríntios 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Ani gowwummaa koo ishee xinnoo naa obsitu jedheen abdadha; duraanuu naa obsitaniirtu.
1 Quisera eu me suportásseis um pouco na minha loucura! Suportai-me, porém, ainda.
2 Ani hinaaffaa Waaqaatiin isiniif nan hinaafa. Ani akka durba tokkootti fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhirsa tokko jechuunis Kiristoosiif isin kaadhimeeraatii.
2 Porque estou zeloso de vós com zelo de Deus; porque vos tenho preparado para vos apresentar como uma virgem pura a um marido, a saber, a Cristo.
3 Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha.
3 Mas temo que, assim como a serpente enganou Eva com a sua astúcia, assim também sejam de alguma sorte corrompidos os vossos sentidos, e se apartem da simplicidade que há em Cristo.
4 Namni tokko gara keessan dhufee yoo Yesuus nu isinii lallabne malee Yesuus kan biraa isinii lallabe, yookaan Hafuura nu isinii lallabne malee hafuura kan biraa yoo fudhattan, yookaan wangeela nu isinii lallabne malee wangeela kan biraa yoo fudhattan ni obsitu.
4 Porque, se alguém for pregar-vos outro Jesus que nós não temos pregado, ou se recebeis outro espírito que não recebestes, ou outro evangelho que não abraçastes, com razão o sofreríeis.
5 Ani, “Ergamoota hangafoota” sanaa gaditti of hin ilaalu.
5 Porque penso que em nada fui inferior aos mais excelentes apóstolos.
6 Ani dubbiitti leenjii hin qabu; garuu beekumsa qaba. Kanas karaa hundaan sirriitti isinii ibsineerra.
6 E, se sou rude na palavra, não o sou contudo na ciência; mas já em todas as coisas nos temos feito conhecer totalmente entre vós.
7 Wangeela Waaqaa gatii malee isinitti lallabuudhaan akka isin ol ol jettaniif ani gad of qabuun koo cubbuu turee?
7 Pequei, porventura, humilhando-me a mim mesmo, para que vós fôsseis exaltados, porque de graça vos anunciei o evangelho de Deus?
8 Ani isin tajaajiluuf jedhee gargaarsa isaan irraa fudhachuudhaan waldoota kiristaanaa kaan saameera.
8 Outras igrejas despojei eu para vos servir, recebendo delas salário; e quando estava presente convosco, e tinha necessidade, a ninguém fui pesado.
9 Ani yeroon isin bira turee fi yeroo waa na barbaachisetti eenyutti illee baʼaa hin taane; obboloonni Maqedooniyaa irraa dhufan waan na barbaachisuun na gargaaraa turaniitii. Anis waanuma tokkoon illee akka baʼaa isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; amma illee ittuma fufee ofin eeggadha.
9 Porque os irmãos que vieram da macedônia supriram a minha necessidade; e em tudo me guardei de vos ser pesado, e ainda me guardarei.
10 Hamma dhugaan Kiristoos na keessa jirutti boonuu koo kana kutaalee biyya Akaayaa keessatti eenyu iyyuu na dhowwuu hin dandaʼu.
10 Como a verdade de Cristo está em mim, esta glória não me será impedida nas regiões da Acaia.
11 Maaliif? Ani waan isin hin jaallanneef moo? Isin jaallachuu koo Waaqni ni beeka!
11 Por quê? Porque não vos amo? Deus o sabe.
12 Warra waan ittiin boonaniin nuun qixxaachuuf jedhanii carraa barbaaddatan carraa dhowwachuuf ani waanan amma hojjedhu ittuma fufee nan hojjedha.
12 Mas o que eu faço o farei, para cortar ocasião aos que buscam ocasião, a fim de que, naquilo em que se gloriam, sejam achados assim como nós.
13 Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha.
13 Porque tais falsos apóstolos são obreiros fraudulentos, transfigurando-se em apóstolos de Cristo.
14 Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu.
14 E não é maravilha, porque o próprio Satanás se transfigura em anjo de luz.
15 Egaa tajaajiltoonni isaas yoo tajaajiltoota qajeelummaa fakkaachuuf of geeddaran kun waan nama dinqu miti. Dhumni isaaniis akkuma hojii isaanii taʼa.
15 Não é muito, pois, que os seus ministros se transfigurem em ministros da justiça; o fim dos quais será conforme as suas obras.
16 Ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha: Namni tokko iyyuu gowwaa na hin seʼin. Isin yoo gowwaa na seetan ani xinnoo akkan boonuuf akkuma gowwaa tokkootti na fudhadhaa.
16 Outra vez digo: Ninguém me julgue insensato, ou então recebei-me como insensato, para que também me glorie um pouco.
17 Ani of amanadhee boonuu kana keessatti akka gowwaa tokkoottin dubbadha malee akka Gooftaan dubbatutti hin dubbadhu.
17 O que digo, não o digo segundo o Senhor, mas como por loucura, nesta confiança de gloriar-me.
18 Waan namoonni hedduun akkuma yaada fooniitti boonaniif, anis nan boona.
18 Pois que muitos se gloriam segundo a carne, eu também me gloriarei.
19 Isin ogeeyyii waan taataniif gammachuudhaan gowwootaaf obsitu!
19 Porque, sendo vós sensatos, de boa mente tolerais os insensatos.
20 Yoo eenyu iyyuu isin garboomfate yookaan yoo isin irraa nyaate yookaan yoo faayidaa ofiitiif isinitti fayyadame yookaan yoo koore yookaan yoo isin kabale ni obsituutii.
20 Pois sois sofredores, se alguém vos põe em servidão, se alguém vos devora, se alguém vos apanha, se alguém se exalta, se alguém vos fere no rosto.
21 Akka nu waan akkasii irratti dadhaboo turre ani qaanaʼaa nan dubbadha.
21 Envergonhado o digo, como se nós fôssemos fracos, mas no que qualquer tem ousadia (com insensatez falo) também eu tenho ousadia.
22 Isaan Ibrootaa? Anis akkasuma. Isaan Israaʼelootaa? Anis akkasuma. Isaan sanyii Abrahaamii? Anis akkasuma.
22 São hebreus? também eu. São israelitas? também eu. São descendência de Abraão? também eu.
23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Ani akka nama qalbii dabarseettin dubbadhaatii ani nan caala. Ani caalchisee baayʼee itti dadhabeera; caalchisee yeroo baayʼee hidhameera; caalchisee akka malee garafameera; ammumaa ammas duʼaaf saaxilameera.
23 São ministros de Cristo? (falo como fora de mim) eu ainda mais: em trabalhos, muito mais; em açoites, mais do que eles; em prisões, muito mais; em perigo de morte, muitas vezes.
24 Harka Yihuudootaattis siʼa shan afurtama jechuu tokko hanquu garafameera.
24 Recebi dos judeus cinco quarentenas de açoites menos um.
25 Siʼa sadii uleen dhaanameera; siʼa tokko dhagaadhaan tumameera; siʼa sadii dooniin na jalaa caccabeera; halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana keessa tureera;
25 Três vezes fui açoitado com varas, uma vez fui apedrejado, três vezes sofri naufrágio, uma noite e um dia passei no abismo;
26 ani utuun wal irraa hin kutin deemsa irra ture. Balaan lagaa, balaan saamtotaa, balaan saba kootii, balaan Namoota Ormaa, magaalaa keessatti balaan, gammoojjii keessatti balaan, galaana irratti balaan, obboloota sobaa irraas balaan na mudatee ture.
26 Em viagens muitas vezes, em perigos de rios, em perigos de salteadores, em perigos dos da minha nação, em perigos dos gentios, em perigos na cidade, em perigos no deserto, em perigos no mar, em perigos entre os falsos irmãos;
27 Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras.
27 Em trabalhos e fadiga, em vigílias muitas vezes, em fome e sede, em jejum muitas vezes, em frio e nudez.
28 Kana hundumaa caalaa yaaddoo ani waldoota kiristaanaa hundumaaf qabutu guyyaa guyyaan natti ulfaata.
28 Além das coisas exteriores, me oprime cada dia o cuidado de todas as igrejas.
29 Eenyutu dadhabaa dha? Ani hin dadhabuu ree? Eenyutu hin gufanne? Ani aaree hin gubadhuu ree?
29 Quem enfraquece, que eu também não enfraqueça? Quem se escandaliza, que eu me não abrase?
30 Ani yoon of jajuu qabaadhe waan dadhabbii koo mulʼisuun of nan jaja.
30 Se convém gloriar-me, gloriar-me-ei no que diz respeito à minha fraqueza.
31 Waaqaa fi Abbaan Gooftaa Yesuus inni bara baraan eebbifamu sun akka ani hin sobne ni beeka.
31 O Deus e Pai de nosso Senhor Jesus Cristo, que é eternamente bendito, sabe que não minto.
32 Damaasqoo keessatti namichi mooticha Areexaas jalatti bulchaa biyyaa ture na qabsiisuuf jedhee magaalaa namoota Damaasqoo eegsisaa ture.
32 Em Damasco, o que governava sob o rei Aretas pôs guardas às portas da cidade dos damascenos, para me prenderem.
33 Ani garuu foddaa dallaa keessaan guuboodhaan gad buufamee harka isaa jalaa baʼe.
33 E fui descido num cesto por uma janela da muralha; e assim escapei das suas mãos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Coríntios 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.