1 Tessalonicenses 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Kana malees yaa obboloota, Waaqa gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan nu isin barsiifneerra; isinis akkuma sanatti jiraachaa jirtu. Ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan Gooftaa Yesuusiin isin kadhanna; isin gorsinas.
1 No mais, irmãos, aprendestes de nós a maneira como deveis proceder para agradar a Deus - e já o fazeis. Rogamo-vos, pois, e vos exortamos no Senhor Jesus a que progridais sempre mais.
2 Nu taayitaa Gooftaa Yesuusiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii.
2 Pois conheceis que preceitos vos demos da parte do Senhor Jesus.
3 Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif;
3 Esta é a vontade de Deus: a vossa santificação; que eviteis a impureza;
4 tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu;
4 que cada um de vós saiba possuir o seu corpo santa e honestamente,
5 kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
5 sem se deixar levar pelas paixões desregradas, como os pagãos que não conhecem a Deus;
6 waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa.
6 e que ninguém, nesta matéria, oprima nem defraude a seu irmão, porque o Senhor faz justiça de todas estas coisas, como já antes vo-lo temos dito e asseverado.
7 Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii.
7 Pois Deus não nos chamou para a impureza, mas para a santidade.
8 Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Waaqa Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu.
8 Por conseguinte, desprezar estes preceitos é desprezar não a um homem, mas a Deus, que nos deu o seu Espírito Santo.
9 Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu.
9 A respeito da caridade fraterna, não temos necessidade de vos escrever, porquanto vós mesmos aprendestes de Deus a vos amar uns aos outros.
10 Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina;
10 E é o que estais praticando para com todos os irmãos em toda a Macedônia. Mas ainda vos rogamos, irmãos, que vos aperfeiçoeis mais e mais.
11 akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa;
11 Procurai viver com serenidade, ocupando-vos das vossas próprias coisas e trabalhando com vossas mãos, como vo-lo temos recomendado.
12 kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
12 É assim que vivereis honrosamente em presença dos de fora e não sereis pesados a ninguém.
13 Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu.
13 Irmãos, não queremos que ignoreis coisa alguma a respeito dos mortos, para que não vos entristeçais, como os outros homens que não têm esperança.
14 Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.
14 Se cremos que Jesus morreu e ressuscitou, cremos também que Deus levará com Jesus os que nele morreram.
15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu.
15 Eis o que vos declaramos, conforme a palavra do Senhor: por ocasião da vinda do Senhor, nós que ficamos ainda vivos não precederemos os mortos.
16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu.
16 Quando for dado o sinal, à voz do arcanjo e ao som da trombeta de Deus, o mesmo Senhor descerá do céu e os que morreram em Cristo ressurgirão primeiro.
17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
17 Depois nós, os vivos, os que estamos ainda na terra, seremos arrebatados juntamente com eles sobre nuvens ao encontro do Senhor nos ares, e assim estaremos para sempre com o Senhor.
18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.
18 Portanto, consolai-vos uns aos outros com estas palavras.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Tessalonicenses 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.