1 Samuel 9
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Gosa Beniyaam keessaa namicha jabaa maqaan isaa Qiish jedhamu tokkotu ture; innis ilma Abiiʼeel, ilma Xiroor, ilma Bekooraat, ilma namicha gosa Beniyaam sanaa ilma Afiiyaa ture.
1 Havia um homem de Benjamim, chamado Cis, filho de Abiel, filho de Seror, filho de Becorat, filho de Afia, de família benjaminita, que era um homem valente.
2 Innis dargaggeessa miidhagaa Saaʼol jedhamu tokko qaba ture; namoota Israaʼel keessaa namni isa caalaa miidhagu tokko iyyuu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
2 Tinha um filho chamado Saul, que era jovem e belo. Não havia em Israel outro mais belo do que ele; dos ombros para cima sobressaía a todo o povo.
3 Yeroo sanas Qiish abbaa Saaʼol jalaa harroonni badnaan, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Tajaajiltoota keessaa nama tokko fudhadhuutii dhaqii harroota sana barbaadi” jedhe.
3 Tendo-se perdido as jumentas de Cis, pai de Saul, disse aquele ao seu filho: Toma um servo contigo e vai procurar as jumentas.
4 Kanaafuu inni biyya gaaraa Efreemii fi naannoo Shaaliishaa jedhamu keessa naannaʼe; garuu harroota hin arganne. Isaanis biyya Shaʼaliim keessa darban; taʼus harroonni sun achi hin turre. Ergasiis biyya Beniyaamotaa keessa naannaʼan; garuu harroota sana hin arganne.
4 Saul atravessou a montanha de Efraim e entrou na terra de Salisa, sem nada encontrar; percorreu a terra de Salim, mas em vão. Na terra de Benjamim não as encontrou tampouco.
5 Yommuu biyya Zuufi gaʼanittis Saaʼol tajaajilaa isa wajjin ture sanaan, “Sababii abbaan koo yoona waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee keenya yaaddaʼuuf kottu ni deebinaa!” jedhe.
5 Tendo chegado à terra de Suf, Saul disse ao seu servo: Vem, voltemos. Meu pai poderia não mais pensar nas jumentas e ficar com cuidados por nós.
6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo! Magaalaa kana keessa namni Waaqaa tokko jira; innis guddaa kabajamaa dha; wanni inni jedhu tokko iyyuus lafa hin buʼu. Inni karaa deemuu qabnu nutti hima taʼaatii kottu isa bira dhaqnaa” jedhe.
6 Nesta cidade, disse-lhe o servo, há um homem de Deus, varão muito considerado; tudo o que ele prediz se cumpre. Vamos lá; talvez ele nos mostrará o caminho que devemos tomar.
7 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Nu yoo dhaqne namichaaf maal kennina? Nyaanni korojoo keenya keessaa dhumeera. Kennaa nama Waaqaatiif geessinu tokko illee hin qabnu. Egaa maal qabna ree?” jedhe.
7 Saul respondeu: Está bem, vamos; mas o que havemos de oferecer-lhe? Nossos alforjes estão vazios, e não temos presente algum para dar ao homem de Deus. O que nos resta?
8 Tajaajilaan sun ammas deebisee, “Kunoo ani meetii saqilii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko qaba. Akka inni karaa deemuu qabnu nutti himuuf waan kana nama Waaqaatiif nan kenna” jedheen.
8 Tenho aqui um quarto de siclo de prata, respondeu o servo; dá-lo-ei ao homem de Deus para que ele nos mostre o caminho.
9 Bara durii Israaʼel keessatti namni Waaqa kadhachuu dhaqu tokko, “Kottaa gara nama mulʼata arguu dhaqnaa” jedha ture; sababiin isaa namni harʼa raajii jedhamu bara durii nama mulʼata argu jedhama tureetii.
9 {Antigamente, em Israel, todo o que ia consultar a Deus, dizia: Vinde, vamos ao vidente. Chamava-se então vidente ao que hoje se chama profeta.}
10 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Gaarii dha; kottu ni deemnaa” jedhe. Kanaafuu kaʼanii gara magaalaa namni Waaqaa sun turee dhaqan.
10 Saul disse ao seu servo: Tens razão. Anda, vamos E foram à cidade onde estava o homem de Deus.
11 Utuu isaan gara magaalaatti gaara ol baʼaa jiranuu dubarran bishaan waraabuuf deeman arganii, “Namichi mulʼata argu sun as jiraa?” jedhanii gaafatan.
11 Subindo eles a encosta da cidade, encontraram umas moças que saíam a buscar água. Há um vidente aqui?, perguntaram-lhes.
12 Isaanis deebisanii akkana jedhan; “Eeyyee ni jira; inni fuula keessan dura jira. Namoonni waan gaara sagadaa irratti aarsaa dhiʼeessaniif inni amma gara magaalaa keenyaa dhufeeraatii dafaa.
12 Sim, responderam elas; ali diante de ti. Apressa-te; ele veio hoje à cidade, porque o povo oferece um sacrifício no lugar alto.
13 Akkuma magaalaa seentaniin utuu inni nyaataaf gaaratti ol hin baʼin isa ni argattu. Inni waan qalma sana eebbisuu qabuuf utuu inni hin dhufin namoonni nyaachuu hin jalqaban; sana booddee warri waamaman ni nyaatu. Ammuma ol baʼaa; daftanii isa ni argattu.”
13 Ao entrar na cidade, encontrá-lo-eis seguramente antes que suba ao lugar alto para o festim. O povo não comerá antes que ele chegue, pois ele deverá abençoar o sacrifício; os convidados só comerão depois. Subi, pois; hoje o encontrareis.
14 Isaanis gara magaalaatti ol baʼan; utuma isaan magaalaa sana seenaa jiranuus Saamuʼeel gaara sagadaatti ol baʼuuf jedhee karaatti isaanitti dhufe.
14 Subiram à cidade. No momento em que entravam, encontraram Samuel que saía para subir ao lugar alto.
15 Utuu Saaʼol hin dhufin guyyaa tokko dura Waaqayyo waan kana Saamuʼeelitti mulʼisee ture:
15 Ora, na véspera da chegada de Saul, o Senhor tinha revelado a Samuel:
16 “Bori yeroo kanatti biyya Beniyaam irraa nama tokko sitti nan erga. Saba koo Israaʼel irratti bulchaa godhiitii isa dibi; innis saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni baasa. Sababii iyyi isaa na bira gaʼeef, ani saba koo ilaaleeraatii.”
16 Amanhã, e esta mesma hora, mandar-te-ei um homem da terra de Benjamim, e tu o ungirás para chefe do meu povo de Israel, para que ele livre o povo das mãos dos filisteus. Porque voltei os meus olhos para o meu povo, e o seu clamor chegou até a mim.
17 Saamuʼeel yommuu Saaʼolin argetti, Waaqayyo, “Namichi ani waaʼee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo ni bulcha” jedheen.
17 Quando Samuel viu Saul, Deus disse-lhe: Eis o homem de quem te falei: este reinará sobre o meu povo.
18 Saaʼol karaa irratti Saamuʼeelitti dhiʼaatee, “Maaloo manni namicha mulʼata argu sanaa eessa akka taʼe natti himtaa?” jedhee gaafate.
18 Saul aproximou-se de Samuel à porta da cidade e disse-lhe: Rogo-te que me digas onde é a casa do vidente.
19 Saamuʼeelis akkana jedhee deebise; “Namichi mulʼata argu sun anuma. Isin harʼa waan na wajjin nyaata nyaachuu qabdaniif na dura gaara sagadaatti ol baʼaa. Ani immoo bori ganama sin geggeessa; waan garaa kee jiru hundas sitti nan hima.
19 Sou eu mesmo o vidente, respondeu Samuel; sobe na minha frente ao lugar alto; comereis hoje comigo. Amanhã te deixarei partir, depois de ter revelado a ti tudo o que tens no coração.
20 Waaʼee harroota guyyaa sadiin dura badan sanaa hin yaaddaʼin; isaan argamaniiru. Hawwiin Israaʼel hundi eenyuufii? Siʼii fi mana abbaa keetiitiif mitii?”
20 Quanto às jumentas perdidas há dois ou três dias, não te inquietes por isso, porque já foram encontradas. E de quem será toda a beleza de Israel? Não é porventura tua e de toda a casa de teu pai?
21 Saaʼolis deebisee, “Ani nama gosa Beniyaam kan gosoota Israaʼel hunda keessaa gad aanaa taʼe sana mitii? Maatiin koo immoo maatiiwwan gosa Beniyaam hunda keessaa gad aana mitii? Yoos ati maaliif waan akkanaa natti dubbatta ree?” jedhe.
21 Saul respondeu: Eu sou um benjaminita, filho da menor tribo de Israel; e minha família é a menor de todas as famílias de Benjamim. Por que, pois, me falas assim?
22 Saamuʼeelis Saaʼolii fi tajaajilaa Saaʼol galmatti ol galchee warra nyaataaf waamaman kanneen soddoma taʼaniin gara olii isaan teessise.
22 Samuel, tomando Saul e o seu servo, levou-os para a sala do festim e deu-lhes o primeiro lugar entre os convidados, que eram em número de aproximadamente trinta pessoas.
23 Saamuʼeel namicha nyaata qopheessuun, “Gumaa foonii isa ani kophaa kaaʼi siin jedhe sana fidi” jedhe.
23 Samuel disse ao cozinheiro: Serve a porção que te dei e que te mandei pôr à parte.
24 Namichi nyaata qopheessu sunis foon lukaa guutummaatti fuudhee fuula Saaʼol dura kaaʼe. Saamuʼeelis, “Kun waan siif kaaʼamee dha. Kunis yeroo ani, ‘Ani keessummoota waameera’ jedhee jalqabee yeroo murtaaʼaa kanaaf kophaatti siif kaaʼameeraatii nyaadhu” jedheen. Saaʼolis gaafa sana Saamuʼeel wajjin nyaate.
24 Tomou, pois, o cozinheiro a espádua com o que nela havia e a serviu a Saul. Samuel disse: Eis diante de ti a porção que te foi reservada. Come-a; reservei-a para este momento quando convidei o povo. Saul e Samuel comeram juntos naquele dia.
25 Erga gaara sagadaa irraa gara magaalaatti gad buʼanii booddee Saamuʼeel bantii mana isaa irratti Saaʼol wajjin haasaʼe.
25 Do lugar alto desceram para a cidade e prepararam uma cama para Saul no terraço
26 Isaanis ganama barii kaʼan; Saamuʼeelis bantii manaa irraa Saaʼolin waamee, “Qophaaʼi ani sin geggeessa” jedheen. Yeroo Saaʼol qophaaʼettis innii fi Saamuʼeel walii wajjin gad baʼan.
26 e ele foi dormir. No dia seguinte, ao romper da aurora, Samuel chamou Saul ao terraço e disse-lhe: Levanta-te, e deixar-te-ei partir. Saul levantou-se e saíram os dois juntos.
27 Utuu gara daarii magaalaatti gad buʼaa jiranuus Saamuʼeel Saaʼoliin, “Akka tajaajilaan kee nu dursee deemuuf itti himi” jedhe. Tajaajilaan sunis akkuma itti himame godhe; ergasii Saamuʼeel, “Akka ani ergaa Waaqaa sitti himuuf ati xinnoo as turi” jedhe.
27 Quando chegaram aos limites da cidade, Samuel disse a Saul: Dize ao teu servo que passe e vá adiante de nós, e o servo passou adiante; mas tu detém-te aqui para que eu te comunique uma palavra de Deus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.