1 Samuel 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe.
1 A palavra de Samuel veio a todo o Israel. Israel saiu à batalha contra os filisteus e acampou em Ebenézer; e os filisteus acamparam em Afeca.
2 Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman.
2 Os filisteus se dispuseram em ordem de batalha, para enfrentar Israel, e, quando a guerra começou, Israel foi derrotado pelos filisteus, que mataram, no campo aberto, cerca de quatro mil homens.
3 Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, “Harʼa Waaqayyo maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa haa fidnu” jedhan.
3 Quando o povo voltou ao arraial, os anciãos de Israel disseram: — Por que o
4 Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Waaqaa wajjin achi turan.
4 Então o povo mandou trazer de Siló a arca do Senhor dos Exércitos, entronizado entre os querubins. E os dois filhos de Eli, Hofni e Fineias, estavam ali com a arca da aliança de Deus.
5 Yommuu taabonni kakuu Waaqayyoo gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan.
5 Quando a arca da aliança do Senhor chegou ao arraial, os israelitas gritaram tão alto, que o chão tremeu.
6 Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, “Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?” jedhanii gaafatan.
6 Os filisteus ouviram a voz do júbilo e disseram: — Que voz de grande júbilo é esta no arraial dos hebreus? Então souberam que a arca do
7 Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; “Waaqni tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku.
7 E os filisteus ficaram com medo e disseram: — Os deuses vieram ao arraial. E diziam mais: — Ai de nós! Porque nunca antes aconteceu uma coisa dessas.
8 Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha.
8 Ai de nós! Quem nos livrará das mãos desses deuses poderosos? São os deuses que atacaram os egípcios com todo tipo de pragas no deserto.
9 Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!”
9 Sejam fortes, filisteus! Comportem-se como homens, para que não venham a ser escravos dos hebreus, como eles já foram escravos de vocês! Comportem-se como homens e lutem!
10 Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde.
10 Então os filisteus lutaram. E Israel foi derrotado, e cada um fugiu para a sua tenda. Foi uma grande derrota, pois foram mortos de Israel trinta mil homens.
11 Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.
11 A arca de Deus foi tomada, e os dois filhos de Eli, Hofni e Fineias, foram mortos.
12 Gaafuma sana namichi Beniyaam tokko wayyaa isaa tarsaasee, mataa isaatti daaraa firfirsee fiigaa gara Shiiloo dhaqe.
12 Então um homem de Benjamim, saído das fileiras, correu e, no mesmo dia, chegou a Siló. Ele havia rasgado as suas roupas e espalhado terra sobre a cabeça.
13 Eeliinis yeroo namichi achi gaʼetti sababii waaʼee taabota Waaqaatiif garaan isaa raafameef waa dhagaʼuuf jedhee karaa cina barcuma irra taaʼee eegaa ture. Yeroo namichi sun magaalaa seenee waan taʼe hundumaa odeessetti warri magaalaa sanaa hundi ni iyyan.
13 Quando chegou, Eli estava sentado numa cadeira, perto da estrada, olhando como quem espera, porque o seu coração estava tremendo pela arca de Deus. Depois que o homem entrou na cidade e deu a notícia, toda a cidade começou a gritar.
14 Eeliinis yommuu iyya sana dhagaʼetti, “Kun iyya maaliitii?” jedhee gaafate.
14 Eli, ouvindo os gritos, perguntou: — Que alvoroço é esse? Então o homem correu e deu as notícias a Eli.
15 yeroo kana Eeliin nama waggaa sagaltamii saddeet waan tureef iji isaa arguu dadhabee ture.
15 Ora, Eli estava com noventa e oito anos. Os seus olhos já não se moviam, e ele não podia ver.
16 Namichis, “Ani ammuma adda waraanaatii dhufuu koo ti; waraana keessaa miliqee baʼuun koos harʼuma” jedhee Eeliitti hime.
16 O homem disse a Eli: — Eu venho da frente de batalha. Eu fugi de lá hoje mesmo. Eli perguntou-lhe: — O que aconteceu, meu filho?
17 Namichi oduu fide sun deebisee, “Israaʼeloonni Filisxeemota duraa baqatan; loltoota irras dhumiisa guddaatu gaʼe; ilmaan kee lamaanis Hofniinii fi Fiinehaas ajjeefamaniiru; taabonni Waaqaas boojiʼameera” jedheen.
17 Então o mensageiro respondeu: — Israel fugiu dos filisteus. Houve grande matança entre o povo. Além disso, os seus dois filhos, Hofni e Fineias, foram mortos, e a arca de Deus foi tomada.
18 Yommuu inni waaʼee taabota Waaqaa dubbatettis, Eeliin barcuma isaa kan balbala cina ture sana irraa dugda duubatti kufe. Nama dulloomaa dhagni isaa ulfaatu waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Innis waggaa afurtamaaf bulchaa Israaʼel ture.
18 Quando ele fez menção da arca de Deus, Eli caiu da cadeira para trás, junto ao portão da cidade, quebrou o pescoço e morreu. Ele era um homem velho e pesado, e havia julgado Israel durante quarenta anos.
19 Niitiin ilma isaa Fiinehaas ulfa daʼa geesse turte. Isheenis yommuu akka taabonni Waaqaa boojiʼamee fi akka abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼan dhageessetti ciniinsuun itti hammaatee jilbeenfattee deesse.
19 A nora de Eli, a mulher de Fineias, estava grávida e próxima do parto. Quando ela ouviu estas notícias, de que a arca de Deus havia sido tomada e de que seu sogro e seu marido tinham morrido, encurvou-se e deu à luz; porque as dores lhe sobrevieram.
20 Yeroo isheen duʼuu geessettis dubartoonni ishee gargaaraa turan, “Dhiira deesseertaa jabaadhu” jedhaniin. Isheen garuu homaa hin deebifne yookaan yaadatti hin qabanne.
20 Quando ela estava morrendo, as mulheres que a ajudavam disseram: — Não tema, porque você teve um filho. Ela, porém, não respondeu, nem fez caso disso.
21 Sababii taabonni Waaqaa boojiʼamee fi sababii abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼaniif, “Ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jechuudhaan maqaa mucaa ishee Iikaabood jettee moggaafte.
21 Mas deu ao menino o nome de Icabô, dizendo: — Foi-se a glória de Israel. Ela disse isto, porque a arca de Deus havia sido tomada e por causa de seu sogro e de seu marido.
22 Isheenis, “Taabonni Waaqaa waan boojiʼameef ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jette.
22 E falou mais: — Foi-se a glória de Israel, pois a arca de Deus foi tomada.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.