1 Samuel 26
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, “Kunoo Daawit gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?” jedhan.
1 Vieram os zifeus novamente ter com Saul, em Gabaa, e disseram-lhe: Davi está escondido na colina de Haquila, a oriente do deserto.
2 Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawitin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe.
2 Saul desceu ao deserto de Zif com três mil homens de escol, de Israel, para ir em busca de Davi.
3 Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawit garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti,
3 Acampou na colina de Haquila, a oriente do deserto, à beira do caminho. Davi, porém, que habitava no deserto, vendo que Saul o tinha seguido até ali,
4 basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate.
4 mandou espiões e soube com certeza que ele tinha chegado.
5 Daawitis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan.
5 Levantou-se então e foi ao lugar onde Saul estava acampado, chegando mesmo a descobrir o lugar onde o rei se deitava ao lado de Abner, filho de Ner, chefe do seu exército. Saul dormia no acampamento, rodeado de toda a sua gente.
6 Daawitis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, “Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?” jedhee gaafate.
6 Davi disse então a Aquimelec, o hiteu, e a Abisaí, filho de Sarvia e irmão de Joab: Quem quer descer comigo ao acampamento de Saul? Eu, respondeu Abisaí, irei contigo.
7 Kanaafuu Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan.
7 Davi e Abisaí penetraram, pois, durante a noite no meio das tropas. Saul dormia no acampamento, tendo a sua lança cravada no chão ao lado de sua cabeceira. Abner e sua gente dormiam ao redor dele.
8 Abiishaayis Daawitiin, “Harʼa Waaqni diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu” jedhe.
8 Abisaí disse a Davi: Deus entregou hoje em tuas mãos o teu inimigo; deixa-me cravá-lo por terra de um só golpe de lança, sem precisar de um segundo golpe.
9 Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama Waaqayyo dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa?
9 Não o mates, respondeu Davi. Quem poderia impunemente estender a mão contra o ungido do Senhor?
10 Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa.
10 E ajuntou: Por Deus! É o Senhor quem o há de ferir, seja que, chegando o seu dia, morra, seja que pereça em batalha.
11 Garuu akka ani dibamaa Waaqayyootti harka koo ol hin kaafanne Waaqayyo na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.”
11 Deus me livre de levantar a minha mão contra o ungido do Senhor! Agora, toma a lança que está à sua cabeceira com a bilha de água e vamo-nos.
12 Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii Waaqayyo hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan.
12 Apanhou Davi a lança e a bilha de água que estavam à cabeceira de Saul e foram-se, sem que ninguém os tivesse visto, ou os advertisse mesmo de leve; mas todos dormiam, porque o Senhor os tinha sepultado em um profundo sono.
13 Ergasii Daawit gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture.
13 Davi passou para o outro lado e parou ao longe, no cimo do monte, separando-os uma grande distância.
14 Daawitis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, “Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?” jedhee lallabe.
14 Então bradou aos soldados de Saul e a Abner, filho de Ner: Não respondes, Abner? Quem és tu, replicou Abner, que gritas assim para o rei?
15 Daawit akkana jedhe; “Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii.
15 Davi disse a Abner: Afinal, não és tu um homem? Quem é igual a ti em Israel? Por que não guardas o rei, teu senhor, tendo entrado alguém aí para matá-lo?
16 Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, atii fi namoonni kee duʼuu qabdu; isin gooftaa keessan dibamaa Waaqayyoo sana hin eegneetii. Mee naannoo kee ilaali. Eeboo fi cuggeen bishaanii kan mataa mootichaa bira ture sun meerre?”
16 Não é bonito o que fizeste. Por Deus! Mereceis a morte, porque não velastes sobre o vosso senhor, o ungido do Senhor! Olha um pouco onde estão a lança do rei e a bilha de água que estavam junto à sua cabeceira!
17 Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee keetii?” jedhe.
17 Reconheceu Saul a voz de Davi e disse: É tua esta voz, ó meu filho Davi? Davi respondeu: Sim, ó rei, meu senhor.
18 Itti fufees akkana jedhe; “Gooftaan koo maaliif tajaajilaa isaa ariʼa? Ani maalin godhe? Ani yakka maalin qaba?
18 E ajuntou: Por que o meu senhor persegue o seu servo? Que fiz eu? Que crime cometi?
19 Egaa mee gooftaan koo mootichi dubbii tajaajilaa isaa haa dhagaʼu. Yoo Waaqayyo natti si kakaasee jiraate inni aarsaa haa fudhatu. Garuu namoonni yoo waan kana godhanii jiraatan fuula Waaqayyoo duratti haa abaaraman! Isaan akka ani dhaala Waaqayyoo keessaa qooda hin qabaanneef na ariʼanii, ‘Dhaqiitii waaqota biraa tajaajili’ jedhan.
19 Que o rei, meu senhor, digne-se ouvir as palavras do seu servo: se é o Senhor quem te excita contra mim, receba ele o perfume de uma oferenda! Mas, se são homens, sejam eles malditos diante do Senhor; porque me expulsam para tirar minha parte da herança do Senhor! E dizem-me: vai servir a deuses estranhos!
20 Dhiigni koo fuula Waaqayyoo duraa fagaatee akka lafatti dhangalaʼu hin godhin. Akkuma namni tokko gaara gubbaatti gogorrii adamsu sana mootiin Israaʼel tafkii barbaaduu baʼeera.”
20 Oh! Não corra o meu sangue sobre a terra longe da face do Senhor! O rei de Israel pôs-se em campanha contra uma pulga, como se persegue nos montes uma perdiz!
21 Saaʼolis, “Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawit kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe.”
21 Saul disse: Fiz mal! Volta, meu filho Davi; não te farei mais mal algum, pois que neste dia respeitaste a minha vida. Procedi nesciamente; cometi um grandíssimo pecado.
22 Daawitis akkana jedhee deebise; “Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu.
22 Davi respondeu: Eis aqui a lança do rei: venha um de teus homens buscá-la!
23 Waaqayyo nama hundaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiif gatii ni kenna. Waaqayyo harʼa dabarsee harka kootti si kennee ture; ani garuu dibamaa Waaqayyootti harka ol hin fudhadhu.
23 O Senhor recompensará a cada um segundo a sua justiça e fidelidade. Ele te havia entregue hoje em meu poder, mas não quis estender a minha mão contra o seu ungido.
24 Akkuma ani harʼa lubbuu kee ulfeesse kana, Waaqayyos lubbuu koo ulfeessee rakkina hunda jalaa na haa baasu.”
24 E assim como a tua vida foi preciosa diante de mim, assim seja a minha aos olhos do Senhor, e ele me salvará de toda a tribulação.
25 Kana irratti Saaʼol Daawitiin, “Yaa ilma koo Daawit eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta” jedhe.
25 Saul disse a Davi: Bendito sejas, meu filho Davi! Tu triunfarás seguramente em todas as tuas empresas! Davi retomou o seu caminho e Saul voltou para a sua casa.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 26, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.