1 Samuel 25

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.
1 Samuel morreu, e todos os israelitas se juntaram e choraram a morte dele. Então o sepultaram na sua casa, em Ramá. Depois disso Davi saiu e foi para o deserto de Parã. Nabal estava em Carmelo, cortando a lã das suas ovelhas.
2 Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture.
2 — ausente —
3 Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kaaleb.
3 — ausente —
4 Daawit akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe.
4 Davi estava no deserto e soube disso.
5 Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; “Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa.
5 Então enviou dez rapazes a Carmelo, com ordem de encontrarem Nabal e o cumprimentarem em nome dele.
6 Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!
6 Mandou que dissessem o seguinte: “Meu caro amigo, Davi lhe manda saudações, desejando tudo de bom para o senhor, a sua família e tudo o que é seu.
7 “ ‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne.
7 Ele soube que o senhor está cortando a lã das suas ovelhas e mandou lhe contar que os seus pastores estiveram com a gente, e nós não lhes fizemos nenhum mal. Durante o tempo em que estiveram em Carmelo, não roubamos nada do que era deles.
8 Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawitiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’ ”
8 Pergunte, e eles lhe contarão. Davi pede para o senhor nos receber com amizade porque viemos aqui num dia de festa. Assim, por favor, dê o que puder a nós, os seus criados, e ao seu querido amigo Davi.”
9 Namoonni Daawitis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawitiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan.
9 Os homens de Davi foram e deram o recado a Nabal, em nome de Davi. Então ficaram esperando,
10 Naabaalis tajaajiltoota Daawitiif akkana jedhee deebise; “Daawit kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru.
10 e Nabal respondeu: — Davi? Filho de Jessé? Quem é ele? Nunca ouvi falar nele! Hoje em dia há muitos escravos que fogem dos seus donos!
11 Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?”
11 O meu pão, a minha água e os animais que matei para dar aos meus empregados eu não darei a homens que eu nem sei de onde vieram!
12 Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan.
12 Os homens de Davi voltaram e contaram o que Nabal tinha dito.
13 Daawitis namoota isaatiin, “Goraadee keessan hidhadhaa!” jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawitis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawit wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan.
13 Então Davi disse: — Ponham as suas espadas nos cintos! E todos obedeceram. Davi também pegou a sua espada e saiu com mais ou menos quatrocentos dos seus homens enquanto duzentos ficaram atrás com a bagagem.
14 Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: “Daawit akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse.
14 Um dos empregados de Nabal disse a Abigail, a mulher de Nabal: — A senhora soube? Davi enviou do deserto uns mensageiros com saudações para o nosso patrão, mas ele os tratou mal.
15 Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne.
15 No entanto, eles têm sido muito bons para a gente: nunca nos incomodaram e, durante todo o tempo em que estivemos com eles nos campos, eles não roubaram nada que era nosso.
16 Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan.
16 Eles nos protegeram dia e noite todo o tempo em que estivemos com eles tomando conta dos nossos rebanhos.
17 Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu.”
17 Pense nisso e resolva o que fazer. Isso poderá vir a ser um desastre para o nosso patrão e toda a sua família. Ele é tão mau, que ninguém pode falar com ele.
18 Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte.
18 Então Abigail pegou depressa duzentos pães, dois odres cheios de vinho, cinco ovelhas assadas, uns dezessete quilos de trigo torrado, cem cachos de passas e duzentas pastas de figos secos e pôs tudo sobre jumentos.
19 Ergasii tajaajiltoota isheetiin, “Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba” jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne.
19 Então disse aos empregados: — Vão na frente, que eu vou atrás. Porém não contou nada ao seu marido.
20 Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawitii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte.
20 Abigail ia montada no seu jumento e, de repente, numa curva, na descida, encontrou Davi e os seus homens, que vinham na sua direção.
21 Daawit akkana jedhee ture; “Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera.
21 Davi tinha pensado assim: “De que me adiantou proteger a propriedade desse homem aqui no deserto? Nós não roubamos nada que era dele, e é assim que ele me paga a ajuda que lhe dei?
22 Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Waaqni Daawitin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!”
22 Que Deus me castigue se eu não matar até o último daqueles homens antes do amanhecer!”
23 Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde.
23 Quando Abigail viu Davi, desmontou depressa, ajoelhou-se diante dele e encostou o rosto no chão,
24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: “Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi.
24 aos seus pés, dizendo: — Por favor, senhor! Escute-me! Eu sou a culpada!
25 Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine.
25 Por favor, não dê atenção a Nabal, pois ele não vale nada! Ele é exatamente o que seu nome quer dizer: um tolo ! Eu mesma não vi os rapazes que o senhor mandou.
26 Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne Waaqayyo si eegeera; dhugaa Waaqayyo jiraataa; duʼa kee ti; diinonni keetii fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan hundi akkuma Naabaal haa taʼan.
26 Foi o Senhor Deus quem impediu que o senhor se vingasse e matasse os seus inimigos. Agora eu juro, pela sua vida e pela vida do Senhor , que todos os seus inimigos e todos os que querem prejudicá-lo serão castigados como Nabal.
27 Kennaan garbittiin kee gooftaa kootiif fidde kunis namoota si duukaa buʼaniif haa kennamu.
27 Senhor, faça o favor de aceitar este presente que eu lhe trouxe e o entregue aos seus homens.
28 “Waan gooftaan koo lola Waaqayyoo loluuf Waaqayyo gooftaa kootiif dhugumaan mootummaa bara baraa ni dhaabaatii. Maaloo balleessaa garbittii keetii dhiisiif. Bara jireenya keetii keessas yakki tokko iyyuu sirratti hin argamin.
28 Perdoe, por favor, qualquer coisa errada que eu tenha feito. O Senhor Deus fará com que o senhor seja rei e também os seus descendentes, pois o senhor está combatendo o combate dele e o senhor não vai fazer nenhum mal enquanto viver.
29 Eenyu iyyuu lubbuu kee balleessuuf jedhee si ariʼu illee, lubbuun gooftaa koo waldaa jiraattotaa keessatti Waaqayyo Waaqa keetiin ni eegamti. Inni garuu akkuma waan wiirtuu furrisa keessaa furrifamuutti lubbuu diina keetii furrisee ni darbata.
29 Se alguém o atacar e tentar matá-lo, o Senhor , seu Deus, o protegerá como um homem que guarda um tesouro precioso. Mas ele vai jogar longe os seus inimigos, como um homem que atira pedras com a sua funda .
30 Yeroo Waaqayyo akkuma gooftaa kootiif waadaa gale sanatti waan gaarii hunda godheefii Israaʼel irratti hoogganaa godhee isa muudutti,
30 O Senhor Deus cumprirá todas as coisas boas que lhe prometeu e o fará rei de Israel.
31 gooftaan koo sababii yakka malee dhiiga dhangalaasuutiin yookaan sababii haaloo baafachuutiin waan isa gaabbisiisu yookaan waan qalbii isaa tuqu tokko illee hin qabaatin. Yeroo Waaqayyo Waaqni kee gooftaa kootiif waan gaarii godhutti garbittii kee yaadadhu.”
31 E, quando isso acontecer, o senhor não terá motivo para se arrepender, ou sentir remorso por haver matado sem razão, ou por ter se vingado por si mesmo. E, quando o Senhor Deus o abençoar, não esqueça de mim.
32 Daawitis Abiigayiiliin akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni akka ati harʼa na argituuf natti si erge haa eebbifamu.
32 Davi respondeu: — Louvado seja o
33 Ati sababii harʼa gorsa gaarii naa kennitee dhiiga dhangalaasuu fi harkuma kootiin haaloo baafachuu irraa na deebifteef eebbifami.
33 Graças ao que você fez hoje e ao seu juízo, eu deixei de cometer um crime de morte e fui impedido de me vingar por mim mesmo.
34 Dhugaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan isin miidhuu na dhowwe jiraataa sanaa, utuu ati daftee na arguuf dhufuu baattee silaa ilmaan Naabaal keessaa dhiirri tokko iyyuu hamma lafti bariitutti hin hambifamu ture.”
34 Que o Senhor Deus me livre de fazer algum mal a você! Eu juro pelo Senhor , o Deus de Israel, o Deus vivo, que, se você não tivesse se apressado e não tivesse vindo me encontrar, amanhã cedo todos os homens de Nabal estariam mortos, até os meninos!
35 Daawitis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, “Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera” jedhe.
35 Então Davi aceitou o que ela havia trazido e disse: — Volte para casa e não se preocupe. Eu farei o que você quiser.
36 Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne.
36 Abigail voltou para o seu marido Nabal, que estava em casa, festejando como um rei. Ele estava bêbado e alegre. Então ela não lhe contou nada. Na manhã seguinte,
37 Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe.
37 quando ele não estava mais bêbado, ela lhe contou tudo. Aí ele teve um ataque e ficou completamente paralisado.
38 Bultii kudhan booddee Waaqayyo Naabaalin dhaʼe; innis ni duʼe.
38 Uns dez dias depois, a ira de Deus feriu Nabal, e ele morreu.
39 Daawitis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, “Waaqayyo isa arrabsoo Naabaal haaloo naaf baaseef galanni haa gaʼu. Inni garbicha isaa yakka hojjechuu dhowwee yakka Naabaal matuma isaatti deebiseeraatii” jedhe.
39 Quando Davi soube que Nabal havia morrido, disse: — Louvem a Deus, o Então Davi mandou a Abigail uma proposta de casamento.
40 Tajaajiltoonni isaas Qarmeloos dhaqanii Abiigayiiliin, “Daawit akka ati isaaf niitii taatuuf akka nu isatti si geessinuuf sitti nu erge” jedhan.
40 Os empregados dele foram até Carmelo e disseram: — Davi nos mandou buscá-la para que a senhora seja sua esposa.
41 Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, “Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera” jette.
41 Então Abigail ajoelhou-se, encostou o rosto no chão e disse: — Eu sou escrava de Davi e estou pronta para lavar os pés dos empregados dele.
42 Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawit wajjin deebitee dhaqxee Daawitiif niitii taate.
42 Aí ela se levantou depressa e montou o seu jumento. E, acompanhada por suas cinco empregadas, partiu na companhia dos empregados de Davi e se tornou esposa dele.
43 Akkasumas Daawit biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif.
43 Davi tinha casado com Ainoã, de Jezreel, e agora Abigail também se tornou sua esposa.
44 Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawit turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise.
44 Nesse meio tempo Saul tinha dado a sua filha Mical, que tinha sido esposa de Davi, a Palti, filho de Laís, da cidade de Galim.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 25, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.