1 Samuel 22

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Daawit Gaatii kaʼee gara holqa Adulaamitti baqate. Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundi yeroo waan kana dhagaʼanitti gara isaa dhaqan.
1 Davi partiu dali e refugiou-se na caverna de Odolão. Seus irmãos e toda a sua família, ouvindo isso, foram juntar-se a ele.
2 Namoonni rakkatan hundi yookaan kanneen gatiin irra jiru hundii fi warri of jibban hundi isa biratti wal gaʼan; innis hoogganaa isaanii taʼe. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba afurii ti.
2 Todos os que se viam em miséria, os endividados, os descontentes, foram ter com Davi, e ele tornou-se o seu chefe. E estiveram com ele cerca de quatrocentos homens.
3 Daawit achii kaʼee Miisphaa ishee biyya Moʼaabitti argamtuu dhaqee mooticha Moʼaabiin, “Hamma ani waan Waaqni naaf godhu beekutti akka abbaan koo fi haati koo dhufanii si bira jiraatan ni eeyyamtaa?” jedhe.
3 Dali foi Davi para Masfa, em Moab, e disse ao rei de Moab: Permiti que meu pai e minha mãe venham habitar no meio de vós, até que eu saiba o que o Senhor me reserva.
4 Innis mootii Moʼaab biratti isaan dhiise; isaanis yeroo Daawit iddoo daʼannoo keessa turetti mooticha bira jiraatan.
4 Apresentou-os, pois, ao rei de Moab, e ficaram com ele durante todo o tempo em que Davi permaneceu no fortim.
5 Taʼus Gaad raajichi Daawitiin, “Daʼannoo keessa hin turin. Biyya Yihuudaatti gali” jedhe. Kanaafuu Daawit achii baʼee bosona Hereeti seene.
5 Mas o profeta Gad disse a Davi: Não fiques no fortim. Parte, volta à terra de Judá. Davi partiu e internou-se na floresta de Haret.
6 Saaʼol akka Daawitii fi namoonni isaa argaman dhagaʼe. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee gaara Gibeʼaa irra muka tamirii jala taaʼaa ture. Qondaaltonni isaa hundinuus isa bira dhaabachaa turan.
6 Saul foi informado de que haviam descoberto Davi e os seus. Estava o rei em Gabaa, sentado debaixo de uma tamareira, na colina, com a sua lança na mão, tendo todos os seus familiares em redor de si.
7 Saaʼolis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Beniyaam dhagaʼaa! Dhugumaan ilmi Isseey lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaniif ni kennaa? Hunda keessanis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa ni godhaa?
7 Saul disse-lhes: Escutai, benjaminitas: será que o filho de Isaí dará a todos vós campos e vinhas? Irá ele fazer de todos vós chefes de milhares e chefes de centenas?
8 Sababiin isin hundi natti malattaniif kanaa? Yeroo ilmi koo ilma Isseey wajjin kakuu galutti namni tokko iyyuu natti hin himu. Isin keessaa namni tokko iyyuu dhimma koo hin qabu yookaan akka ilmi koo akka inni akkuma harʼa gochaa jiru kana akka tajaajilaan koo riphee na eeggatuuf isa natti kakaasu isin keessaa namni tokko iyyuu natti hin himu.”
8 Por que vos conjurastes contra mim? Ninguém de vós me informou que meu filho tinha feito aliança com o filho de Isaí, e ninguém se deu o trabalho de avisar-me que meu filho instigava meu servo contra mim, para armar-me ciladas, como ele o faz hoje!
9 Garuu Dooʼeeg Edoomichi kan qondaaltota Saaʼol wajjin dhaabachaa ture sun akkana jedhee deebise; “Ani ilma Isseey isaa gara Noob Ahiimelek ilma Ahiixuub bira dhufuu nan arge.
9 Doeg, o edomita, que era o primeiro entre os domésticos de Saul, respondeu: Eu vi o filho de Isaí chegar a Nobe, à casa de Aquimelec, filho de Aquitob.
10 Abiimelekis Waaqayyoon isaaf kadhate; akkasumas galaa fi goraadee Gooliyaad Filisxeemichaa kenneef.”
10 Este consultou o Senhor por ele e deu-lhe provisões, entregando-lhe também a espada do filisteu Golias.
11 Kana irratti mootichi Ahiimelek lubicha ilma Ahiixuubitti nama ergee isaa fi maatii abbaa isaa kanneen Noobitti luboota turan hunda waamsise; isaanis gara mootichaa dhufan.
11 O rei mandou chamar o sacerdote Aquimelec, filho de Aquitob, com toda a casa de seu pai, os sacerdotes que estavam em Nobe. Chegando eles à presença do rei,
12 Saaʼolis, “Yaa ilma Ahiixuub dhagaʼi” jedhe.
12 Saul disse-lhes: Escuta, filho de Aquitob! Eis-me aqui, meu senhor, respondeu ele.
13 Saaʼolis akkana isaan jedhe; “Ati maaliif buddeenaa fi goraadee kenniteefii Waaqa kadhachuufiidhaan akka inni natti fincilee akkuma harʼa gochaa jiru kana riphee na eeggatu isa gootee ilma Isseey wajjin natti malatte?”
13 Por que, retomou Saul, conspiraste contra mim, tu e o filho de Isaí? Deste-lhe pão e uma espada, e consultaste Deus por ele, a fim de que ele se revolte contra mim e me arme ciladas como hoje acontece.
14 Ahiimelekis deebisee mootichaan akkana jedhe; “Dhirsi intala mootichaa, ajajaa loltoota si eeganiitii fi namni mana kee keessatti akka malee kabajamu tajaajiltoota kee hunda keessaa amanamaan akka Daawit eenyu?
14 Aquimelec respondeu ao rei: Haverá entre todos os teus servos alguém mais fiel que Davi, genro do rei, teu conselheiro, um homem estimado por toda a tua casa?
15 Waaqa isaaf kadhachuun koo harʼa guyyaa jalqabaatii? Miti! Mootichi garbicha kee yookaan maatii abbaa isaa keessaa nama tokko illee yakkamaa hin godhin; garbichi kee waaʼee waan kana hundaa homaa hin beekuutii.”
15 Foi porventura hoje que comecei a consultar Deus por ele? Longe de mim {qualquer idéia de revolta}! Não impute o rei crime algum ao seu servo, nem à sua família! Teu servo nada soube de tudo isto, nem pouco nem muito.
16 Mootichi garuu, “Yaa Ahiimelek, dhugumaan ati ni duuta; atis, maatiin abbaa keetii hundinuus ni duutu” jedhe.
16 O rei disse: Tu morrerás, Aquimelec, tu e toda a tua família!
17 Ergasiis mootichi waardiyyoota isa bira turaniin, “Sababii luboonni Waaqayyoo kunneen Daawitiif tumsaniif, itti garagalaatii isaan fixaa. Isaan akka inni baqachaa ture ni beeku; taʼus natti hin himne” jedhe.
17 E, dirigindo-se aos guardas que o cercavam: Ide, disse ele; matai os sacerdotes do Senhor, pois fizeram-se cúmplices de Davi: sabiam de sua fuga e não me preveniram. Mas os guardas do rei se recusaram a levantar a mão contra os sacerdotes do Senhor.
18 Mootichis, “Itti garagaliitii luboota fixi” jedhee Dooʼeeg Edoomicha ajaje. Kanaafuu Dooʼeeg Edoomichi itti garagalee isaan dhaʼe. Inni gaafas luboota dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatan saddeettamii shan fixe.
18 Então o rei ordenou a Doeg: Vamos, fere-os. E Doeg, o edomita, aproximou-se e foi ele quem matou os sacerdotes. Massacrou naquele dia oitenta e cinco homens que vestiam o efod de linho.
19 Noob magaalaa lubootaas, dhiirotaa fi dubartoota ishee, ijoollee fi daaʼimman ishee, loon, harrootaa fi hoolota ishee goraadeedhaan barbadeesse.
19 Ordenou também Saul que fosse passada ao fio da espada a cidade sacerdotal de Nobe: homens, mulheres, meninos, crianças de peito, bois, jumentos e ovelhas.
20 Garuu Abiyaataar ilmi Ahiimelek ilma Ahiixuub sun miliqee gara Daawititti baqate.
20 Só escapou um filho de Aquimelec, filho de Aquitob, chamado Abiatar, que se refugiou junto de Davi.
21 Innis akka Saaʼol luboota Waaqayyoo fixe Daawititti hime.
21 Abiatar anunciou-lhe que Saul tinha massacrado os sacerdotes do Senhor.
22 Daawitis Abiyaataariin akkana jedhe; “Ani gaafas yeroo Dooʼeeg Edoomichi achi turetti akka inni dhugumaan Saaʼolitti odeessu beekeera. Badiisa maatii abbaa keetii hundaaf anatu gaafatama.
22 Davi disse-lhe: Eu bem suspeitava naquele dia que, estando ali Doeg, o edomita, ele iria contar tudo a Saul. Sou eu o culpado da morte de toda a casa de teu pai.
23 Ana wajjin turi; hin sodaatin; namni lubbuu kee barbaadu, lubbuu koos ni barbaada. Ati na wajjin nagumaan jiraatta.”
23 Fica comigo; não temas. Aquele que odeia a minha vida, odeia igualmente a tua. Junto de mim estarás seguro.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.