1 Samuel 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Daawitis Naayot ishee Raamaa keessatti argamtuu baqatee Yoonaataan bira deemee, “Ani maalin godhe? Yakki koos maali? Cubbuun ani fuula abbaa keetii duratti hojjedhee inni na ajjeesuu barbaaduuf kami?” jedhee gaafate.
1 Partiu Davi de Naiot, perto de Ramá e veio ter com Jônatas. Disse-lhe: Que fiz eu? Qual é o meu crime, e que mal fiz ao teu pai, para que ele queira matar-me?
2 Yoonaataanis deebisee, “Kun gonkumaa hin taʼu; ati hin ajjeefamtu! Abbaan koo waan xinnaas taʼu waan guddaa utuu na wajjin hin mariʼatin hin hojjetu. Yoos abbaan koo akkam waan kana na dhoksa ree? Wanni kun akkas miti!” jedhe.
2 Não, respondeu Jônatas, tu não morrerás! Meu pai não faz coisa alguma, grande ou pequena, sem me dizer. Por que me ocultaria isso? Não é possível!
3 Daawit garuu akkana jedhee kakate; “Akka ani fuula kee duratti fudhatama argadhe abbaan kee sirriitti beeka; kanaafuu inni, ‘Yoonaataan waan gadduuf akka waan kana beeku hin godhinaa’ jedheera. Garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa ti; duʼa kee ti; anaa fi duʼa giddu tarkaanfii tokko qofatu jira.”
3 Mas Davi insistiu com juramento: Teu pai bem sabe que eu te sou simpático, e por isso deve ter pensado: que Jônatas não o saiba, para que não se entristeça demasiado. Por Deus e pela tua vida, há apenas um passo entre mim e a morte!
4 Yoonaataanis Daawitiin, “Waan ati akka ani siif godhu barbaaddu hunda siifin godha” jedhe.
4 Jônatas respondeu-lhe: Que queres que eu faça? Eu o farei.
5 Kanaafuu Daawit akkana jedhe; “Bor Ayyaana Baatii ti; anis mootii wajjin maaddiitti dhiʼaachuun qaba; garuu akka ani dhaqee hamma galgala iftaaniitti ala dhokadhu naa eeyyami.
5 Amanhã, disse Davi, é lua nova, e eu devia jantar à mesa do rei. Deixa-me partir; ocultar-me-ei no campo até a tarde do terceiro dia.
6 Yoo abbaan kee na barbaadee na dhabe, ‘Daawit waan aarsaan waggaa sababii maatii isaa guutuutiif achitti dhiʼeeffamaa jiruuf akka ariitiidhaan gara Beetlihem magaalaa ofii isaa dhaquuf cimsee eeyyama na gaafatee jira’ jedhiin.
6 Se teu pai notar minha ausência, dir-lhe-ás que te pedi licença para ir até Belém, minha cidade natal, onde toda a minha família oferece um sacrifício anual.
7 Yoo inni, ‘Haa taʼu’ jedhe, garbichi kee ooleera; yoo inni aare garuu akka inni hammina natti yaade hubachuu dandeessa.
7 Se ele disser que está bem, o teu servo nada terá a temer; mas se ele, ao contrário, se irritar, fica sabendo que ele decretou a minha perda.
8 Ati garuu garbicha keetiif garaa laafi. Atii fi garbichi kee fuula Waaqayyoo duratti kakuu galtaniirtuutii. Yoo ani yakka qabaadhe atuu na ajjeesi! Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”
8 Mostra-te amigo para com teu servo, pois que fizeste um pacto comigo em nome do Senhor. Se eu tenho alguma culpa, mata-me tu mesmo; por que fazer-me comparecer diante do teu pai?
9 Yoonaataanis, “Wanni kun sirraa haa fagaatu! Ani utuu akka abbaan koo si miidhuu barbaade beekee silaa sitti hin himun turee?” jedhe.
9 Jônatas disse-lhe: Longe de ti tal coisa! Se eu souber que de fato meu pai resolveu perder-te, juro que te avisarei.
10 Daawitis, “Yoo abbaan kee dheekkamsaan siif deebise eenyutu natti hima?” jedhee gaafate.
10 Mas quem me informará, perguntou Davi, se teu pai te responder duramente?
11 Yoonaataan, “Kottu alatti baanaa” jedhe. Kanaafuu isaan lamaanuu walii wajjin deeman.
11 Vamos ao campo, disse-lhe Jônatas. E foram ambos ao campo.
12 Kana irratti Yoonaataan Daawitiin akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin nan kakadha; dhugumaan iftaan yoona yaada abbaa koo nan ilaala! Yoo inni yaada tolaa siif qabaate ani dhaamsa sitti ergeen si beeksisa.
12 Então Jônatas falou: Por Javé, Deus de Israel! Amanhã ou depois de amanhã sondarei meu pai. Se tudo for favorável a ti e eu não te avisar,
13 Garuu yoo abbaan koo si miidhuu barbaadee ani immoo si beeksisee nagaadhaan si erguu baadhe, Waaqayyo Yoonaataanin haa adabu; waan caalus itti haa fidu. Waaqayyo akkuma abbaa koo wajjin taʼe sana si wajjinis haa taʼu.
13 então o Senhor me trate com todo o seu rigor! E se meu pai te quiser fazer mal, avisar-te-ei da mesma forma; deixar-te-ei então partir e poderás estar tranqüilo. Que o Senhor esteja contigo, como esteve com meu pai!
14 Akka ani hin ajjeefamneef ati gara laafina hin geeddaramne kan akka gara laafina Waaqayyoo sana bara jireenya kootii keessa na argisiisi.
14 Mais tarde, se eu for ainda vivo, conservar-me-ás tua amizade {em nome} do Senhor. Mas, se eu morrer,
15 Yeroo Waaqayyo diinota Daawit lafa irraa barbadeessutti illee gara laafinni kee maatii koo irraa hin citin.”
15 não retires jamais tua benevolência de minha casa, nem mesmo quando o Senhor exterminar da face da terra todos os inimigos de Davi!
16 Kanaafuu Yoonaataan, “Waaqayyo diinota Daawit itti gaafatamtoota haa godhu” jedhee mana Daawit wajjin kakuu seene.
16 Foi assim que Jônatas fez aliança com a casa de Davi, e o Senhor vingou-se dos inimigos de Davi.
17 Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawitin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe.
17 Jônatas conjurou ainda uma vez a Davi, em nome da amizade que lhe consagrava, pois o amava de toda a sua alma.
18 Yoonaataanis Daawitiin akkana jedhe: “Bori Guyyaa Ayyaana Baatii ti. Sababii iddoon ati teessu sun duwwaa taʼuuf akka ati hin jirre ni beekama.
18 Amanhã, continuou Jônatas, é lua nova, e notarão tua ausência.
19 Iftaan galgala iddoo yeroo rakkinni kun jalqabetti itti dhokatte sana dhaqiitii dhagaa Ezeel bira turi.
19 Descerás, pois, sem falta, depois de amanhã ao lugar onde te escondeste no dia do ajuste, e ficarás junto à pedra de Ezel.
20 Ani akka nama waan tokkotti xiyyeeffatee darbatuutti xiyya sadii naannoo dhagaa sanaatti nan darbadha.
20 Atirarei três flechas para o lado da pedra como se visasse a um alvo.
21 Ergasiis gurbaa tokko ergee, ‘Dhaqiitii xiyya barbaadi’ nan jedha. Yoo ani, ‘Ilaa, xiyyi siin garana jira; as fidi’ jedheen, dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati homaa hin taatuutii kottu; balaan tokko iyyuu hin jiru.
21 Depois mandarei meu servo buscar as flechas. Se eu lhe gritar: Olha! Estão atrás de ti, apanha-as! Então poderás vir, porque tudo te é favorável, e não há mal algum a temer, por Deus!
22 Yoo ani gurbichaan, ‘Ilaa, xiyyi siin garas jira’ jedhe garuu waan Waaqayyo akka ati deemtu barbaadeef deemuu qabda.
22 Se, porém, eu disser ao rapaz: Olha! As flechas estão diante de ti, um pouco mais longe. Então foge, porque essa é a vontade de Deus.
23 Waaʼee waan anaa fi ati mariʼanne sanaa akka Waaqayyo bara baraan anaa fi si gidduutti dhuga baʼaa taʼe yaadadhu.”
23 Quanto à palavra que nos demos um ao outro, o Senhor seja testemunha entre nós para sempre.
24 Kanaafuu Daawit ala dhokate; yeroo Guyyaan Ayyaana Baatii gaʼettis mootichi waa nyaachuuf taaʼe.
24 Davi escondeu-se no campo. No dia da lua nova, o rei pôs-se à mesa para comer,
25 Innis akkuma amala isaa keenyan manaa bira taaʼe; Yoonaataan fuullee isaa, Abneer immoo Saaʼol cina taaʼe; iddoon Daawit garuu duwwaa ture.
25 sentando-se, como de costume, numa cadeira junto à parede. Jônatas levantou-se para que Abner pudesse sentar-se ao lado de Saul, e o lugar de Davi ficou desocupado.
26 Saaʼol gaafas homaa hin dubbanne; inni, “Wanni akka seeraatti isa xureessu tokko Daawititti dhufuu hin oolu; inni dhugumaanuu xuraaʼaa dha” jedhee yaadaa tureetii.
26 Naquele dia Saul não disse nada. Algo aconteceu-lhe, pensou ele; provavelmente não está puro; deve ter contraído alguma impureza.
27 Garuu guyyaa itti aanu jechuunis jiʼa sana keessaa guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit ammas duwwaa ture. Kana irratti Saaʼol ilma isaa Yoonaataaniin, “Ilmi Isseey sun maaliif kaleessas harʼas nyaataaf hin dhufin?” jedhe.
27 No dia seguinte, segundo dia da lua, o lugar de Davi continuava vazio. Saul disse ao seu filho Jônatas: Por que o filho de Isaí não veio comer, nem ontem nem hoje?
28 Yoonaataanis akkana jedhee deebise; “Daawit gara Beetlihem deemuuf jedhee jabeessee eeyyama na gaafate.
28 Davi pediu-me com instâncias, respondeu Jônatas, para ir a Belém.
29 Innis, ‘Sababii maatiin keenya magaalaa sana keessatti aarsaa dhiʼeessaa jiruu fi sababii obboleessi koo akka ani achitti argamuuf na ajajeef nan dhaqa. Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe akka ani obboloota koo ilaaluu dhaquuf naa eeyyami’ jedhe. Wanni inni utuu maaddii mootichaatti hin dhiʼaatin hafeefis kanuma.”
29 Disse-me: deixa-me ir, rogo-te, porque temos na cidade um sacrifício de família, ao qual meu irmão me convidou. Se me queres dar um prazer, permite-me que vá rever meus irmãos. Por isso não veio ele à mesa do rei.
30 Saaʼolis akka malee Yoonaataanitti aaree akkana jedheen; “Ati yaa ilma dubartii micciiramtuu fi finciltuu sanaa! Akka ati ilma Isseey kan siʼii fi haadha si deesseef qaanii taʼe sanaaf tumsite ani hin beekuu?
30 Então Saul encolerizou-se contra Jônatas: Filho de prostituta, disse-lhe, não sei eu porventura que és amigo do filho de Isaí, o que é uma vergonha para ti e para tua mãe?
31 Hamma ilmi Isseey lafa irra jirutti atis mootummaan kees jabaattanii hin dhaabattan. Kanaafuu amma nama itti ergiitii gara koo fichisiisi; inni duʼuu qabaatii!”
31 Enquanto viver esse homem na terra, não estarás seguro, nem tu nem o teu trono. Vamos! Vai buscá-lo e traze-mo; ele merece a morte!
32 Yoonaataanis, “Inni maaliif ajjeefama? Maali godhe?” jedhee abbaa isaa Saaʼolin gaafate.
32 Jônatas respondeu ao seu pai: Por que deverá ele morrer? Que fez ele?
33 Saaʼol garuu isa ajjeesuudhaaf eeboo itti darbate. Kanaafuu Yoonaataan akka abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf kutate beeke.
33 Saul brandiu sua lança para feri-lo, e Jônatas viu que a morte de Davi era coisa decidida pelo seu pai.
34 Yoonaataanis akka malee aaree maaddii irraa kaʼe; innis sababii hojii qaanii kan abbaan isaa Daawititti hojjete sanaan gaddeef bultii lammaffaa jiʼa sanaatti homaa hin nyaanne.
34 Furioso, deixou a mesa sem comer naquele segundo dia da lua. As injúrias que seu pai tinha proferido contra a Davi tinham-no afligido profundamente.
35 Yoonaataan ganama barii Daawitin wal arguuf gad baʼe. Gurbaan xinnaan tokkos isa wajjin ture.
35 Na manhã seguinte, Jônatas saiu ao campo e foi ao lugar combinado com Davi, acompanhado de um jovem servo.
36 Innis gurbaa sanaan, “Fiigiitii xiyya ani darbadhu sana barbaadi” jedhe. Akkuma gurbaan sun fiigeen Yoonaataan isa duubaan xiyya darbate.
36 Vai, disse ele, e traze-me as setas que vou atirar. Mas, enquanto o rapaz corria, Jônatas atirou outra flecha mais para além dele.
37 Yeroo gurbichi iddoo xiyyi Yoonaataan buʼe sana gaʼetti, Yoonaataan isa waamee, “Xiyyi siin achi jira mitii?” jedhe.
37 Quando chegou ao lugar da flecha, Jônatas gritou-lhe: Não está a flecha mais para lá de ti?
38 Ergasiis, “Ariifadhu! Dafiitii deemi! Hin dhaabatin!” jedhee itti iyye; gurbichis xiyya sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe.
38 E ajuntou: Vamos, apressa-te, não te demores. O servo apanhou a flecha e voltou ao seu senhor; e de nada suspeitou,
39 Gurbaan sun waaʼee waan kana hundaa waan tokko illee hin beekne; Yoonaataanii fi Daawit qofatu beeka ture.
39 porque só Jônatas e Davi conheciam o ajuste.
40 Ergasiis Yoonaataan miʼa isaa kan lolaa gurbichatti kennee, “Fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi” jedheen.
40 Depois disso, entregou Jônatas suas armas ao rapaz, dizendo-lhe: Vai, leva-as para a cidade.
41 Erga gurbichi deemee booddee Daawit karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawit garuu caalaa booʼe.
41 Logo que ele partiu, deixou Davi o seu esconderijo e curvou-se até a terra, prostrando-se três vezes; beijaram-se mutuamente, chorando, e Davi estava ainda mais comovido que o seu amigo.
42 Yoonaataanis Daawitiin, “ ‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti Waaqayyo bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa Waaqayyootiin walii kakanneerraatii nagaan deemi” jedhe. Ergasii Daawit kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.
42 Jônatas disse-lhe: Vai em paz, agora que demos um ao outro nossa palavra com este juramento: o Senhor seja para sempre testemunha entre ti e mim, entre a tua posteridade e a minha!
43 — ausente —
43 Davi partiu, e Jônatas voltou para a cidade.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.