1 Samuel 19

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawitin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawitin jaallata ture;
1 Saul falou ao seu filho Jônatas e a todos os servos, ordenando-lhes que matassem Davi. Mas Jônatas, que tinha grande afeição por Davi,
2 akkana jedhees isa akeekkachiise; “Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi.
2 preveniu-o disso: Saul, meu pai, procura matar-te. Está de sobreaviso amanhã cedo; esconde-te.
3 Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima.”
3 Sairei em companhia de meu pai ao campo onde estiveres. Falar-lhe-ei de ti, para ver o que ele diz, e te avisarei depois.
4 Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit waan gaarii dubbate; “Mootichi tajaajilaa isaa Daawititti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera.
4 Jônatas falou bem de Davi ao seu pai, e ajuntou: Que o rei não faça mal algum ao seu servo Davi, pois que ele nunca te fez mal algum. Ao contrário, prestou-te grandes serviços.
5 Daawit lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. Waaqayyos Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawititti yakka hojjetta ree?”
5 Arriscou a sua vida para matar o filisteu, e o Senhor deu uma grande vitória a Israel. Foste testemunha disso e te alegraste. Por que queres pecar contra o sangue inocente, matando Davi sem motivo?
6 Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Daawit hin ajjeefamu” jedhee kakate.
6 Saul ouviu a voz de Jônatas, e fez este juramento: Pela vida do Senhor, Davi não morrerá!
7 Kanaafuu Yoonaataan Daawitin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawitis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate.
7 Então Jônatas chamou Davi e contou-lhe tudo isso. Levou-o em seguida a Saul, para que ele retomasse o seu lugar como dantes.
8 Ammas lolli ni kaʼe; Daawitis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan.
8 Tendo recomeçado a guerra, marchou Davi contra os filisteus, combatendo-os e infligindo-lhes uma grande derrota, e eles fugiram diante dele.
9 Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan Waaqayyo biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu,
9 O mau espírito do Senhor, porém, veio novamente sobre Saul. Estava ele sentado em sua casa, com a lança na mão; Davi tocava a cítara.
10 Saaʼol eeboodhaan Daawitin keenyanitti hodhuu yaale; Daawit garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawitis halkan sana baqatee jalaa baʼe.
10 Saul, então, arremessou-lhe a lança, procurando cravá-lo na parede; Davi desviou-se e a lança foi cravar-se na parede. Davi esquivou-se e fugiu naquela mesma noite.
11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, “Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta” jettee akeekkachiifte.
11 Ora, mandou o rei emissários à casa de Davi, para terem-no seguro e assassiná-lo pela manhã. Mas Micol, mulher de Davi, disse-lhe: Se não fugires esta noite, amanhã serás um homem morto.
12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe.
12 Fê-lo, pois, descer pela janela, e ele fugiu são e salvo.
13 Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
13 Micol tomou o terafim, meteu-o na cama, colocou-lhe em redor da cabeça uma cobertura de pele de cabra, e cobriu tudo com um manto.
14 Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, “Inni dhukkubsateera” jette.
14 Quando chegaram os enviados de Saul para prender Davi, ela disse-lhes: Ele está doente.
15 Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, “Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa” isaaniin jedhe.
15 Saul mandou-os de novo, com ordem de vê-lo, dizendo: Trazei-mo com sua cama, e eu o matarei.
16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
16 Tendo chegado os mensageiros, só encontraram na cama o terafim com uma cobertura de pele de cabra no lugar da cabeça.
17 Saaʼolis Miikaaliin, “Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?” jedhe.
17 Saul disse a Micol: Por que me enganaste assim, deixando escapar o meu inimigo? Micol respondeu: Porque ele me disse: deixa-me partir, senão te mato!
18 Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.
18 Davi fugiu, pois, e foi ocultar-se junto de Samuel, em Ramá; e contou-lhe tudo o que Saul lhe fizera. E foram ambos morar em Naiot.
19 Saaʼolittis, “Kunoo Daawit Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira” jedhanii himan.
19 Disseram a Saul: Davi está em Naiot, perto de Ramá.
20 Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee raajota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Waaqaa namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan.
20 Saul mandou homens para prendê-lo, mas quando viram a comunidade dos profetas em delírio, tendo Samuel à sua frente, o espírito de Deus veio sobre os enviados de Saul que começaram, também eles, a profetizar.
21 Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan.
21 Contaram-no a Saul, que enviou outros mensageiros, mas também estes se puseram a cantar como os primeiros. Saul mandou um terceiro grupo, os quais também profetizaram.
22 Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, “Saamuʼeelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate.
22 Então ele foi pessoalmente a Ramá. Chegando à grande cisterna de Soco, perguntou: Onde estão Samuel e Davi? Estão em Naiot, responderam-lhe, perto de Ramá.
23 Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Waaqaa isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme.
23 Mas, no caminho para Naiot, assaltou-o também o espírito de Deus, e Saul foi tomado de transes por todo o caminho até chegar a Naiot.
24 Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, “Saaʼolis raajota keessaa tokkoodhaa?” jedhaniif kanuma.
24 Despiu suas vestes, profetizando diante de Samuel e ficou assim despido, prostrado por terra durante todo o dia e toda a noite. Daí o ditado: Está Saul também entre os profetas?

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 19, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.