1 Samuel 14
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Gaafa tokko Yoonaataan ilmi Saaʼol dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata Filisxeemotaa kan gama kaaniin jiru sanaatti ceenaa” jedhe. Inni garuu abbaa isaatti hin himne.
1 Um dia, Jônatas, filho de Saul, disse ao seu escudeiro: Vem, passemos até ao acampamento dos filisteus que está do outro lado. Mas nada disse ao seu pai.
2 Saaʼolis Migroon keessa daarii Gibeʼaa muka Roomaanii jala taaʼaa ture. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba jaʼaa ti;
2 Saul estava acampado na extremidade de Gabaa, debaixo da romãzeira de Magron, com uma tropa de seiscentos homens aproximadamente.
3 Ahiiyaan inni dirata uffatus isaan keessaa tokko ture. Innis ilma Ahiixuub obboleessa Iikaabood, ilma Fiinehaas ilma Eelii kan Shiiloo keessatti luba Waaqayyoo ture sanaa ti. Akka Yoonaataan deemes namni tokko iyyuu quba hin qabu ture.
3 Aquias, filho de Aquitob, irmão de lcabod, filho de Finéias, filho de Heli, o sacerdote do Senhor em Silo, levava o efod. O povo ignorava a saída de Jônatas.
4 Malkaan ittiin Yoonaataan gara qubata waraana Filisxeemotaatti ceʼuu barbaade sun bitaa fi mirgaan kattaawwan qara qaban lama qaba ture; inni tokko Bozeezi, kaan immoo Seenee jedhama.
4 Ora, no desfiladeiro que Jônatas tentava atravessar para atingir a guarnição dos filisteus, havia rochedos altos, em forma de dentes, de um e outro lado, um dos quais se chamava Boses e o outro Sene.
5 Kattaan tokko karaa kaabaa fuullee Mikmaasiin, kaan immoo karaa kibbaa fuullee Gibeʼaa dhaabata ture.
5 Um desses se elevava ao norte, defronte de Macmas, e o outro ao sul, do lado de Gabaa.
6 Yoonaataanis dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata warra dhagna hin qabatin sanaatti ceenaa. Maaltu beeka Waaqayyo nu gargaara taʼaatii. Baayʼeedhaanis taʼu xinnoodhaan wanni fayyisuu irraa Waaqayyoon dhowwu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
6 Disse, pois, Jônatas ao seu escudeiro: Vem, ataquemos a guarnição desses incircuncisos; talvez o Senhor combaterá por nós. Nada impede que ele dê a vitória a poucos tão bem como a muitos.
7 Dargaggeessichi miʼa lolaa isaaf baatu sunis, “Waan qalbiitti yaadde hunda godhi; duubattis hin deebiʼin; anis akkuma yaada keetiitti si wajjinan jira” jedhe.
7 Seu escudeiro respondeu-lhe: Faze como te aprouver; vai aonde quiseres, que eu te seguirei aonde deliberares.
8 Yoonaataanis akkana jedhe; “Egaa kottu gara isaaniitti ceenaa; isaan nu hin argan.
8 Pois bem, replicou Jônatas; marchemos contra esses homens e mostremos-nos a eles.
9 Yoo isaan, ‘Hamma nu gara keessan dhufnuttu nu eegaa’ jedhan, asumatti isaan eegna; garuu isaanitti ol hin baanu.
9 Se nos disserem: Esperai até que vamos ter convosco, ficaremos em nosso posto, e não subiremos a eles.
10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol kottaa’ jedhan garuu kun akka Waaqayyo dabarsee harka keenyatti isaan kenne mallattoo waan nuu taʼuuf itti ol baana.”
10 Se, porém, nos disserem: Subi a nós - iremos, porque o Senhor no-los terá entregue nas mãos. Isso nos servirá de sinal.
11 Lamaan isaanii iyyuu qubata loltoota Filisxeemotaatti of argisiisan. Filisxeemonnis, “Kunoo! Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.
11 Então, mostraram-se ambos à guarnição dos filisteus. Estes disseram: Eis os hebreus que saem das cavernas onde se tinham escondido.
12 Namoonni qubata Filisxeemotaa keessa jiranis, “Ol kottaa; waan tokko isinitti argisiisnaa!” jedhanii Yoonaataanii fi dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatu sanatti iyyan.
12 E os homens da guarda gritaram a Jônatas e ao escudeiro: Subi a nós; queremos dizer-vos uma coisa. Jônatas disse ao escudeiro: Segue-me, porque o Senhor os entregou nas mãos de Israel.
13 Yoonaataan harkaa fi miilla isaatiin daaʼimee ol baʼe; dargaggeessi miʼa lolaa isaaf baatus isa faana ol baʼe. Filisxeemonnis harka Yoonaataaniitiin barbadeeffaman; dargaggeessichi Yoonaataan wajjin tures isa duukaa buʼee isaan fixe.
13 Subiu, pois, Jônatas, trepando com as mãos e com os pés, seguido do escudeiro. Os filisteus caíram diante de Jônatas, e o seu escudeiro matava-os atrás dele.
14 Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun rukuttaa jalqabaa sana keessatti lafa qotiyyoo cimdii tokko oolchuu irratti Filisxeemota gara digdamaa taʼan ajjeesan.
14 Esse foi o primeiro massacre que fizeram Jônatas e o seu escudeiro, metade de uma jeira de terra.
15 Qubata keessatti, lafa qotiisaa keessattii fi saba gidduutti naasuutu taʼe; loltoonni qubata keessa turanii fi warri balaa buusan ni hollatan; laftis ni raafamte. Naasuun sunis naasuu Waaqa biraa ergame ture.
15 Espalhou-se o terror no acampamento dos filisteus, assim como na região e entre todo o povo. A guarnição e os saqueadores ficaram tomados de espanto, e a terra ficou em pânico: pois aquilo era como um terror de Deus.
16 Yeroo sana waardiyyoonni Saaʼol kanneen biyya Beniyaam keessa Gibeʼaa turan utuu loltoonni sun karaa hundaan bittinnaaʼanii ni argan.
16 As sentinelas de Saul que estavam em Gabaa de Benjamim, viram a multidão de fugitivos que se dispersava por todos os lados.
17 Saaʼol namoota isa wajjin turaniin, “Mee loltoota lakkaaʼaatii nama nu keessaa deeme ilaalaa” jedhe. Yommuu lakkaaʼanittis Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun achi hin turre.
17 Saul disse ao povo: Fazei uma chamada e vede quem saiu dentre nós. Fez-se a chamada e verificou-se a falta de Jônatas e de seu escudeiro.
18 Saaʼolis Ahiiyaadhaan, “Mee taabota Waaqaa as fidi” jedhe. Yeroo sana taabonni sun Israaʼeloota harka ture.
18 Saul disse a Aquias: Faze aproximar a arca de Deus. {Porque a arca de Deus se encontrava naquele dia com os israelitas.}
19 Utuu Saaʼol lubatti dubbachaa jiruu qubata Filisxeemotaa keessatti wacni guddachaa dhufe. Kanaafuu Saaʼol lubichaan, “Harka kee gad deebifadhu” jedhe.
19 Enquanto Saul falava ao sacerdote, o tumulto no acampamento dos filisteus crescia cada vez mais. Saul disse ao sacerdote: Retira a tua mão.
20 Saaʼolii fi namoonni isaa wal gaʼanii gara waraanaa deeman. Isaanis utuu Filisxeemonni burjaajaʼanii goraadee ofii isaaniitiin wal cicciranuu argan.
20 O rei e todo o povo que estavam com ele foram até o lugar do combate: os filisteus, numa extrema confusão, voltavam a espada uns contra os outros.
21 Ibroonni duraan Filisxeemota wajjin turanii fi isaan wajjin gara qubata isaaniitti ol baʼan sun gara Israaʼeloota warra Saaʼolii fi Yoonaataan wajjin turaniitti deebiʼan.
21 Os hebreus que tinham estado desde há muito tempo com os filisteus, e que os tinham seguido ao acampamento, voltaram e puseram-se do lado dos israelitas que estavam com Saul e Jônatas.
22 Israaʼeloonni biyya gaaraa Efreem keessatti dhokatanii turan yommuu akka Filisxeemonni baqachaa jiran dhagaʼanitti, lolatti makamanii isaan ariʼan.
22 Igualmente todos os israelitas que se tinham escondido no monte de Efraim, sabendo que os filisteus tinham fugido, saíram a persegui-los para os ferir.
23 Gaafas Waaqayyo Israaʼelin ni baraare; lolli sunis Beet Aawwen darbee itti fufe.
23 Naquele dia, o Senhor deu a vitória a Israel. O combate prosseguiu até além de Bet-Aven.
24 Saaʼol, “Hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baafadhutti namni waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!” jedhee waan saba kakachiisee tureef gaafas namoonni Israaʼel akka malee dhiphatanii turan. Kanaafuu loltoota keessaa namni tokko iyyuu waa afaaniin hin qabne.
24 Os israelitas estavam extenuados naquele dia, porque Saul conjurara o povo, dizendo: Maldito seja o homem que tomar alimento antes do anoitecer, antes que eu me tenha vingado de meus inimigos. Por isso ninguém tinha comido.
25 Hoomaan waraanaa hundi bosona seene; dammis lafa ture.
25 Todos tinham entrado numa floresta, onde havia mel na superfície do solo.
26 Isaanis yeroo bosona seenanitti damma yaaʼu argan; taʼus isaan waan kakaa sana sodaataniif namni tokko iyyuu harka isaa afaanitti hin geeffanne.
26 o povo entrou, pois, na floresta e viu o mel que corria, mas ninguém levou a mão à boca, por respeito ao juramento.
27 Yoonaataan garuu akka abbaan isaa namoota kakaadhaan qabe hin dhageenye ture; kanaafuu inni fiixee ulee qabatee ture sanaatiin dhaaba dammaa waraanee afaaniin muuxate; iji isaas ni ifeef.
27 Mas Jônatas, ignorando o juramento que o seu pai obrigara o povo a fazer, estendeu a ponta da vara que tinha na mão, mergulhou-a num favo de mel e o levou à boca. Então seus olhos {fatigados} brilharam.
28 Ergasiis loltoota keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!’ jedhee cimsee hoomaa waraanaa kakaadhaan qabeera; namoonnis kanaaf gaggaban” jedhee isatti hime.
28 Um homem do grupo disse-lhe: Teu pai fez jurar o povo, dizendo: Maldito o homem que hoje tomar alimento. E o povo estava esgotado.
29 Yoonaataan immoo akkana jedhe; “Abbaan koo biyyatti rakkina uumeera. Yommuu ani damma kana irraa xinnoo afaaniin qabetti iji koo akkamitti akka naaf ifee baname mee ilaalaa.
29 Jônatas disse: Meu pai fez mal à terra. Vede como se me iluminaram os olhos, porque comi um pouco de mel.
30 Namoonni utuu boojuu diinota isaanii irraa fudhatan keessaa waa nyaatanii akkam gaarii ture. Silaa Filisxeemonni ajjeefaman kana caalaa baayʼatu ture mitii?”
30 Ah! se o povo tivesse hoje comido da presa tomada ao inimigo, não teria sido muito maior a derrota dos filisteus?
31 Israaʼeloonni gaafa sana erga Mikmaasii hamma Ayaaloonitti Filisxeemota dhaʼanii booddee akka malee dadhabanii turan.
31 Eles bateram, naquele dia, os filisteus desde Macmas até Ajalon.
32 Isaanis itti gaggabanii waan boojiʼan irratti lafa dhaʼanii hoolota, sangootaa fi jabboota lafatti qalatan; dhiiguma wajjinis nyaatan.
32 O povo, esgotado de fadiga, lançou-se sobre a presa e tomou as ovelhas, os bois e os bezerros, que degolou sobre a terra, comendo a carne juntamente com o sangue.
33 Isaan keessaas namichi tokko, “Kunoo namoonni foon dhiiga wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hojjechaa jiru” jedhee Saaʼolitti hime.
33 Eis que o povo está pecando contra o Senhor, vieram dizer a Saul, comendo carne com sangue. Isso é uma impiedade, exclamou o rei; revolvei-me já para aqui uma grande pedra.
34 Ergasiis, “Isin namoota gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan sangaa fi hoolaa keessan fidaatii qalaa nyaadhaa; isin foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjetinaa’ isaaniin jedhaa” jedhe.
34 Ide por todo o povo, ajuntou, e dizei-lhes que cada um me traga as suas ovelhas e os seus bois, para que sejam degolados aqui. Comê-los-eis então, sem pecar contra o Senhor, comendo carne com sangue. Cada um deles levou naquela noite o gado que tinha em mãos e o degolou ali.
35 Saaʼolis iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaare; waan kanas yeroo jalqabaatiif godhe.
35 Saul edificou um altar ao Senhor. Este foi o primeiro altar que ele levantou.
36 Saaʼol, “Kottaa Filisxeemota duukaa buunee hamma lafti bariʼutti isaan saamnaa; nama tokko illee lubbuun hin hambifnu” jedhe.
36 Depois Saul disse: Desçamos durante a noite contra os filisteus e despojemo-los até os primeiros albores do dia e não deixemos vivo um só homem deles. O povo disse: Faze tudo o que melhor te parecer. Então o sacerdote disse: Aproximemo-nos aqui de Deus.
37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota duukaa buʼuu? Ati dabarsitee harka Israaʼelitti isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqa gaafate. Waaqni garuu gaafa sana deebii hin kennineef.
37 Saul consultou a Deus: Perseguirei os filisteus? Entregá-los-eis nas mãos de Israel? Mas Deus não lhe respondeu dessa vez.
38 Kanaafuu Saaʼol akkana jedhe; “Hooggantoonni loltootaa hundi as kottaa; cubbuu harʼa hojjetame ifatti baafnaa.
38 Saul disse: Fazei vir aqui todos os chefes do povo; investigar e dizei-me qual é o pecado que hoje se cometeu.
39 Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼelin baraaru sanaa, yoo namni cubbuu kana hojjete ilma koo Yoonaataan illee taʼe inni duʼuu qaba.” Garuu isaan keessaa namni tokko iyyuu deebii isaaf hin kennine.
39 Pela vida do Senhor, libertador de Israel! Mesmo que fosse o meu filho Jônatas, ele morrerá! Mas ninguém na multidão lhe respondeu.
40 Saaʼolis Israaʼeloota hundaan, “Isin achi dhaabadhaa; anii fi ilmi koo Yoonaataan immoo as dhaabanna” jedhe.
40 Ponde-vos de um lado, disse ele a todo o Israel; eu e meu filho Jônatas estaremos do outro. A multidão respondeu-lhe: Faze o que te parecer melhor.
41 Ergasii Saaʼol, “Deebii qajeelaa naa kenni” jedhee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel kadhate. Ixaanis Yoonaataanii fi Saaʼolitti baʼe; namoonnis bilisa baʼan.
41 Saul disse ao Senhor: Deus de Israel, dai-nos a conhecer a verdade! Jônatas e Saul foram designados pela sorte, e o povo ficou livre.
42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yoonaataan gidduutti immoo ixaa buusaa” jedhe. Ixaan sunis Yoonaataanitti baʼe.
42 Então Saul disse: Lançai a sorte entre mim e Jônatas, meu filho. E caiu a sorte em Jônatas.
43 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Ati waan goote natti himi” jedhe.
43 Confessa-me o que fizeste, disse Saul ao seu filho. Jônatas contou-lhe: Provei um pouco de mel com a ponta da vara que eu. tinha na mão. Eis que vou morrer!
44 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Yoonaataan, yoo ati dhugumaan duʼuu baatte Waaqni waan kanaa fi kan caalu iyyuu natti haa fidu” jedhe.
44 Saul disse: Trate-me Deus com todo o rigor, se não morreres, Jônatas!
45 Namoonni garuu Saaʼoliin akkana jedhan; “Yonaataan namni moʼannoo guddaa kana Israaʼeliif fide duʼuu qabaa? Kun gonkumaa hin taʼu! Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi mataa isaa tokko illee lafa hin buʼu; inni gargaarsa Waaqaatiin harʼa waan kana godheeraatii.” Namoonni akkasiin Yoonaataanin baraaran; innis hin ajjeefamne.
45 Mas o povo interveio: Como haveria de perecer Jônatas, ele que deu essa vitória tão grande a Israel? Isso não pode ser! Viva Deus! Nem um só cabelo de sua cabeça cairá por terra, porque foi por Deus que ele operou hoje dessa forma. Assim o povo salvou Jônatas, e ele não morreu.
46 Saaʼolis Filisxeemota ariʼuu ni dhiise; isaanis gara biyya isaaniitti dachaʼan.
46 Saul voltou e não perseguiu os filisteus, que foram para as suas terras.
47 Saaʼol erga Israaʼel irratti mootii taʼee booddee diinota isaanii kanneen gama hundaan turan hunda jechuunis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Mootota Zoobaa fi Filisxeemota lole. Lafa dhaqu hundattis isaan barbadeessa ture.
47 Saul, depois de ter tomado posse do reino de Israel, combateu contra todos os inimigos da vizinhança: Moab, os amonitas, Edom, os reis de Soba, os filisteus; para onde quer que se voltava, ele vencia.
48 Gootummaadhaanis Amaaleqoota lolee moʼate; Israaʼelootas harka warra isaan saamanii jalaa baase.
48 Portou-se valorosamente, feriu Amalec e livrou Israel das mãos dos que o devastavam.
49 Ilmaan Saaʼol Yoonaataan, Yishwii fi Malkii-Shuwaa turan. Maqaan intallan isaa immoo isheen hangafni Meerab, quxisuun immoo Miikaal jedhama ture.
49 Os filhos de Saul foram Jônatas, Jessui e Melquisua; a primogênita de suas duas filhas chamava-se Merob, a mais nova Micol.
50 Maqaan niitii isaa Ahiinooʼam jedhama ture; isheenis intala Ahiimaʼaz turte. Maqaan ajajaa waraana Saaʼol Abneer ilma Neeriti; Neer immoo obboleessa abbaa Saaʼol.
50 Sua mulher chamava-se Aquinoã, filha de Aquimaas. O general de seu exército era Abner, filho de Ner, tio de Saul.
51 Qiish abbaan Saaʼolii fi Neer abbaan Abneer ilmaan Abiiʼeel.
51 Cís, pai de Saul, e Ner, pai de Abner, eram filhos de Abiel.
52 Bara jireenya Saaʼol guutuu waraana cimaatu Filisxeemota irratti adeemsifamaa ture; Saaʼolis yommuu nama jabaa yookaan goota tokko argutti ofitti fudhatee akka isa tajaajilu godhata ture.
52 Durante todo o tempo da vida de Saul a guerra foi encarniçada contra os filisteus. O rei, logo que descobria um homem forte e valente, tomava-o a seu serviço.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.