1 Samuel 12

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Saamuʼeel Israaʼeloota hundaan akkana jedhe; “Kunoo ani waan isin naan jettan hunda dhagaʼeera; mootii isin irratti moosiseera.
1 Então Samuel disse a todo o Israel: — Eis que atendi ao que vocês me pediram e constituí um rei sobre vocês.
2 Nama mootii taʼee isin hoogganus argattaniirtu. Ani dulloomee arrii baaseera; ilmaan koo kunoo isin wajjin jiru. Ani ijoollummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin hoogganeera.
2 E agora eis que vocês têm o rei que irá adiante de vocês. Eu já sou velho e tenho os cabelos brancos, e os meus filhos estão com vocês. Eu tenho andado à frente de vocês desde a minha mocidade até o dia de hoje.
3 Ani asan jira; isinis fuula Waaqayyootii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.”
3 Eis-me aqui. Testemunhem contra mim diante do Senhor e diante do seu ungido: de quem tomei o boi? De quem tomei o jumento? A quem enganei? A quem oprimi? E das mãos de quem aceitei suborno para encobrir com ele os meus olhos? Falem, e eu o restituirei.
4 Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan.
4 Então responderam: — Você não nos defraudou, nem nos oprimiu, nem tomou coisa alguma das mãos de ninguém.
5 Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Waaqayyo isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe.
5 E ele lhes disse: — O E o povo confirmou: — Deus é testemunha.
6 Ergasiis Saamuʼeel namootaan akkana jedhe; “Kan Musee fi Aroonin dibee abbootii keessan biyya Gibxii baase Waaqayyoo dha.
6 Então Samuel disse ao povo: — O
7 Egaa waaʼee hojii qajeelaa kan Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif hojjete hunda akka ani fuula Waaqayyoo duratti isinitti falmuuf as dhaabadhaa.
7 Agora fiquem aqui, porque vou discutir com vocês diante do Senhor , com relação a todos os seus atos de justiça que ele realizou em favor de vocês e dos seus pais.
8 “Yeroo Yaaqoob biyya Gibxi seenetti abbootiin keessan Waaqayyootti iyyatan; Waaqayyos Musee fi Aroon warra abbootii keessan biyya Gibxii baasanii iddoo kana qubachiisan erge.
8 Depois que Jacó havia entrado no Egito, os pais de vocês clamaram ao Senhor , e o Senhor enviou Moisés e Arão, que os tiraram do Egito e os fizeram habitar neste lugar.
9 “Isaan garuu Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatan; kanaaf inni dabarsee harka Siisaaraa ajajaa waraana Haazooriitti, Filisxeemotaa fi mootii Moʼaabitti isaan gurgure; jarris waraana itti banan.
9 Porém os pais de vocês se esqueceram do Senhor , seu Deus. Então ele os entregou nas mãos de Sísera, comandante do exército de Hazor, e nas mãos dos filisteus, e nas mãos do rei de Moabe, que lutaram contra eles.
10 Isaanis Waaqayyotti iyyatanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; Waaqayyoon dhiifnee Baʼaalii fi Ashtooretin tajaajilleerra. Amma garuu harka diinota keenyaatii nu baasi; nus si tajaajilla’ jedhan.
10 Eles clamaram ao Senhor e disseram: “Pecamos, pois deixamos o Senhor e servimos os baalins e astarotes. Mas agora livra-nos das mãos de nossos inimigos, e te serviremos.”
11 Waaqayyo Yerub-Baʼaalin, Bedaanin, Yiftaa fi Saamuʼeelin ergee akka isin nagaan jiraattaniif karaa hundaan harka diinota keessaniitii isin baase.
11 O Senhor enviou Jerubaal, Baraque, Jefté e Samuel, e os livrou das mãos dos inimigos que os cercavam, e vocês viveram em segurança.
12 “Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, Waaqayyo Waaqni keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan.
12 — Quando vocês viram que Naás, rei dos filhos de Amom, vinha contra vocês, vocês me disseram: “Não! Queremos um rei sobre nós”, quando, na verdade, o Senhor , seu Deus, era o rei de vocês.
13 Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! Waaqayyo mootii isin irratti moosiseera.
13 E agora, aqui está o rei que elegeram e que pediram. E eis que o Senhor deu um rei a vocês.
14 Yoo isin Waaqayyoon sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun Waaqayyo Waaqa keessan faana buutan gaarii dha!
14 Se vocês temerem o Senhor , se o servirem, se derem ouvidos à sua voz e não forem rebeldes ao seu mandado, se seguirem o Senhor , seu Deus, tanto vocês como o rei que governa sobre vocês, então tudo lhes irá bem.
15 Yoo isin Waaqayyoof ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa.
15 Se, porém, vocês não derem ouvidos à voz do Senhor , mas forem rebeldes ao seu mandado, a mão do Senhor será contra vocês, como o foi contra os pais de vocês.
16 “Egaa jabaadhaa dhaabadhaatii waan guddaa Waaqayyo fuula keessan duratti godhu kana ilaalaa!
16 Fiquem, agora, aqui e vejam esta grande coisa que o Senhor fará diante de vocês.
17 Amma yeroo itti qamadiin haamamuu mitii? Ani akka inni qaqawweessaa fi bokkaa erguuf Waaqayyoon nan kadhadha. Isin yeroo mootii isin bulchu gaafattanitti akka waan hamaa fuula Waaqayyoo duratti hojjettan ni hubattu.”
17 Não estamos no tempo da colheita do trigo? Pois eu vou clamar ao Senhor , e ele mandará trovões e chuva. E vocês saberão e verão que é grande a maldade que praticaram aos olhos do Senhor , pedindo um rei.
18 Kana irratti Saamuʼeel Waaqayyoon waammate; Waaqayyos yeruma sana qaqawweessaa fi bokkaa erge. Namoonni hundinuus Waaqayyoo fi Saamuʼeelin akka malee sodaatan.
18 Então Samuel invocou o Senhor , e o Senhor mandou trovões e chuva naquele dia. E todo o povo temeu grandemente o Senhor e Samuel.
19 Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, “Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef Waaqayyoon Waaqa kee nuuf kadhadhu; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii” jedhan.
19 Todo o povo disse a Samuel: — Ore por estes seus servos ao
20 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; “Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa malee Waaqayyo irraa hin deebiʼinaa.
20 Então Samuel disse ao povo: — Não tenham medo. Vocês, de fato, cometeram todo este mal. No entanto, não se desviem de seguir o
21 Garagaltanii wantoota faayidaa hin qabne kanneen isin fayyaduu yookaan isin oolchuu hin dandeenye duukaa hin buʼinaa; isaan faayidaa hin qabaniitii.
21 Não se desviem, pois vocês estariam seguindo coisas vãs, que nada aproveitam e que não os podem livrar, porque são vaidade.
22 Waaqayyo sababii maqaa isaa guddaa sanaatiif jedhee saba isaa hin gatu; Waaqayyo kan ofii isaa isin godhachuu jaallateeraatii.
22 Pois o Senhor , por causa do seu grande nome, não abandonará o seu povo, porque o Senhor decidiu fazer de vocês o seu povo.
23 Akka yaada kootti ani isinii kadhachuu dhiisee Waaqayyotti yakka hojjechuun narraa haa fagaatu. Ani karaa gaarii fi qajeelaa taʼe isin nan barsiisa.
23 Quanto a mim, longe de mim que eu peque contra o Senhor , deixando de orar por vocês. Pelo contrário, eu lhes ensinarei o caminho bom e direito.
24 Garuu Waaqayyoon sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa.
24 Tão somente temam o Senhor e sirvam a ele fielmente de todo o coração. Vejam que coisas grandiosas ele fez por vocês!
25 Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu.”
25 Se, porém, continuarem a fazer o mal, perecerão, tanto vocês como o seu rei.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.