1 Samuel 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Naahaash namichi Amoon sun ol baʼee Yaabeesh Giliʼaadin marse. Namoonni Yaabeesh hundinuus Naaʼaashiin, “Kottu walii galtee godhannaa; nus siif hojjennaa” jedhan.
1 Mais ou menos um mês depois, Naás, o rei dos amonitas, marchou contra a cidade de Jabes, na terra de Gileade. O exército de Naás cercou a cidade, e então os homens de Jabes lhe disseram: — Vamos fazer um
2 Naahaash namichi Amoon garuu, “Ani kanan isin wajjin walii galtee godhadhu yoo ija mirgaa tokkoo tokkoo keessanii isin keessaa baasee akkasiin Israaʼel hunda salphise qofa” jedhee deebiseef.
2 Naás respondeu: — Eu faço um acordo, mas com a seguinte condição: furarei o olho direito de todos vocês e assim humilharei todo o povo de Israel.
3 Maanguddoonni Yaabeesh immoo, “Akka nu guutummaa Israaʼel keessa ergamoota ergannuuf guyyaa torba nuuf obsi; yoo namni nu oolchu tokko iyyuu jiraachuu baate nu siif bulla” isaan jedhan.
3 Os líderes de Jabes disseram: — Dê-nos sete dias para mandar mensageiros por toda a terra de Israel. Se ninguém vier nos ajudar, então nos entregaremos a você.
4 Ergamoonni kunneenis yommuu gara Gibeʼaa iddoo Saaʼol jiraatu dhufanii waan kana namootatti himanitti, namoonni hundi sagalee ol fudhatanii ni booʼan.
4 Os mensageiros chegaram a Gibeá, onde Saul morava. Quando deram as notícias, o povo começou a chorar de desespero.
5 Yeroo sanatti Saaʼol sangoota isaa oofaa iddoo qonnaatii gala ture; innis, “Sabni kun maal taʼee booʼa?” jedhee gaafate. Isaanis waan namoonni Yaabeesh jedhan sana isatti himan.
5 Naquela hora Saul vinha chegando do campo com o gado e perguntou: — O que foi que houve? Por que todos estão chorando? Eles lhe contaram o que os mensageiros de Jabes tinham dito.
6 Yeroo Saaʼol dubbii kana dhagaʼettis Hafuurri Waaqaa humnaan isa irra buʼe; innis aaree bobaʼe.
6 Quando Saul ouviu isso, o Espírito de Deus o dominou, e ele ficou furioso.
7 Innis sangoota cimdii tokko fuudhee kukkutee foon isaanii harka ergamootaatti erguudhaan, “Sangoonni nama Saaʼolii fi Saamuʼeelin duukaa hin buune kamii iyyuu akkas taʼu” jedhee guutummaa Israaʼel keessa labse. Sodaachifni Waaqayyoos waan nama hunda qabateef namni hundinuu akkuma nama tokkootti baʼe.
7 Pegou dois bois, cortou-os em pedaços e mandou-os por meio de mensageiros a toda a terra de Israel, com a seguinte mensagem: — É isso o que acontecerá com os bois dos que não seguirem Saul e Samuel na batalha! O povo de Israel ficou com medo do que o
8 Saaʼol iddoo Bezeq jedhamutti walitti isaan qabe; baayʼinni Israaʼelootaa kuma dhibba sadii, kan warra Yihuudaa immoo kuma soddoma ture.
8 Saul os reuniu e os levou de Bezeque. Havia trezentos mil homens de Israel e trinta mil de Judá.
9 Isaanis ergamoota dhufan sanaan, “Namoota Yaabeesh Giliʼaadiin, ‘Bor yeroo aduun hoʼutti bilisa baatu’ jedhaatii itti himaa” jedhaniin. Yommuu ergamoonni sun dhaqanii waan kana isaanitti odeessanitti warri Yaabeesh akka malee gammadan.
9 Eles disseram aos mensageiros de Jabes: — Digam ao seu povo que amanhã, antes do meio-dia, vocês receberão socorro. O povo de Jabes ficou muito alegre quando recebeu a mensagem.
10 Isaanis namoota Amooniin, “Nu bor harka keenya isinitti kennanna; isin waan isinitti gaarii fakkaate hunda nu gochuu ni dandeessu” jedhan.
10 Então eles disseram aos amonitas: — Amanhã nós nos entregaremos, e vocês poderão fazer com a gente o que quiserem.
11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota isaa garee sadiitti qoode; gara barii halkaniittis dallaa Amoonotaa cabsanii seenuudhaan hamma lafti hoʼutti isaan qalan. Kanneen hafan immoo gargar faffacaʼan; isaan keessaas namni lama iyyuu wal biratti hin hafne.
11 Na manhã seguinte Saul dividiu os seus homens em três grupos. Ao amanhecer eles avançaram sobre o acampamento amonita e o atacaram. Lá pelo meio-dia já haviam massacrado os inimigos. E os que escaparam se espalharam, cada um fugindo para um lado.
12 Ergasiis namoonni Saamuʼeeliin, “Warri, ‘Saaʼol nurratti mootii taʼuu hin qabu’ jedhan eenyu faʼi? Namoota kanneen nuu fidi ni ajjeefnaatii” jedhan.
12 Então o povo de Israel disse a Samuel: — Onde estão as pessoas que disseram que Saul não seria o nosso rei? Traga essa gente aqui, que nós os mataremos.
13 Saaʼol garuu, “Guyyaan kun gaafa itti Waaqayyo Israaʼelin baraare waan taʼeef namni tokko iyyuu harʼa hin ajjeefamu” jedhe.
13 Mas Saul respondeu: — Ninguém será morto neste dia porque hoje o
14 Saamuʼeel immoo namootaan, “Kottaa Gilgaal dhaqnee mootii taʼuu isaa achitti mirkaneessinaa” jedhe.
14 E Samuel disse ao povo: — Vamos todos a Gilgal e lá confirmaremos Saul como nosso rei.
15 Kanaafuu namoonni hundinuu gara Gilgaal dhaqanii Saaʼol mootii taʼuu isaa fuula Waaqayyoo duratti mirkaneessan. Aarsaa nagaas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan; Saaʼolii fi sabni Israaʼel hundis guddaa gammadan.
15 Então foram todos a Gilgal e lá, no lugar sagrado, fizeram de Saul o seu rei. Ofereceram sacrifícios de paz, e Saul e todo o povo de Israel festejaram o acontecimento.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.