1 Samuel 10

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; “Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf Waaqayyo si hin dibnee?
1 Então Samuel apanhou um jarro de óleo, derramou-o sobre a cabeça de Saul e o beijou, dizendo: "O Senhor o tem ungido como líder da herança dele.
2 Harʼa ati yeroo na biraa deemtutti biyya Beniyaam keessatti awwaala Raahel biratti iddoo Zelzaa jedhamutti namoota lama ni argita. Isaanis, ‘Harroonni ati barbaadaa turte sun argamaniiru. Amma abbaan kee waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee kee, “Waaʼee ilma koo ani maal godhu laata?” jedhee yaaddaʼaa jira’ siin jedhu.
2 Hoje, quando você partir, encontrará dois homens perto do túmulo de Raquel, em Zelza, na fronteira de Benjamim. Eles lhe dirão: ‘As jumentas que você foi procurar já foram encontradas. Agora seu pai deixou de se importar com elas e está preocupado com vocês. Ele está perguntando: "Como encontrarei meu filho? "
3 “Ergasiis achii kaatee hamma qilxuu Taaboor guddichaatti ni deemta. Achittis namoonni sadii kanneen gara Waaqaa, gara Beetʼeelitti ol baʼaa jiran, inni tokko ilmoolee reʼee sadii, tokko immoo daabboo sadii, inni kaanis daadhii wayinii qalqalloo tokko baatanii sitti dhufu.
3 Então, dali, você prosseguirá para o carvalho de Tabor. Três homens virão subindo ao santuário de Deus em Betel, e encontrarão você ali. Um estará levando três cabritos, outro três pães, e outro uma vasilha de couro cheia de vinho.
4 Isaanis nagaa si gaafatanii daabboo lama siif kennu; atis isaan harkaa ni fudhatta.
4 Eles o cumprimentarão e lhe oferecerão dois pães, que você deve aceitar.
5 “Sana booddees iddoo hoomaan waraana Filisxeem jiru gara Gibeʼaa gara tulluu Waaqaa ni dhaqxa. Atis akkuma magaalaatti dhiʼaatteen gareen raajotaa tokko masiinqoo, dibbee, ulullee fi baganaa qabatee gaara gubbaadhaa gad sitti dhufa; isaanis raajii ni dubbatu.
5 Depois você irá a Gibeá de Deus, onde há um destacamento filisteu. Ao chegar à cidade, você encontrará um grupo de profetas descendo do altar no monte tocando liras, tamborins, flautas e harpas; e eles estarão profetizando.
6 Hafuurri Waaqayyoo humnaan sirra ni buʼa; atis isaan wajjin raajii dubbatta; geeddaramtees nama biraa taata.
6 O Espírito do Senhor se apossará de você, e com eles você profetizará em transe, e será um novo homem.
7 Yeroo mallattoowwan kunneen fiixaan baʼanitti waan harka keetti dhufe hunda hojjedhu; Waaqni si wajjin jiraatii.
7 Assim que esses sinais tiverem se cumprido, faça o que achar melhor, pois Deus está com você.
8 “Ati na dura gara Gilgaalitti gad buʼi. Anis aarsaa gubamuu fi qalma nagaa dhiʼeessuuf gara kee nan dhufa; ati garuu hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba turuu qabda.”
8 Vá na minha frente até Gilgal. Depois eu irei também, para oferecer holocaustos e sacrifícios de comunhão, mas você deve esperar sete dias, até que eu chegue e lhe diga o que fazer".
9 Yeroo Saaʼol Saamuʼeelin dhiisee deemuuf fuula isaa garagalfatetti, Waaqni Saaʼoliif qalbii haaraa kenne. Mallattoowwan kunneen hundinuus gaafas raawwataman.
9 Quando se virou para afastar-se de Samuel, Deus mudou o coração de Saul, e todos esses sinais se cumpriram naquele dia.
10 Yeroo isaan Gibeʼaa gaʼanittis gareen raajotaa tokko isatti dhufe; Hafuurri Waaqaas isa irra buʼe; innis isaan wajjin raajii dubbate.
10 Chegando em Gibeá, um grupo de profetas o encontrou; o Espírito de Deus se apossou dele, e ele profetizou em transe no meio deles.
11 Warri duraan isa beekan hundi yeroo raajota wajjin raajii dubbachuu isaa arganitti, “Ilma Qiishiitti maaltu dhufe? Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhanii wal gagaafatan.
11 Quando os que já o conheciam viram-no profetizando com os profetas, perguntaram uns aos outros: "O que aconteceu ao filho de Quis? Saul também está entre os profetas? "
12 Namichi achi jiraatu tokkos, “Abbaan isaanii eenyu?” jedhee gaafate. Kanaafuu jechi, “Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhu sun mammaaksa taʼe.
12 Um homem daquele lugar respondeu: "E quem é o pai deles? " De modo que isto se tornou um ditado: "Saul também está entre os profetas? "
13 Saaʼolis erga raajii dubbachuu raawwatee booddee gaara sagadaatti ol baʼe.
13 Depois que Saul parou de profetizar, foi para o altar no monte.
14 Obboleessi abbaa Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Isin eessa dhaqxan?” jedhee gaafate.
14 Então o tio de Saul perguntou a ele e ao seu servo: "Aonde vocês foram? " Ele respondeu: "Procurar as jumentas. Quando, porém, vimos que não seriam encontradas, fomos falar com Samuel".
15 Obboleessi abbaa Saaʼol immoo, “Waan Saamuʼeel siin jedhe natti himi” jedhe.
15 "O que Samuel lhe disse? ", perguntou o tio.
16 Saaʼolis deebisee, “Inni akka harroonni argaman nutti himeera” jedhe; garuu waan akka inni mootii taʼu Saamuʼeel itti hime sana obboleessa abbaa isaatti hin himne.
16 Saul respondeu: "Ele nos garantiu que as jumentas tinham sido encontradas". Todavia, Saul não contou ao tio o que Samuel tinha dito sobre o reino.
17 Saamuʼeelis namoota Israaʼel gara Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti walitti waamee
17 Samuel convocou o povo de Israel ao Senhor, em Mispá,
18 akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼelin biyya Gibxiitii baaseera; harka warra Gibxii fi harka mootummoota isaan cunqursaa turan hundaa jalaas isin fureera.’
18 e lhes disse: "Assim diz o Senhor, o Deus de Israel: ‘Eu tirei Israel do Egito, e libertei vocês do poder do Egito e de todos os reinos que os oprimiam’.
19 Isin garuu amma Waaqa keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula Waaqayyoo duratti of dhiʼeessaa.”
19 Mas vocês agora rejeitaram o Deus que os salva de todas as suas desgraças e angústias. E disseram: ‘Não! Escolhe um rei para nós’. Por isso, agora, apresentem-se perante o Senhor, de acordo com as suas tribos e clãs".
20 Yommuu Saamuʼeel gosoota Israaʼel hunda fidettis gosti Beniyaam ni filatame.
20 Tendo Samuel feito todas as tribos de Israel se aproximarem, a de Benjamim foi escolhida.
21 Ergasiis inni gosa Beniyaam balbala balbalaan fuula duratti dhiʼeessee balballi Maxriit filatame. Dhuma irrattis Saaʼol ilmi Qiish ni filatame. Inni garuu yommuu isa barbaadanitti hin argamne.
21 Então fez ir à frente a tribo de Benjamim, clã por clã, e o clã de Matri foi escolhido. Finalmente foi escolhido Saul, filho de Quis. Quando, porém, o procuraram, ele não foi encontrado.
22 Kanaaf namoonni, “Namichi dhufee jiraa?” jedhanii ammas Waaqayyoon gaafatan.
22 Então consultaram novamente o Senhor: "Ele já chegou? " E o Senhor disse: "Sim, ele está escondido no meio da bagagem".
23 Isaanis fiiganii achii isa fidan. Innis yeroo dhufee isaan gidduu dhaabatetti gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
23 Então correram e o tiraram de lá. Quando ficou de pé no meio do povo; os mais altos do povo batiam-lhe nos ombros.
24 Saamuʼeelis saba sana hundaan, “Namicha Waaqayyo isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
24 E Samuel disse a todos: "Vocês vêem o homem que o Senhor escolheu? Não há ninguém como ele entre todo o povo". Então todos gritaram: "Viva o rei! "
25 Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula Waaqayyoo dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse.
25 Samuel expôs ao povo as leis do reino. Ele as escreveu num livro e o pôs perante o Senhor. Então Samuel mandou o povo de volta para suas casas.
26 Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Waaqni yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman.
26 Saul também foi para sua casa em Gibeá, acompanhado por guerreiros, cujos corações Deus tinha tocado.
27 Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, “Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise.
27 Alguns vadios, porém, disseram: "Como este homem pode nos salvar? " Desprezaram-no e não lhe trouxeram presente algum. Mas Saul ficou calado.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Samuel 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.