1 Reis 9

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti,
1 Sucedeu, pois, que, tendo acabado Salomão de edificar a Casa do Senhor , e a casa do rei, e tudo o que tinha desejado e designara fazer,
2 Waaqayyo akkuma Gibeʼoonitti isatti mulʼate sana ammas yeroo lammaffaa isatti mulʼate.
2 o Senhor tornou a aparecer-lhe, como lhe tinha aparecido em Gibeão,
3 Waaqayyo akkana isaan jedhe:
3 e o Senhor lhe disse: Ouvi a tua oração e a tua súplica que fizeste perante mim; santifiquei a casa que edificaste, a fim de pôr ali o meu nome para sempre; os meus olhos e o meu coração estarão ali todos os dias.
4 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana garaa qulqulluu fi qajeelummaan fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde,
4 Se andares perante mim como andou Davi, teu pai, com integridade de coração e com sinceridade, para fazeres segundo tudo o que te mandei e guardares os meus estatutos e os meus juízos,
5 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama teessoo Israaʼel irra taaʼu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawitiif waadaa gale sana teessoo mootummaa keetii Israaʼel irratti jabeessee bara baraan nan dhaaba.
5 então, confirmarei o trono de teu reino sobre Israel para sempre, como falei acerca de Davi, teu pai, dizendo: Não te faltará sucessor sobre o trono de Israel.
6 “Garuu yoo ati yookaan ilmaan kee narraa gortanii ajajawwanii fi qajeelchawwan ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan,
6 Porém, se vós e vossos filhos, de qualquer maneira, vos apartardes de mim e não guardardes os meus mandamentos e os meus estatutos, que vos prescrevi, mas fordes, e servirdes a outros deuses, e os adorardes,
7 ani biyya isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan ariʼa; mana qulqullummaa kan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa. Ergasiis Israaʼel saboota hunda biratti waan kolfaatii fi waan qoosaa taati.
7 então, eliminarei Israel da terra que lhe dei, e a esta casa, que santifiquei a meu nome, lançarei longe da minha presença; e Israel virá a ser provérbio e motejo entre todos os povos.
8 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa; namni achiin darbu hundis dinqisiifatee, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa.
8 E desta casa, agora tão exaltada, todo aquele que por ela passar pasmará, e assobiará, e dirá: Por que procedeu o Senhor assim para com esta terra e esta casa?
9 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa isaanii kan abbootii isaanii Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”
9 Responder-se-lhe-á: Porque deixaram o Senhor , seu Deus, que tirou da terra do Egito os seus pais, e se apegaram a outros deuses, e os adoraram, e os serviram. Por isso, trouxe o Senhor sobre eles todo este mal.
10 Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Solomoon manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti,
10 Ao fim de vinte anos, terminara Salomão as duas casas, a Casa do Senhor e a casa do rei.
11 Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Solomoon Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Solomoon immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne.
11 Ora, como Hirão, rei de Tiro, trouxera a Salomão madeira de cedro e de cipreste e ouro, segundo todo o seu desejo, este lhe deu vinte cidades na terra da Galileia.
12 Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Solomoon isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne.
12 Saiu Hirão de Tiro a ver as cidades que Salomão lhe dera, porém não lhe agradaram.
13 Innis, “Yaa obboleessoo, magaalaawwan ati naa kennite kunneen magaalaawwan akkamii ti?” jedhee isa gaafate. Kanaafuu biyya Kaabuul jedhee maqaa hamma harʼaatti ittiin waamaman tokko baaseef.
13 Pelo que disse: Que cidades são estas que me deste, irmão meu? E lhes chamaram Terra de Cabul, até hoje.
14 Hiiraamis warqee taalaantii 120 mootichaaf ergee ture.
14 Hirão tinha enviado ao rei cento e vinte talentos de ouro.
15 Seenaan itti Solomoon Mootichi mana qulqullummaa Waaqayyoo, masaraa mootummaa kan ofii isaa Miiloo, dallaa Yerusaalem, Haazoor, Megidoo fi Geezirin ijaaruuf hojjettoota dirqamanii hojii humnaa hojjetanitti fayyadame kanaa dha.
15 A razão por que Salomão impôs o trabalho forçado é esta: edificar a Casa do Senhor , e a sua própria casa, e Milo, e o muro de Jerusalém, como também Hazor, e Megido, e Gezer;
16 Faraʼoon mootichi Gibxi Geezirin lolee qabatee ture. Innis ibidda itti qabsiise; Kanaʼaanota achi keessa jiraatan fixee intala ofii isaa, niitii Solomoon sanaaf magaalattii gabbara godhee kenne.
16 porque Faraó, rei do Egito, subira, e tomara a Gezer, e a queimara, e matara os cananeus que moravam nela, e com ela dotara a sua filha, mulher de Salomão.
17 Solomoonis deebisee Geezirin ijaare. Innis Beet Horoon gad aanu,
17 Assim, edificou Salomão Gezer, Bete-Horom, a baixa,
18 Baaʼilaati, Tadmoor kan gammoojjii biyya Yihuudaa keessatti argamtu sana,
18 Baalate, Tadmor, no deserto daquela terra,
19 akkasumas magaalaawwan kuusaawwan isaa hunda, magaalaawwan gaariiwwanii fi kan fardeen isaa, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumas ni ijaare.
19 todas as cidades-armazéns que Salomão tinha, as cidades para os carros, as cidades para os cavaleiros e o que desejou enfim edificar em Jerusalém, no Líbano e em toda a terra do seu domínio.
20 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin kanneen Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
20 Quanto a todo o povo que restou dos amorreus, heteus, ferezeus, heveus e jebuseus, e que não eram dos filhos de Israel,
21 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni balleessuu hin dandaʼin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
21 a seus filhos, que restaram depois deles na terra, os quais os filhos de Israel não puderam destruir totalmente, a esses fez Salomão trabalhadores forçados, até hoje.
22 Solomoon garuu Israaʼeloota keessaa nama tokko illee hin garboomsine; isaan loltoota isaa, qondaaltota mootummaa isaa, ajajjuuwwan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi ajajjuuwwan abbootii fardaa isaa turan.
22 Porém dos filhos de Israel não fez Salomão escravo algum; eram homens de guerra, e seus oficiais, e seus príncipes, e seus capitães, e chefes dos seus carros e dos seus cavalarianos.
23 Isaan akkasumas hojii Solomoon hojjechiisaa ture keessatti qondaaltota hangafoota turan; qondaaltonni 550 hojjettoota hojii hojjetan kana toʼachaa turan.
23 Os principais oficiais que estavam sobre a obra de Salomão eram quinhentos e cinquenta; tinham estes a seu cargo o povo que trabalhava na obra.
24 Solomoonis erga intalli Faraʼoon sun Magaalaa Daawit keessaa gara masaraa mootummaa kan Solomoon isheef ijaare sana dhuftee booddee Miiloo ijaare.
24 Subiu, porém, a filha de Faraó da Cidade de Davi à sua casa, que Salomão lhe edificara; então, edificou a Milo.
25 Solomoon waggaatti yeroo sadii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa iddoo aarsaa kan Waaqayyoof ijaare sana irratti dhiʼeessa ni ture; sana wajjinis, fuula Waaqayyoo duratti ixaana aarsee akkasiin hojii ijaarsa mana qulqullummaa fixe.
25 Oferecia Salomão, três vezes por ano, holocaustos e sacrifícios pacíficos sobre o altar que edificara ao Senhor e queimava incenso sobre o altar perante o Senhor . Assim, acabou ele a casa.
26 Solomoon mootichi amma illee Eziyoon Geber ishee biyya Edoom keessa, Eelooti bira jirtu keessatti qarqara Galaana Diimaatti dooniiwwan hojjete.
26 Fez o rei Salomão também naus em Eziom-Geber, que está junto a Elate, na praia do mar Vermelho, na terra de Edom.
27 Hiiraamis akka isaan namoota Solomoon wajjin dooniiwwan irra hojjetaniif namoota isaa warra doonii oofan kanneen galaanicha beekan erge.
27 Mandou Hirão, com aquelas naus, os seus servos, marinheiros, conhecedores do mar, com os servos de Salomão.
28 Isaanis dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii 420 fidanii Solomoon mootichatti kennan.
28 Chegaram a Ofir e tomaram de lá quatrocentos e vinte talentos de ouro, que trouxeram ao rei Salomão.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.