1 Reis 7
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Solomoon masaraa mootummaa isaa ijaaree fixachuuf waggaa kudha sadii itti fudhate.
1 Salomão levou treze anos a terminar a construção do seu palácio.
2 Innis Masaraa Bosona Libaanoon jedhamu ijaarrate; masaraan sunis dhundhuma dhibba tokko dalga dheeratee balʼina dhundhuma shantamaa fi ol dheerina dhundhuma soddoma qaba ture; innis toora afuriin utubaawwan birbirsaa kanneen dareeraawwan birbirsaa baatan qaba ture.
2 Edificou primeiro a Casa da Floresta do Líbano, que tinha cem côvados de comprimento, cinqüenta de largo e trinta de alto, repousando sobre quatro fileiras de colunas de cedro, com traves de cedro sobre as colunas.
3 Manni sunis dareeraawwan utubaawwan irra naqaman sanaan olitti bantii birbirsi hojjetame qaba ture; innis toorawwan tokkoon tokkoon isaanii utubaawwan kudha shan qabatan walumaa galatti utubaawwan afurtamii shan qaba ture.
3 Forrou de cedro o teto dos quartos, que se apoiavam nas colunas, em número de quarenta e cinco, ou seja, quinze colunas por fileira.
4 Foddaawwan isaas ol kaafamanii toora sadii sadiin walitti garagalfamanii hojjetaman.
4 Havia três fileiras de quartos, cujas janelas se correspondiam três vezes.
5 Balballii fi michichilli balbalaa hundinuu roga afur afur qabu turan; isaanis karaa fuula duraatiin sadii sadiin walitti garagalfamanii turan.
5 Todas as portas e suas vigas eram retangulares, e as janelas se correspondiam três vezes.
6 Innis galma utubaawwan hedduu qabu kan dhundhuma shantama lafa irra dheeratee dhundhuma soddoma balʼatu ijaare. Fuula galma sanaa duraanis gardaafoo tokkotu ture; gardaafoo sana duraan immoo utubaawwanii fi bantii utubaawwan sana irratti diriirfame tokkotu ture.
6 Fez um pórtico de colunas, com cinqüenta côvados de comprido e trinta de largo, precedido de um segundo pórtico de colunas com degraus.
7 Innis galma teessoo, iddoo itti murtii kennu galma laaftoo ijaaree lafa isaatii jalqabee hamma bantii isaatti muka birbirsaa itti uffise.
7 Salomão mandou fazer a sala do trono, onde estava o tribunal, o pórtico do juízo, e revestiu-o de cedro desde o pavimento até ao teto.
8 Masaraan mootummaa kan akka inni keessa jiraatuuf ijaarame sunis gara dugda duubaatti hiiqee karooruma wal fakkaatuun hojjetame. Solomoon intala Faraʼoon kan fuudhe sanaaf illee masaraa mootummaa kan akkuma galma kanaa ijaare.
8 Sua residência, construída no segundo pátio, atrás do pórtico, era de trabalho semelhante. Enfim, mandou construir para a filha do faraó, que ele tinha desposado, uma casa do mesmo gênero que este pórtico.
9 Ijaarsi sun hundinuu alaa jalqabee hamma oobdii guddichaatti, hundee irraa jalqabee hamma mataa keenyan manaatti dhagaa gatii guddaa kan safaramee muramee fi kan keessii fi duubni isaa magaaziidhaan miidhagfameen hojjetame.
9 Todas essas construções eram feitas com pedras escolhidas, talhadas sob medida, e serradas tanto por dentro como por fora, desde os fundamentos até o alto das cornijas, inclusive o muro do grande pátio.
10 Hundeen isaas dhagoota gurguddaa gatii guddaa qaban kanneen gariin isaanii dhundhuma kudhan gariin isaanii immoo dhundhuma saddeeti taʼaniin buufame.
10 Os fundamentos eram também feitos de pedras escolhidas de grande dimensão, pedras de dez e de oito côvados.
11 Hundee kana irraanis dhagoota gatii guddaa kanneen safaramanii murmuramanii fi birbirsatu ture.
11 Por cima havia ainda pedras escolhidas, talhadas sob medida, e traves de cedro.
12 Oobdiin guddichis akkuma oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo kan keessaatii fi gardaafoo isaa sanaa keenyan manaa kan toora dhagaa soofamee ijaarame sadii fi toora saanqaa birbirsaa kan miidhagfamee hojjetame tokkoon marfame.
12 O muro, que cercava o grande pátio, tinha três ordens de pedras talhadas e uma fileira de vigas de cedro, assim como no pátio interior do templo do Senhor e no pórtico do palácio.
13 Solomoon mootichi Xiiroositti nama ergee Huuraamin fichisiise;
13 O rei Salomão mandara vir de Tiro um homem que trabalhava em bronze, Hirão,
14 haati Huuraam haadha hiyyeessaa kan gosa Niftaalem turte; abbaan isaa immoo nama gosa Xiiroos kan ogummaa hojii naasii qabu ture. Huuraam kun nama ogummaa guddaa qabu kan hojii naasii hunda keessatti muuxannoo qabu ture. Innis gara Solomoon mootichaa dhufee hojii isatti kenname hunda hojjete.
14 filho de uma viúva da tribo de Neftali, cujo pai era de Tiro. Hirão era talentoso, cheio de inteligência e habilidade para fazer toda espécie de trabalhos em bronze. Apresentou-se ao rei Salomão e executou todos os seus trabalhos.
15 Hiiraam utubaa naasii lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudha saddeet ol dheeratanii dhundhuma kudha lama furdatan hojjete.
15 Fez duas colunas de bronze: a primeira tinha dezoito côvados de altura; a sua periferia media-se com um fio de doze côvados. Tinham quatro dedos de espessura e eram ocas. A segunda coluna era semelhante a esta.
16 Fiixee utubaawwan sanaa irra kaaʼuudhaafis naasii baqfame irraa guutuu lama tolche; tokkoon tokkoon guutuu sanaas dhundhuma shan shan ol dheerata ture.
16 Fundiu dois capitéis para pô-los no alto das colunas; ambos tinham cinco côvados de altura,
17 Ergasiis guutuuwwan fiixee utubaawwan irraa sanaaf foncaa wal keessa loofame akka gingilchaatti hojjetame lama tolche; tokkoo tokkoo guutuu sanaatiifis gingilchaa torba torbatu qoodame.
17 e eram ornados de redes de malhas e grinaldas em forma de cadeias; havia sete grinaldas para cada capitel.
18 Innis guutuuwwan fiixee utubaawwanii irra jiran sana miidhagsuuf jedhee tokkoo tokkoo gingilchaa sanaatti naannessee toora lamaan roomaanota tolche. Tokkoo tokkoo guutuwwaniitiifis akkasuma tolche.
18 Dispôs em círculo ao redor de cada uma das malhas duas fileiras de romãs, para ornar cada um dos capitéis que cobriam as colunas.
19 Guutuuwwan gardaafoo keessa fiixee utubaawwanii irra jiranis daraaraa fakkaatanii dhundhuma afur afur ol dheeratu ture.
19 Os capitéis, que sobremontavam as colunas no pórtico, tinham a forma de lírios, com quatro côvados de altura.
20 Guutuuwwan fiixee utubaawwan lamaanii irra kutaa waciitii fakkaatu kan gingilchaawwanitti aanuun gara irraa roomaanoota dhibba lamatu tooraan itti naannaʼee ture.
20 Os capitéis colocados sobre as duas colunas elevavam-se acima da parte mais grossa da coluna, além da rede; em volta dos dois capitéis, havia duzentas romãs dispostas em círculo.
21 Innis utubaawwan sana gardaafoo mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin “Yaakiin” kan karaa kaabaatiin immoo “Boʼeez” jedhe.
21 Hirão levantou as colunas no pórtico do templo; a coluna direita, que chamou Jaquin, e a esquerda, que chamou Boaz.
22 Guutuuwwan fiixee sana irra jiran daraaraa fakkaatu turan. Hojiin utubaawwan irraas akkasiin dhume.
22 Por cima das colunas pôs um trabalho em forma de lírio. E assim foi acabada a obra das colunas.
23 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche. Naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
23 Hirão fez também o mar de bronze, que tinha dez côvados de uma borda à outra, perfeitamente redondo, e com altura de cinco côvados; sua circunferência media-se com um fio de trinta côvados.
24 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti wiillee kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Willeewwan sunis Gaanii sana wajjin tarree lamaan walumatti baqfamanii hojjetaman.
24 Por baixo de sua borda havia coloquíntidas em número de dez por côvado; elas rodeavam o mar, dispostas em duas ordens, formando com o mar uma só peça.
25 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
25 Este apoiava-se sobre doze bois, dos quais três olhavam para o norte, três para o ocidente, três para o sul e três para o oriente. O mar repousava sobre eles, e suas ancas estavam para o lado de dentro.
26 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma lama qabata ture.
26 A espessura do mar era de um palmo; sua borda assemelhava-se à de um copo em forma de lírio; sua capacidade era de dois mil batos.
27 Akkasumas baattuuwwan naasii kanneen iddoo tokkoo sochoʼuu dandaʼan kudhan tolche; tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma afur afur lafa irra dheeratanii balʼina dhundhuma afur afuriitii fi ol dheerina dhundhuma sadii sadii qabu turan.
27 Fez também duas bases de bronze, tendo cada uma quatro côvados de comprimento, quatro de largura e três de altura.
28 Haalli itti baattuuwwan kunneen hojjetamanis kana: Isaanis sibiila babalʼaa michichilaan marfame qabu ture.
28 Eis como eram feitas essas bases: eram formadas de painéis e enquadradas de molduras.
29 Sibiilawwan michichilaan marfaman sana irras fakkii leencawwanii, kan jibootaatii fi kan kiirubeeliitu ture; michichilawwan sana irras akkasuma ture. Fakkii leencawwaniitii fi jiboota sana jalaa fi gubbaanis fakkii daraaraa foʼamaa kan sibiila tumameen tolfame tokkotu ture.
29 Nos painéis enquadrados de molduras, havia leões, bois e querubins, assim como nas travessas igualmente. Por cima e por baixo dos leões e dos bois pendiam grinaldas em forma de festões.
30 Tokkoon tokkoon baattuu sanaa goommaa naasii afur afurii fi somaa naasii qaba ture; goleewwan afraniinis utubaawwanitu ture; utubaawwan kunneenis baqfamanii daraaraa foʼamaadhaan miidhagfamanii tolfaman.
30 Cada base tinha quatro rodas de bronze, com seus eixos de bronze, e nos quatro cantos havia suportes fundidos que sustinham a bacia, os quais estavam por baixo das grinaldas.
31 Gara keessa baattuu sanaatiin uraa geengoo kan dhundhuma tokko gad fagaatutu ture. Uraan kunis geengoo taʼee jalli isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata ture. Naannoo uraa isaatti waan soofamee faayeffame tokkotu ture. Sibiilli baattuu sanaa balʼaan roga afuriin wal qixxee ture malee geengoo hin turre.
31 A abertura para a bacia era no interior dos suportes, e os ultrapassava de um côvado de altura; era cilíndrica e seu diâmetro era de um côvado e meio; e era também ornada de esculturas. Os painéis eram quadrados e não redondos.
32 Goommaawwan afran sun sibiila babalʼaa jala turan; somaan goommaawwaniis baattuu sanaan walitti qabsiifamee ture. Balʼinni tokkoo tokkoo goommaa sanaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
32 Debaixo destes estavam as quatro rodas, cujos eixos eram fixados à base. Cada roda tinha um côvado e meio de altura,
33 Goommaawwan sunis akkuma goommaawwan gaariitti hojjetaman. Somaan isaanii, hidhiin isaanii, hokkoon isaaniitii fi handhuurri isaanii hundinuu sibiila baqfame irraa hojjetame.
33 e era feita como as de um carro. Eixos, cambas, raios e cubos, tudo era fundido.
34 Tokkoo tokkoo goleewwan baattuu sanaa afran irra michichilawwan afurtu ture; michichilawwan isaas baattuudhuma sanaan walitti hojjetaman.
34 Nos quatro ângulos de cada base encontravam-se quatro suportes que faziam parte da mesma base.
35 Fiixee baattuu sanaa irra geengoo maramaa dhundhuma walakkaa dheeratu tokkotu ture. Michichilawwanii fi sibiilli babalʼaan sun fiixee baattuu sanaatti qabsiifamanii turan.
35 A parte superior da base era de forma circular, tendo meio côvado de altura; seus esteios formavam com os painéis uma só peça.
36 Innis michichilawwanii fi sibiila babalʼaa irratti iddoo hundatti fakkii kiirubeelii, kan leencotaatii fi kan mukkeen meexxii soofee fakkii daraaraa foʼamees naannoo isaanii guutuutti marse.
36 Nas placas dos seus esteios e dos painéis assim como no espaço livre entre estas, esculpiu querubins, leões, palmas e grinaldas circulares.
37 Haalli inni ittiin baattuuwwan kurnan sana hojjetes kanaa dha. Isaan hundinuu haaluma tokkoon baqfamanii hojjetaman; wal qixxaataniis bifa tokko qabaatan.
37 Desse modo fez as dez bases, todas do mesmo molde, da mesma dimensão e modelo.
38 Ergasiis caabiiwwan naasii kudhan kanneen tokkoon tokkoon isaanii safartuu baadoos afurtama qabaatee balʼinni isaas dhundhuma afur taʼu hojjete; tokkoo tokkoo baattuuwwan kurnan sanaa irras caabii tokko tokkotu ture.
38 Fez também dez bacias de bronze, contendo cada uma quarenta batos. Cada uma tinha quatro côvados e repousava sobre um dos dez pedestais.
39 Innis baattuuwwan sana keessaa shan karaa kibba mana qulqullummaatiin, shan immoo karaa kaaba mana qulqullummaatiin dhaabe. Gaanii sana immoo karaa kibbaatiin, kibba baʼa golee mana qulqullummaatiin dhaabe.
39 Pôs cinco pedestais do lado direito do templo e cinco do lado esquerdo. O mar foi colocado do lado direito do edifício, para o sudoeste.
40 Inni okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche.
40 Hirão fez também caldeirões, pás e bacias. Hirão concluiu, pois, toda a obra que o rei Salomão lhe mandara fazer para o templo do Senhor:
41 Utubaawwan lamaan;
41 duas colunas, dois capitéis esféricos para o alto das colunas, duas redes para cobrir os capitéis esféricos que estão sobre as colunas;
42 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
42 quatrocentas romãs para as redes, duas fileiras de romãs para cada rede, para cobrir os dois capitéis esféricos que estão no alto das colunas;
43 baattuuwwan kurnan, caabii isaanii kurnan wajjin;
43 dez pedestais e dez bacias sobre os pedestais;
44 gaanii fi korommii loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
44 o mar, único, com os doze bois por baixo do mar;
45 okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaranii fi caabiiwwan.
45 os caldeirões, pás e bacias. Todos esses objetos que Hirão fez por ordem do rei Salomão para o templo do Senhor, eram de bronze polido.
46 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
46 O rei mandou-os fundir na planície do Jordão, numa terra argilosa, entre Socot e Sartã.
47 Solomoon waan isaan akka malee baayʼee taʼaniif miʼoota kanneen hunda hin madaalle; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
47 Era tão grande o número desses objetos, que Salomão não pesou o bronze.
48 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise:
48 Salomão mandou ainda fabricar todos os utensílios que estariam no templo do Senhor: o altar de ouro, a mesa de ouro sobre a qual se colocavam os pães de proposição;
49 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman shan karaa mirgaatiin, shan immoo karaa bitaatiin fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa dura dhaabaman sana,
49 os candelabros de ouro fino, cinco à direita e cinco à esquerda, diante do santuário, com as flores, as lâmpadas e as espevitadeiras de ouro,
50 caabiiwwan, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman;
50 os copos, as facas, as bacias, as colheres e os cinzeiros de ouro fino, e os gonzos de ouro para os batentes da porta do santuário, o Santo dos Santos, e da porta do templo, o Santo.
51 Solomoon mootichi yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
51 Assim foram concluídos todos os trabalhos empreendidos pelo rei Salomão para o templo do Senhor. E Salomão mandou então que se trouxesse tudo o que Davi, seu pai, tinha consagrado: a prata, o ouro e os utensílios, e colocou-os nas reservas do templo do Senhor.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.