1 Reis 6
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Innis erga Israaʼeloonni Gibxi keessaa baʼanii waggaa dhibba afurii fi saddeettammaffaatti, erga Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee immoo waggaa afuraffaa keessa jiʼa Ziif jechuunis jiʼa lammaffaa keessa mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe.
1 Quatrocentos e oitenta anos depois que os israelitas saíram do Egito, no quarto ano do reinado de Salomão em Israel, no mês de zive, o segundo mês, ele começou a construir o templo do Senhor.
2 Manni qulqullummaa kan Solomoon mootichi Waaqayyoof ijaare sun dhundhuma jaatama lafa irra dheerata ture; dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma soddoma ol dheerata ture.
2 O templo que o rei Salomão construiu para o Senhor media vinte e sete metros de comprimento, nove metros de largura e treze metros e meio de altura.
3 Gardaafoon fuula galma mana qulqullummaa sana dura jiru akkuma mana qulqullummaa sanaa dhundhuma digdama lafa irra dheeratee fuula manichaa duraan dhundhuma kudhan achi baʼa ture.
3 O pórtico da entrada do santuário tinha a largura do templo, que era de nove metros, e avançava quatro metros e meio à frente do templo.
4 Innis akka manichi ifa argatuuf foddaawwan faayeffaman itti tolche.
4 Ele fez para o templo, janelas com grades estreitas.
5 Naannoo keenyan mana guddichaatii fi naannoo keenyan iddoo qulqulluu manicha keessaattis bifa itti baasee kutaalee ni tolche.
5 Junto às paredes do átrio principal e do santuário interior, construiu uma estrutura em torno do edifício, na qual havia salas laterais.
6 Kutaan manichaa kan jalaa dhundhuma shan, kan gidduu dhundhuma jaʼa, sadaffaan immoo dhundhuma torba balʼata ture. Innis akka wanni tokko iyyuu keenyan mana qulqullummaa keessa hin suuqamneef alaan manichatti naannessee ittisa hojjete.
6 O andar inferior tinha dois metros e vinte e cinco centímetros de largura, o andar intermediário tinha dois metros e setenta centímetros e o terceiro andar tinha três metros e quinze centímetros. Ele fez saliências de apoio nas paredes externas do templo, de modo que não houve necessidade de perfurar as paredes.
7 Yeroo mana qulqullummaa sana ijaaranitti dhagaa boolla itti dhagaa cabsanitti soofame qofatti fayyadaman; yeroo manni qulqullummaa sun ijaaramaa turetti iyyi burruusaa, kan qottootii fi kan miʼa sibiilaa kamii iyyuu achitti hin dhagaʼamne.
7 Na construção do templo só foram usados blocos lavrados nas pedreiras, e não se ouviu no templo nenhum barulho de martelo, nem de talhadeira, nem de qualquer outra ferramenta de ferro durante a sua construção.
8 Balballi kutaa manichaa kan jalaa karaa kibba mana qulqullummaatiin ture; gulantaan tokkos gara kutaa manichaa gidduutii fi gara kutaa manichaa sadaffaatti ol baasa.
8 A entrada para o andar inferior ficava no lado sul do templo; uma escada conduzia até o andar intermediário e dali ao terceiro.
9 Inni akkasiin mana qulqullummaa sana ijaaree saanqaa birbirsaatii fi dareeraadhaan gubbaa isaa duuchee fixe.
9 Assim ele construiu o templo e o terminou, fazendo-lhe um forro com vigas e tábuas de cedro.
10 Innis kutaalee alaa sana naannoo mana qulqullummaatti marsee ijaare. Ol dheerinni tokkoo tokkoo isaaniis dhundhuma shan shan ture. Isaanis muka birbirsaatiin mana qulqullummaatti qabsiifaman.
10 E fez as salas laterais ao longo de todo o templo. Cada uma tinha dois metros e vinte e cinco centímetros de altura, e elas estavam ligadas ao templo por vigas de cedro.
11 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Solomoon dhufe:
11 E a palavra do Senhor veio a Salomão dizendo:
12 “Waaʼee mana qulqullummaa ati ijaaraa jirtu kanaa, ati sirna koo duukaa buutee seera kootii fi ajaja koo hundas yoo eegde, ani waadaan abbaa kee Daawitiif gale sana karaa keetiin nan raawwadha.
12 "Quanto a este templo que você está construindo, se você seguir os meus decretos, executar os meus juízos e obedecer a todos os meus mandamentos, cumprirei por meio de você a promessa que fiz ao seu pai Davi,
13 Anis Israaʼeloota gidduu nan jiraadha; saba koo Israaʼelinis hin gatu.”
13 viverei no meio dos israelitas e não abandonarei Israel, o meu povo".
14 Akkasiin Solomoon mana qulqullummaa sana ijaaree fixe.
14 E assim Salomão concluiu a construção do templo.
15 Innis hundee mana qulqullummaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti mamaxxansuudhaan keenyan manichaa karaa keessaatiin saanqaa birbirsaatiin uffise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin uffise.
15 Forrou as paredes do templo por dentro com tábuas de cedro, cobrindo-as desde o chão até o teto, e fez o soalho do templo com tábuas de pinho.
16 Karaa boroo mana qulqullummaatiinis iddoo qulqulluu kan keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe hojjechuuf hundee manichaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti saanqaa birbirsaatiin kutaa dhundhuma digdama balʼatu tokko qoode.
16 Separou nove metros na parte de trás do templo, fazendo uma divisão com tábuas de cedro, do chão ao teto, para formar dentro do templo o santuário interno, o Lugar Santíssimo.
17 Galmi guddichi fuula kutaa kanaa duraan jirus dhundhuma afurtama dheerata ture.
17 O átrio principal em frente dessa sala media dezoito metros de comprimento.
18 Keessi mana qulqullummaa sanaas birbirsa fakkiin buqqeetii fi daraaraa irratti soofameen faayeffamee ture. Wanni hundinuu birbirsaan hojjetame; dhagaan tokko iyyuu hin mulʼatu ture.
18 O interior do templo era de cedro, com figuras entalhadas de frutos e flores abertas. Tudo era de cedro; não se via pedra alguma.
19 Inni taabota kakuu Waaqayyoo achi keessa kaaʼuuf jedhee mana qulqullummaa keessatti iddoo qulqulluu qopheesse.
19 Preparou também o santuário interno no templo para ali colocar a arca da aliança do Senhor.
20 Iddoon qulqulluun manicha keessaa sun dhundhuma digdama lafa irra dheeratee, dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma digdama immoo ol dheerata ture. Innis keessa manichaa warqee qulqulluu itti uffise; iddoo aarsaa kan birbirsaa irraa hojjetame sana illee warqee qulqulluu itti uffise.
20 O santuário interno tinha nove metros de comprimento, nove de largura e nove de altura. Ele revestiu o interior de ouro puro, e também revestiu de ouro o altar de cedro.
21 Solomoonis keessa mana qulqullummaa sanaa warqee qulqulluu itti uffisee fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa kan warqeen itti uffifame sana duraan foncaa warqee diriirse.
21 Salomão cobriu o interior do templo de ouro puro, e estendeu correntes de ouro em frente do santuário interno, que também foi revestido de ouro.
22 Innis akkasiin keessa manichaa hunda warqee itti uffise. Iddoo aarsaa kan iddoo qulqulluu gara keessaa cina jiru sana illee warqee itti uffise.
22 Assim, revestiu de ouro todo o interior do templo e também o altar que pertencia ao santuário interno.
23 Innis iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sana keessatti kiirubeelii muka ejersaa irraa hojjetaman kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudhan kudhan ol dheeratan tolche.
23 No santuário interno ele esculpiu dois querubins de madeira de oliveira, cada um com quatro metros e meio de altura.
24 Qoochoon kiirubeelii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dalga dheerata; qoochoon kaanis dhundhuma shan dalga dheerata; walumatti fiixee qoochoo tokkootii hamma fiixee qoochoo kaaniitti dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
24 As asas abertas dos querubins mediam dois metros e vinte e cinco centímetros: quatro metros e meio da ponta de uma asa à ponta da outra.
25 Sababii kiirubeeliin lachuu guddinaan wal qixxee taʼanii bifa tokko qabaataniif kiirubiin lammaffaanis dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
25 Os dois querubins tinham a mesma medida e a mesma forma.
26 Ol dheerinni tokkoo tokkoo kiirubeeliis dhundhuma kudhan kudhan ture.
26 A altura de cada querubim era de quatro metros e meio.
27 Solomoon kiirubeelii sana mana qulqullummaa keessa kutaa Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessa kaaʼe; qoochoon isaaniis babalʼifamee ture. Qoochoon kiirubeelii tokkoo keenyan manaa tokko tuqee qoochoon kiirubeelii kaanii immoo keenyan manaa kaan tuqe; qoochoon isaaniis dhufee walakkaa kutaa manichaatti wal tuqa ture.
27 Ele colocou os querubins, com as asas abertas, no santuário interno do templo. A asa de um querubim encostava numa parede, e a do outro encostava na outra. As suas outras asas encostavam uma na outra no meio do santuário.
28 Inni kiirubeelii sanas warqee itti uffise.
28 Ele revestiu os querubins de ouro.
29 Solomoonis keenyan mana qulqullummaa sanaa hunda irratti, keessaa fi duubaan itti naannessee fakkiiwwan kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwanii miidhagse.
29 Nas paredes ao redor do templo, tanto na parte interna como na externa, ele esculpiu querubins, tamareiras e flores abertas.
30 Lafa kutaalee mana qulqullummaa sanaa lachuuttis keessaa fi alaan warqee uffise.
30 Também revestiu de ouro os pisos, tanto na parte interna como na externa do templo.
31 Balbala iddoo qulqulluu kan gara keessaatiifis muka ejersaatiin cufaawwan tolche; cufaawwan sunis balʼina keenyaniitti harka shan keessaa harka tokko ture.
31 Para a entrada do santuário interno fez portas de oliveira com batentes de cinco lados.
32 Cufaa muka ejersaa sana lamaan irrattis fakkiiwwan kiirubeelii, kan muka meexxiitii fi daraarawwanii miidhagsee fakkiiwwan kiirubeelii fi kan muka meexxii sanatti warqee uffise.
32 E nas duas portas de madeira de oliveira esculpiu querubins, tamareiras e flores abertas, e revestiu os querubins e as tamareiras de ouro batido.
33 Haaluma kanaanis michichila balbalaa kan muka ejersaa irraa hojjetamee roga afur qabu tokko balbala galma guddichaatiif tolche.
33 Também fez pilares de quatro lados, de madeira de oliveira para a entrada do templo.
34 Akkasumas balbala muka birbirsaa lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii saanqaa walitti deebiʼee cufamu lama lama qaban tolche.
34 Fez também duas portas de pinho, cada uma com duas folhas que se articulavam por meio de dobradiças.
35 Achi irrattis kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwan miidhagsee warqee tumame wal qixxeessee itti uffise.
35 Entalhou figuras de querubins, de tamareiras e de flores abertas nas portas e as revestiu todas igualmente de ouro batido.
36 Innis dhagaa soofamaa toora sadii fi dareeraa birbirsaa, toora tokkoon oobdii manicha keessaa ijaare.
36 E construiu o pátio interno com três camadas de pedra lavrada e uma de vigas de cedro.
37 Hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoos waggaa afuraffaatti jiʼa Ziif jedhamu keessa buufame.
37 O alicerce do templo do Senhor foi lançado no mês de zive do quarto ano.
38 Manni qulqullummaa sunis waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa Buul jechuunis jiʼa saddeettaffaa keessa akkuma karoorfametti guutumaan guutuutti hojjetamee dhume. Solomoonis mana sana ijaaree fixuuf waggaa torba itti fudhate.
38 No mês de bul, o oitavo mês, do décimo primeiro ano, o templo foi terminado em todos os seus detalhes, de acordo com as suas especificações. Ele levou sete anos para construí-lo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.