1 Reis 22
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre.
1 Durante os dois anos seguintes houve paz entre Israel e a Síria.
2 Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe.
2 Mas, no terceiro ano, Josafá, rei de Judá, foi visitar o rei Acabe, de Israel.
3 Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe.
3 Acabe perguntou aos seus oficiais: — Por que é que nós não fizemos nada para tomar de volta do rei da Síria a cidade de Ramote-Gileade? Vocês sabem que aquela cidade é nossa!
4 Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate.
4 Então ele perguntou ao rei Josafá: — Você vai comigo atacar Ramote? Josafá respondeu: — Quando você estiver pronto para a batalha, eu também estarei; e assim também os meus soldados e a minha cavalaria.
5 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
5 Mas primeiro vamos consultar a Deus, o Senhor .
6 Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate.
6 Aí Acabe mandou chamar os profetas , que eram uns quatrocentos, e perguntou: — Devo atacar a cidade de Ramote ou não? Eles responderam: — Ataque, pois Deus lhe dará a vitória.
7 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
7 Mas Josafá perguntou: — Não existe aqui mais nenhum profeta para nós consultarmos o
8 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe.
8 Acabe respondeu: — Existe outro, que se chama Micaías, filho de Inla. Mas eu tenho ódio dele porque nunca — Não fale desse jeito! — disse Josafá.
9 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
9 Então Acabe chamou um oficial e mandou que ele fosse imediatamente buscar Micaías.
10 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
10 Os dois reis, usando as suas roupas reais, estavam sentados nos seus tronos, numa praça que ficava perto da entrada do portão de Samaria; e todos os profetas estavam profetizando em frente deles.
11 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
11 Um dos profetas, chamado Zedequias, filho de Quenaana, fez uns chifres de ferro e disse a Acabe: — O que o
12 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
12 E todos os profetas profetizaram a mesma coisa. Eles diziam: — Marche contra a cidade de Ramote, que o senhor, ó rei, vencerá. O
13 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
13 Enquanto isso, o oficial que tinha ido buscar Micaías disse a ele: — Todos os outros profetas profetizaram que o rei terá sucesso. É melhor que você faça o mesmo.
14 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni natti himu qofan isatti hima” jedhe.
14 Porém Micaías respondeu: — Juro pelo
15 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate.
15 Quando Micaías chegou ao lugar onde estava o rei Acabe, este perguntou: — Micaías, o rei Josafá e eu devemos atacar a cidade de Ramote ou não? Micaías respondeu: — Ataque, pois o senhor, ó rei, vencerá. O
16 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
16 Mas Acabe disse: — Quando você falar comigo em nome do
17 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’ ”
17 Micaías respondeu: — Vejo o exército de Israel espalhado pelos morros como ovelhas sem pastor. E o
18 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
18 Então Acabe disse a Josafá: — Eu não disse que para mim ele nunca profetiza coisas boas? Ele sempre diz alguma coisa ruim!
19 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: Ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge.
19 Micaías continuou: — Agora escute o que o
20 Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe.
20 Ele perguntou: “Quem enganará Acabe para que ele vá a Ramote e seja morto lá?” Alguns anjos disseram uma coisa, e outros disseram outra,
21 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe.
21 até que um espírito se apresentou e disse: “Eu enganarei Acabe.”
22 “Waaqayyos, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate.
22 E Deus perguntou: “Como?”, e o espírito respondeu: “Eu irei e farei com que todos os profetas de Acabe digam mentiras.” Então Deus ordenou: “Vá e engane Acabe. Você conseguirá.”
23 “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
23 E Micaías terminou, dizendo a Acabe: — O senhor está vendo agora que Deus fez com que todos estes seus profetas mentissem. Mas ele resolveu que vai acontecer uma desgraça com o senhor, ó rei.
24 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
24 Então o profeta Zedequias chegou perto de Micaías, deu um tapa na cara dele e perguntou: — Quando foi que o Espírito do
25 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
25 — Você descobrirá isso quando entrar em algum quarto dos fundos, tentando se esconder! — respondeu Micaías.
26 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
26 Aí o rei Acabe deu a seguinte ordem a um dos seus oficiais: — Prenda Micaías e o leve a Amom, o governador da cidade, e ao príncipe Joás.
27 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
27 Diga a eles que o joguem na cadeia e o ponham a pão e água até que eu volte são e salvo.
28 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
28 Micaías exclamou: — Se o senhor, ó rei, voltar em paz, então, de fato, o E disse também: — Todos aqui deem atenção àquilo que eu profetizei!
29 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
29 Assim o rei Acabe, de Israel, e o rei Josafá, de Judá, foram atacar a cidade de Ramote-Gileade.
30 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
30 Acabe disse a Josafá: — Quando formos entrar na batalha, eu vou me disfarçar, mas você use as suas roupas de rei. E assim o rei de Israel entrou disfarçado na batalha.
31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaa soddomii lamaaniin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
31 O rei da Síria havia mandado que os trinta e dois capitães dos seus carros de guerra não atacassem ninguém, a não ser o rei de Israel.
32 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Dhugumaan kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; garuu yommuu Yehooshaafaax guddisee iyyetti,
32 Por isso, quando viram o rei Josafá, pensaram que ele era o rei de Israel e foram atacá-lo. Mas Josafá gritou,
33 ajajjoonni gaariiwwaniis akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganii isa ariʼuu dhiisan.
33 e aí eles viram que aquele não era o rei de Israel e pararam de atacá-lo.
34 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa uffata isaa kan sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi; ani madaaʼeeraatii” jedhe.
34 No entanto, um soldado sírio atirou uma flecha que por acaso atingiu o rei Acabe entre as juntas da sua armadura . Então ele gritou para o condutor do seu carro: — Fui ferido! Dê a volta e me leve para fora da batalha!
35 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootichis ol qabamee fuula isaa gara warra Sooriyaatti deebifatee gaarii isaa keessa oole. Madaa isaa keessaas dhiigni yaaʼee gaarii keessa lolaʼe; innis galgaluma sana duʼe.
35 Enquanto a batalha ficava cada vez mais forte, seguraram o rei Acabe de pé no seu carro de guerra, de frente para os sírios. O sangue dele escorria do seu ferimento para o fundo do carro, e à tarde ele morreu.
36 Akkuma aduun dhiiteen iyyi, “Tokkoon tokkoon namaa gara magaalaa ofii isaatti; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti!” jedhu tokko dhagaʼame.
36 Ao pôr do sol, foi dada ao exército dos israelitas a seguinte ordem: — Que cada homem volte para a sua própria região e para a sua cidade!
37 Kanaafuu mootichi duunaan Samaariyaatti geeffame; isaanis achitti isa awwaalan.
37 E assim morreu o rei Acabe. O seu corpo foi levado para Samaria e sepultado.
38 Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhee ture sana saroonni dhiiga isaa arraaban.
38 E, quando lavaram o carro dele na represa de Samaria, os cachorros lamberam o seu sangue, e as prostitutas se lavaram naquela água, como o Senhor Deus tinha dito que ia acontecer.
39 Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
39 Todas as outras coisas que o rei Acabe fez e também uma descrição do seu palácio enfeitado de marfim e todas as cidades que ele construiu, tudo isso está escrito na História dos Reis de Israel .
40 Ahaabis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Ahaaziyaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
40 Quando Acabe morreu, o seu filho Acazias ficou no lugar dele como rei.
41 Yehooshaafaax ilmi Aasaa, bara mootummaa Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa afuraffaatti mootii Yihuudaa taʼe.
41 No quarto ano do reinado de Acabe em Israel, Josafá, filho de Asa, se tornou rei de Judá
42 Yehooshaafaax yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
42 com a idade de trinta e cinco anos. Ele governou em Jerusalém vinte e cinco anos. A sua mãe se chamava Azuba e era filha de Sili.
43 Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii achitti aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas aarsaa turan.
43 Como Asa, o seu pai, havia feito antes dele, Josafá fez o que o Senhor Deus considerava certo.
44 Yehooshaafaaxis mootii Israaʼel wajjin nagaan jiraata ture.
44 Mas os lugares pagãos de adoração não foram destruídos, e neles o povo continuou a oferecer sacrifícios e a queimar incenso.
45 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa hojjetaman kaan, jabinni inni argisiisee fi haalli inni itti lolaa ture kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
45 Josafá viveu em paz com o rei de Israel.
46 Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse.
46 Todas as outras coisas que Josafá fez, toda a sua coragem e as suas batalhas estão escritas na História dos Reis de Judá .
47 Yeroo sanatti Edoom keessa mootiin tokko iyyuu hin jiru ture; itti aanaa mootiitu biyya bulchaa ture.
47 Ele acabou com todos os prostitutos e prostitutas que serviam nos altares pagãos que ainda haviam ficado desde o tempo de Asa, o seu pai.
48 Yehooshaafaaxis warqee barbaacha Oofiir dhaquuf jedhee dooniiwwan tolfate; dooniiwwan sun garuu sababii Eziyoon Geberitti caccabaniif achi dhaquu hin dandeenye.
48 O país de Edom não tinha rei e era governado por um governador nomeado pelo rei de Judá.
49 Yeroo sana Ahaaziyaa ilmi Ahaab Yehooshaafaaxiin, “Mee namoonni koo namoota kee wajjin dooniin haa deeman” jedhe; Yehooshaafaax garuu ni dide.
49 O rei Josafá construiu grandes navios para navegarem até a terra de Ofir e trazerem ouro; mas eles se quebraram em Eziom-Geber e nunca chegaram a navegar.
50 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
50 Então Acazias, filho de Acabe, ofereceu os seus marinheiros para viajarem junto com os marinheiros de Josafá, mas ele não quis.
51 Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche.
51 Josafá morreu e foi sepultado nos túmulos dos reis, na Cidade de Davi , e o seu filho Jeorão ficou no lugar dele como rei.
52 Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
52 No ano dezessete do reinado de Josafá em Judá, Acazias, filho de Acabe, se tornou rei de Israel e governou dois anos em Samaria.
53 Innis akkuma abbaan isaa godhe sana Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaase.
53 Ele pecou contra Deus, seguindo o mau exemplo do seu pai Acabe, da sua mãe Jezabel e do rei Jeroboão, que havia feito o povo de Israel pecar.
54 — ausente —
54 Acazias adorou e serviu o deus Baal e, como o seu pai havia feito antes dele, fez com que o Senhor , o Deus de Israel, ficasse irado .
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.