1 Reis 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yeroo kanatti Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota ofii isaa guutuu walitti qabate. Mootonni soddomii lama kanneen fardeenii fi gaariiwwan qabanis isa wajjin turan. Innis dhaqee Samaariyaa marsee lole.
1 Ben-Hadade, rei da Síria, reuniu todo o seu exército. Estavam com ele trinta e dois reis com seus cavalos e carros de guerra. Ele subiu, cercou Samaria e lutou contra ela.
2 Innis akkana jedhee gara magaalaa Ahaab mooticha Israaʼelitti ergamoota erge; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha;
2 Enviou mensageiros à cidade, a Acabe, rei de Israel,
3 ‘Meetiin keetii fi warqeen kee kanuma koo ti; niitonni keetii fi ijoolleen kee babbareedoonis kanuma koo ti.’ ”
3 que lhe disseram: — Assim diz Ben-Hadade: “A sua prata e o seu ouro são meus; as suas mulheres e os seus melhores filhos também são meus.”
4 Mootiin Israaʼel immoo, “Yaa gooftaa koo mooticha, akkuma ati jette sana anii fi wanni ani qabu hundi keetuma” jedhee deebiseef.
4 O rei de Israel respondeu: — Seja conforme a sua palavra, ó rei, meu senhor; eu sou seu, e tudo o que tenho é seu.
5 Ergamoonni sun ammas dhufanii akkana jedhaniin; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha; ‘Ani akka ati meetii fi warqee kee, niitotaa fi ijoollee kee naaf kennituuf ergaa sitti ergeera.
5 Os mensageiros voltaram a Acabe e disseram: — Assim diz Ben-Hadade: “Quando enviei mensageiros que dissessem: ‘A sua prata, o seu ouro, as suas mulheres e os seus filhos são meus’, era para que você os entregasse para mim.
6 Garuu ani bor yoona masaraa mootummaa keetiitii fi manneen qondaaltota keetii soquuf qondaaltota koo nan erga. Isaanis waan ati jaallattu hunda fudhatanii deemu.’ ”
6 Se amanhã a estas horas eu tiver de enviar os meus servos até você, eles vasculharão o seu palácio e as casas dos seus oficiais e meterão as mãos em tudo o que você tem de precioso e o levarão.”
7 Mootichi Israaʼel immoo maanguddoota biyya sanaa hunda walitti waamee akkana jedheen; “Akka namichi kun rakkina uumuu barbaadu mee isinuu ilaalaa! Yeroo inni niitotaa fi ijoollee koo, meetii fi warqee koo fudhachuuf nama ergetti ani hin dhowwanne.”
7 Então o rei de Israel chamou todos os anciãos da sua terra e lhes disse: — Como vocês podem notar e ver, este homem procura o mal. Mandou exigir as minhas mulheres, os meus filhos, a minha prata e o meu ouro, e não os neguei a ele.
8 Maanguddoonnii fi namoonni hundinuu, “Ati dubbii isaa hin dhagaʼin yookaan waan inni barbaadu tole hin jedhin” jedhaniin.
8 Todos os anciãos e todo o povo lhe disseram: — Não lhe dê ouvidos e não consinta.
9 Kanaafuu inni, “ ‘Garbichi kee waan ati jalqabatti ajajje hunda ni guuta; ani garuu waan ati amma gaafatte kana gochuu hin dandaʼu’ jedhaatii gooftaa koo mootichatti himaa” jedhee ergamoota Ben-Hadaadiif deebii kenne. Isaanis kaʼanii deebii sana fuudhanii Ben-Hadaaditti geessan.
9 Então Acabe disse aos mensageiros de Ben-Hadade: — Digam ao rei, meu senhor: “Farei tudo o que você pediu a este seu servo na primeira vez, porém não posso fazer o que você está pedindo agora.” E os mensageiros se foram e deram esta resposta.
10 Ben-Hadaad immoo, “Yoo biyyoon Samaariyaa namoota koo warra na duukaa buʼan konyee tokko tokko illee wal gaʼe, waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jedhee ergaa biraa Ahaabitti erge.
10 Ben-Hadade tornou a enviar mensageiros, dizendo: — Que os deuses me castiguem, se o pó de Samaria bastar para encher as mãos de todo o povo que me segue.
11 Mootiin Israaʼelis, “ ‘Namni miʼa lolaa hidhachaa jiru tokko akka nama miʼa lolaa of irraa hiikaa jiru tokkootti of jajuu hin qabu’ jedhaatii itti hima” jedhee deebise.
11 Porém o rei de Israel respondeu: — Digam ao rei Ben-Hadade: “Quem se veste para a batalha não deve se gabar como aquele que está se despindo depois da vitória.”
12 Ben-Hadaadis utuma mootota wajjin dunkaana keessatti waa dhugaa jiruu ergaa kana dhagaʼee, “Isin lolaaf qophaaʼaa” jedhee namoota ofii isaa ajaje. Kanaafuu isaan magaalaa sana dhaʼuuf qophaaʼan.
12 Ben-Hadade ouviu esta resposta quando ele e os outros reis estavam bebendo nas tendas. Então ele disse aos seus servos: — Preparem-se para atacar. E eles se prepararam para atacar a cidade.
13 Yeroo kanatti raajiin tokko gara Ahaab mooticha Israaʼel dhufee, “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati loltoota akka malee baayʼatan kana argitaa? Ani harʼa dabarsee harka keetti isaan nan kenna; atis ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta’ ” jedhe.
13 Eis que um profeta foi até Acabe, rei de Israel, e lhe disse: — Assim diz o
14 Ahaab garuu, “Eenyutu waan kana hojjeta?” jedhee gaafate.
14 Acabe perguntou: — Por meio de quem se dará isto? Ele respondeu: — Assim diz o Acabe perguntou: — Quem começará a batalha? E o profeta respondeu: — Você!
15 Kanaafuu Ahaab tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan dhibba lamaa fi soddomii lama walitti waame. Ergasiis Israaʼeloota hafan keessaa walumaa galatti namoota kuma torba walitti qabe.
15 Então Acabe contou os servos dos chefes das províncias, e eram duzentos e trinta e dois. Depois, contou todo o povo, todos os filhos de Israel, e eram sete mil.
16 Isaanis utuma Ben-Hadaadii fi mootonni soddomii lama kanneen isa tumsan dunkaana keessatti dhuganii machaaʼaa jiranuu guyyaa saafaadhaan itti qajeelan.
16 Saíram ao meio-dia. Ben-Hadade, porém, estava bebendo e embriagando-se nas tendas, ele e os reis, os trinta e dois reis que o ajudavam.
17 Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanis jalqabatti gad baʼan.
17 Saíram primeiro os servos dos chefes das províncias. Ben-Hadade mandou observadores que lhe deram avisos, dizendo: — Uns homens estão saindo de Samaria.
18 Inni immoo, “Yoo isaan nagaaf dhufan utuma isaan lubbuun jiranuu isaan qabaa; yoo isaan lolaaf dhufanis akkasuma utuma isaan lubbuun jiranuu qabaa” jedhe.
18 Ele disse: — Se vieram tratar de paz, prendam-nos vivos; se vieram lutar, prendam-nos vivos também.
19 Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan sunis loltoota dura buʼanii magaalaa sanaa baʼan;
19 Os servos dos chefes das províncias e o exército que os seguia saíram da cidade,
20 tokkoon tokkoon isaaniis diina isaanii dhaʼanii ajjeesan. Kana irratti warri Sooriyaa ni baqatan; Israaʼeloonni immoo isaan ariʼan. Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa garuu farda yaabbatee abbootii fardaa wajjin baqatee jalaa baʼe.
20 e cada um matou o homem contra quem lutava. Os sírios fugiram, e Israel os perseguiu. Porém Ben-Hadade, rei da Síria, escapou a cavalo, com alguns cavaleiros.
21 Mootiin Israaʼel ittuma fufee abbootii fardaatii fi gaariiwwanii lolee moʼachuudhaan warra Sooriyaa akka malee miidhe.
21 O rei de Israel saiu e destroçou os cavalos e os carros de guerra dos sírios, impondo-lhes grande derrota.
22 Ergasii raajiin sun gara mooticha Israaʼel dhufee, “Of jabeessi; waan gochuu qabdus sirriitti hubadhu; mootiin Sooriyaa bara dhufu keessa deebiʼee si lolaatii” jedhe.
22 Então o profeta foi até o rei de Israel e lhe disse: — Vá, seja forte, considere e veja o que vai fazer, porque daqui a um ano o rei da Síria voltará a atacar.
23 Yeroo kanatti qondaaltonni mootii Sooriyaa akkana jedhanii isa gorsan; “Waaqonni isaanii waaqota gaarranii ti. Sababiin isaan akka malee nutti jabaataniif kana. Nu yoo lafa diriiraa irratti isaan lolle garuu dhugumaan isaan caalaa jabaanna.
23 Os servos do rei da Síria lhe disseram: — Os deuses deles são deuses dos montes, e por isso eles foram mais fortes do que nós. Mas vamos lutar contra eles na planície, e, por certo, seremos mais fortes do que eles.
24 Ati amma waan kana godhi: Mootota hunda aangoo isaanii irraa ariʼiitii iddoo isaanii ajajjoota kaan buusi.
24 Portanto, faça o seguinte: tire os reis, cada um do seu lugar, e substitua-os por capitães,
25 Akkasumas loltoota akka loltoota kee kanneen dhuman sanaa jechuunis qooda fardaa farda, qooda gaarii immoo gaarii qopheessi. Akkasiin nu dirree irratti Israaʼelin loluu dandeenya; isaan caalaas ni jabaanna.” Innis dubbii isaanii fudhatee akkuma isaan jedhan sana godhe.
25 e forme outro exército igual em número ao que você perdeu, com outros tantos cavalos e outros tantos carros de guerra. E vamos lutar contra eles na planície e, por certo, seremos mais fortes do que eles. O rei deu ouvidos ao que disseram e assim o fez.
26 Bara itti aanu keessa Ben-Hadaad namoota Sooriyaa walitti qabatee Israaʼelin loluuf Afeeqitti ol baʼe.
26 Decorrido um ano, Ben-Hadade convocou os sírios e subiu a Afeca para lutar contra Israel.
27 Israaʼeloonnis walitti qabamanii waan nyaatan qabatanii jaratti duulan. Israaʼeloonni akkuma bushaayee karra xixinnaa lamaatti fuullee isaanii qubatan; warri Sooriyaa garuu baadiyyaa keessa guutan.
27 Também os filhos de Israel foram reunidos para a batalha. Eles foram providos de mantimentos e marcharam contra os sírios. Os filhos de Israel acamparam de frente para eles, como dois pequenos rebanhos de cabras, mas os sírios enchiam a terra.
28 Namni Waaqaa sunis dhufee mootii Israaʼeliin akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Sababii warri Sooriyaa Waaqayyo Waaqa gaarraniiti malee Waaqa sululootaa miti jedhaniif, ani tuuta akka malee guddaa kana hunda dabarsee harka keetti nan kenna; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
28 Um homem de Deus se aproximou e foi falar com o rei de Israel, dizendo: — Assim diz o
29 Isaanis bultii torbaaf fuullee walii qubatanii, bultii torbaffaatti waraanni jalqabame. Israaʼeloonnis guyyuma tokkotti warra Sooriyaa keessaa loltoota lafoo kuma dhibba tokko ajjeesan.
29 Sete dias estiveram acampados uns em frente dos outros. No sétimo dia, travou-se a batalha, e os filhos de Israel, num só dia, mataram dos sírios cem mil soldados da infantaria.
30 Warri hafan kaan magaalaa Afeeqitti baqatanii achittis nama kuma digdamii torba irratti dallaan dhagaa jige. Ben-Hadaad immoo magaalaa sanatti baqatee kutaa mana tokkoo kan gara keessaa keessatti dhokate.
30 Os restantes fugiram para Afeca e entraram na cidade, mas a muralha da cidade caiu sobre os vinte e sete mil homens que restaram. Ben-Hadade fugiu, veio à cidade e se escondia de câmara em câmara.
31 Qondaaltonni isaas akkana jedhaniin; “Ilaa, nu akka mootonni mana Israaʼel mootota nama maaran taʼan dhageenyeerra. Mee kottaa nu mudhii keenyatti uffata gaddaa hidhannee, mataa keenyatti immoo funyoo marannee mootii Israaʼel bira haa dhaqnu. Inni lubbuu kee ni oolcha taʼaatii.”
31 Então os seus servos lhe disseram: — Eis que temos ouvido que os reis da casa de Israel são reis clementes. Por isso, ponhamos panos de saco sobre os lombos e cordas ao redor da cabeça e vamos até o rei de Israel; pode ser que ele lhe poupe a vida.
32 Kanaafuu isaan mudhii isaaniitti uffata gaddaa hidhatanii, mataa isaaniitti funyoo maratanii mootii Israaʼel bira dhaqanii, “Garbichi kee Ben-Hadaad, ‘Maaloo lubbuu koo naa oolchi’ siin jedha” jedhaniin.
32 Então se cingiram com pano de saco pelos lombos, puseram cordas ao redor da cabeça e foram falar com o rei de Israel. Disseram: — O seu servo Ben-Hadade manda dizer: “Poupe-me a vida.” Acabe respondeu: — Então ele ainda está vivo? Ele é meu irmão.
33 Namoonni sunis waan kana akka mallattoo gaariitti fudhatanii dubbii isaa dafanii qabatanii “Eeyyee, Ben-Hadaad obboleessa kee ti!” jedhan.
33 Aqueles homens tomaram isto como um bom sinal, logo se aproveitaram dessa palavra e disseram: — Sim, o seu irmão Ben-Hadade! O rei disse: — Vão e tragam-no aqui. Então Ben-Hadade saiu para se encontrar com Acabe, e este o fez subir na sua carruagem.
34 Ben-Hadaadis akkana jedheen; “Ani magaalaawwan abbaan koo abbaa kee irraa fudhate sana siifin deebisa. Akkuma abbaan koo Samaariyaa keessatti hojjete sana, ati Damaasqoo keessatti lafa gabaa ofii keetii dhaabbachuu dandeessa.”
34 Ben-Hadade lhe disse: — Vou restituir as cidades que o meu pai tomou do seu pai. Você poderá vender os seus produtos em Damasco, como o meu pai fez em Samaria. E Acabe respondeu: — Com esta aliança, deixarei que você fique livre. Então Acabe fez uma aliança com ele e o deixou ir embora.
35 Ilmaan raajotaa keessaa tokko ajaja Waaqayyootiin michuu isaa tokkoon, “Maaloo na dhaʼi” jedhe. Namichi sun garuu isa dhaʼuu dide.
35 Então, por ordem do Senhor , um dos discípulos dos profetas disse ao seu companheiro: — Por favor, me esmurre. Mas o homem se recusou a fazê-lo,
36 Kanaafuu raajiin sun, “Waan ati dubbii Waaqayyootiif hin ajajamniif akkuma ati na biraa deemtuun leenci si ajjeesa” jedheen. Erga namichi kaʼee deemee booddee leenci dhufee isa argate isa ajjeese.
36 e por isso o discípulo dos profetas lhe disse: — Visto que você não obedeceu à voz do Quando ele se afastou, um leão o encontrou e o matou.
37 Raajiin sun nama biraa argee, “Maaloo na dhaʼi” jedheen. Kanaafuu namichi sun dhaʼee isa madeesse.
37 Então o profeta encontrou outro homem e lhe disse: — Por favor, me esmurre. Ele o esmurrou e o feriu.
38 Ergasii raajiin sun ija haguuggatee eenyummaa isaa dhokfatee dhaqee qarqara karaa dhaabatee mooticha eegaa ture.
38 Então o profeta partiu e ficou esperando o rei no caminho, disfarçado com uma venda sobre os olhos.
39 Utuma mootichi karaa sana darbaa jiruu raajiin sun isa waamee akkana jedheen; “Garbichi kee lola walakkaa seenee jennaan namni tokko nama boojiʼame tokko fidee, ‘Namicha kana eegi. Yoo inni bade lubbuun kee qooda lubbuu isaa baafamti yookaan meetii taalaantii tokkoo baafta’ jedhe.
39 Quando o rei ia passando, o profeta gritou: — Este seu servo estava saindo do meio da batalha, quando um companheiro se voltou e me trouxe um homem, dizendo: “Vigie este homem. Se ele escapar, será a sua vida pela vida dele ou você pagará trinta e quatro quilos de prata.”
40 Namichi sunis utuu garbichi kee hojiin qabamee asii fi achi fiigaa jiruu bade.”
40 Enquanto este seu servo estava ocupado daqui e dali, o homem se foi. O rei de Israel respondeu: — Esta é a sua sentença. Você mesmo a pronunciou.
41 Raajiin sunis dafee ija isaa irraa haguuggii gad buufate; mootichi Israaʼelis akka inni raajota keessaa isa tokko taʼe hubate.
41 Então ele se apressou e tirou a venda dos olhos, e o rei de Israel reconheceu que era um dos profetas.
42 Innis mootichaan akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati namicha ani akka inni duʼu itti mure gad lakkifteerta. Kanaafuu lubbuun kee qooda lubbuu isaa, sabni kees qooda saba isaa galaafatama.’ ”
42 E o profeta disse ao rei: — Assim diz o
43 Mootichi Israaʼel sunis akka malee aaree dheekkamaa gara masaraa mootummaa isaa kan Samaariyaa keessa jiru sanaa dhaqe.
43 Então o rei de Israel se dirigiu à sua casa, aborrecido e indignado, e chegou a Samaria.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.