1 Reis 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Daawit Mootichi yeroo jaaree dulloometti yoo uffata itti tuulan illee dhagni isaa hin hoʼuuf ture.
1 O rei Davi estava bem velho. Os seus servidores o cobriam com cobertas, mas ele não conseguia se aquecer.
2 Kanaafuu tajaajiltoonni isaa akkana jedhaniin; “Durba qulqulluu mooticha tajaajiltuu fi kunuunsitu haa barbaannu. Isheenis gooftaa keenya mootichatti bira ciiftee isa haa hoʼiftu.”
2 Por isso, os seus conselheiros disseram: — Rei Davi, nós vamos procurar uma moça para ficar com o senhor e cuidar do senhor. Ela dormirá ao seu lado e o conservará quente.
3 Isaanis biyya Israaʼel guutuu keessa durba miidhagduu barbaadanii intala Abiishagi jedhamtu kan gosa Suunam tokko argatanii mootichatti fidan.
3 Então procuraram em toda a terra de Israel uma moça bonita. Em Suném encontraram uma jovem chamada Abisague e a levaram ao rei.
4 Intalattiin akka malee miidhagduu turte; isheenis mooticha kunuunsite; ni tajaajiltes; mootichi garuu ishee bira hin gaʼu ture.
4 Abisague era muito bonita. Ela servia o rei e cuidava dele, mas Davi não teve relações com ela.
5 Yeroo sanatti Adooniyaan ilmi Hagiit kan isheen Daawitiif deesse, “Ani mootii nan taʼa” jedhee ol ol of qabe. Kanaafuu inni gaariiwwanii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama qopheeffate.
5 — ausente —
6 Abbaan isaa immoo, “Ati maaliif waan akkanaa goota?” jedhee gonkumaa isa ifatee hin beeku. Inni gurbaa akka malee miidhagaa kan Abesaaloomitti aanee dhalatee dha.
6 — ausente —
7 Adooniyaanis Yooʼaab ilma Zeruuyaatii fi Abiyaataar lubichaan mariʼate; isaanis isa deeggaran.
7 Adonias falou com Joabe, que era filho de uma mulher chamada Zeruia, e com Abiatar, o sacerdote, e eles concordaram em ficar do lado dele.
8 Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Naataan raajichi, Shimeʼiin, Reeʼii fi eegdonni Daawit filatamoon Adooniyaa wajjin hin turre.
8 Mas o sacerdote Zadoque e Benaías, filho de Joiada, Natã, o profeta , Simei, Reí e os guarda-costas de Davi não ficaram do lado de Adonias.
9 Adooniyaanis dhagaa Zoohelet isa naannoo Een Roogeelitti argamu biratti hoolaa, korma looniitii fi jabboota coccoomoo aarsaa dhiʼeesse. Innis obboloota isaa ilmaan mootichaa hunda, namoota Yihuudaa kanneen qondaaltota mootichaa taʼan hunda ni waame;
9 Um dia Adonias ofereceu ovelhas, touros e bezerros gordos em sacrifício , na pedra da Cobra, perto da fonte de Rogel. Ele convidou os outros filhos do rei Davi e os servidores do rei que eram de Judá.
10 garuu Naataan raajicha yookaan Benaayaa yookaan eegdota filatamoo yookaan obboleessa isaa Solomoonin hin waamne.
10 Porém não convidou o seu meio-irmão Salomão, nem Natã, o profeta, nem Benaías, nem os guarda-costas de Davi.
11 Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Solomoon gaafate; “Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawit quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee?
11 Então Natã foi falar com Bate-Seba, a mãe de Salomão. Natã perguntou: — Você soube que Adonias, o filho de Hagite, se fez rei? E o rei Davi não está sabendo de nada!
12 Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Solomoon oolchuu dandeessu si gorsaa.
12 Vou lhe dar um conselho: se você quiser salvar a sua vida e a vida do seu filho Salomão,
13 Amma gara Daawit mootichaa dhaqiitii, ‘Yaa gooftaa koo mootii, ati, “Ilmi kee Solomoon anatti aanee dhugumaan mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa” jettee ana garbittii keetiif hin kakannee? Yoos Adooniyaan maaliif mootii taʼe?’ jedhiin.
13 vá agora mesmo falar com o rei Davi e diga o seguinte: “Rei Davi, o senhor não jurou que o meu filho Salomão seria rei em seu lugar e que seria ele quem haveria de sentar no seu trono? Então, como é que Adonias se tornou rei?”
14 Anis utuma ati achitti mooticha wajjin dubbachaa jirtuu dhufee waan ati jettu sana siif mirkaneessa.”
14 E Natã continuou: — E aí, quando você ainda estiver falando com o rei, eu vou chegar e confirmar a sua história.
15 Kanaafuu Batisheebaan kaatee mootii dulloome sana arguuf gara kutaa Abiishagi intalli gosa Suunam sun itti isa kunuunsaa turteetti ol seente.
15 Então Bate-Seba foi ao quarto de dormir do rei para falar com ele. Davi estava muito velho, e Abisague, a moça de Suném, estava cuidando dele.
16 Batisheebaan gad jettee fuula mootichaa duratti jilbeenfatte.
16 Em sinal de respeito, Bate-Seba se ajoelhou diante do rei. Então ele perguntou: — O que você quer?
17 Isheenis akkana jettee deebifteef; “Yaa gooftaa ko, ati mataan kee, ‘Ilmi kee Solomoon natti aanee mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jettee maqaa Waaqayyo Waaqa keetiitiin ana garbittii keetiif kakattee turte.
17 Ela respondeu: — Rei Davi, o senhor jurou pelo nome do
18 Amma garuu Adooniyaan mootii taʼeera; ati gooftaan koo mootichis waan kana quba hin qabdu.
18 Mas Adonias já se tornou rei, e o senhor não está sabendo disso.
19 Inni kunoo sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeessee ilmaan mootii hunda, Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ajajaa loltootaa waameera; garuu garbicha kee Solomoonin hin waamne.
19 Ele ofereceu muitos touros, ovelhas e bezerros gordos em sacrifício e convidou os irmãos dele, o sacerdote Abiatar e Joabe, o comandante do exército, para a festa. Porém não convidou o seu filho Salomão.
20 Yaa gooftaa koo mooticha, si booddeedhaan eenyu teessoo gooftaa koo mootichaa irra akka taaʼu sirraa beekuudhaaf iji Israaʼel hundi sirra jira.
20 Rei Davi, todo o povo de Israel está esperando que o senhor lhe diga quem será o rei em seu lugar.
21 Yoo kanaa achii yeroo gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqotutti anii fi ilmi koo Solomoon akka nama balleessaa qabuutti ilaalamna.”
21 Se não disser, logo que o senhor morrer, eu e o meu filho Salomão seremos tratados como traidores.
22 Utuma isheen amma illee mooticha wajjin dubbachaa jirtuu Naataan raajichi ni dhufe.
22 Enquanto Bate-Seba ainda estava falando, Natã chegou ao palácio.
23 Isaanis, “Naataan raajichi as jira” jedhanii mootichatti himan. Kanaafuu Naataan dhufee fuula mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
23 Contaram ao rei que o profeta Natã estava lá. Ele entrou, se ajoelhou diante do rei e encostou o rosto no chão.
24 Naataanis akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mootii, ati, ‘Adooniyaan natti aanee mootii taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jetteertaa?
24 Depois disse: — Rei Davi, por acaso, o senhor anunciou que Adonias é quem será o rei em seu lugar?
25 Inni harʼa gad buʼee sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeesseera. Ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota loltootaatii fi Abiyaataar lubicha waameera. Isaan amma iyyuu isa wajjin nyaachaa dhugaa, ‘Adooniyaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jechaa jiru.
25 Hoje mesmo ele foi oferecer muitos touros, ovelhas e bezerros gordos em sacrifício. Convidou todos os filhos do senhor, convidou Joabe, o comandante do seu exército, e Abiatar, o sacerdote. E agora mesmo eles estão comendo e bebendo com ele e gritando: “Viva o rei Adonias!”
26 Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaatii fi garbicha kee Solomoonin hin waamne.
26 Mas Adonias não me convidou e não convidou Zadoque, o sacerdote, nem Benaías, nem Salomão.
27 Egaa kun waan gooftaan koo mootichi utuu isa booddeedhaan eenyu akka teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu garbicha isaa hin beeksisin hojjeteedhaa?”
27 Será que o senhor aprovou tudo isso e não contou pelo menos aos seus conselheiros quem será o rei em seu lugar?
28 Daawit mootichi, “Mee Batisheebaa ol waamaa” jedhe. Kanaafuu isheen gara mootichaatti ol seentee fuula isaa dura dhaabatte.
28 O rei Davi disse: — Chamem Bate-Seba. Ela voltou e ficou diante dele.
29 Mootichis akkana jedhee kakateef; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hundumaa keessaa na baase sanaa,
29 Aí o rei lhe disse: — Eu prometo pelo Deus vivo, que me livrou de todas as aflições,
30 ani waan duraan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe sana harʼa dhugumaan siif guuta. Ilmi kee Solomoon na booddeedhaan mootii taʼa; iddoo koos teessoo koo irra ni taaʼa.”
30 que hoje eu cumprirei o juramento que fiz a você, em nome do Senhor , o Deus de Israel: o juramento de que o seu filho Salomão seria o rei em meu lugar.
31 Batisheebaanis addaan gad jettee harka fuutee fuula mootichaa duratti jilbeenfattee, “Gooftaan ko, Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.
31 Bate-Seba se ajoelhou, encostou o rosto no chão e disse: — Que o meu senhor, o rei Davi, viva para sempre!
32 Daawit mootichis, “Mee Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehooyaadaa as waamaa” jedhe. Yommuu isaan fuula mootichaa duratti dhiʼaatanitti,
32 Então Davi mandou buscar o sacerdote Zadoque, o profeta Natã e Benaías, filho de Joiada. Quando eles entraram,
33 inni akkana isaaniin jedhe: “Garboota gooftaa keessanii of faana fudhadhaatii ilma koo Solomoonin gaangoo koo irra teessisaatii Giihoonitti gad buusaa.
33 Davi disse: — Levem com vocês os funcionários do meu palácio, façam o meu filho Salomão montar a minha própria mula e o levem até a fonte de Giom.
34 Achittis Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Israaʼeloota irratti mootii godhanii isa haa diban. Malakata afuufaatii, ‘Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jedhaa iyyaa.
34 Ali Zadoque e Natã o ungirão rei de Israel. Depois toquem as cornetas e gritem: “Viva o rei Salomão!”
35 Isinis ergasii isa wajjin ol baʼuu qabdu; innis dhufee teessoo koo irra taaʼee iddoo koo buʼee mootii taʼuu qaba. Ani akka inni bulchaa taʼuuf Israaʼelii fi Yihuudaa irratti isa muudeera.”
35 Em seguida venham atrás dele quando vier sentar-se no meu trono. Ele será rei em meu lugar porque eu o escolhi para governar Israel e Judá.
36 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa akkana jedhee mootichaaf deebise; “Ameen! Waaqayyo Waaqni gooftaa koo mootichaa akkasuma haa jedhu.
36 — Assim será feito! — respondeu Benaías. — E que o Senhor , seu Deus, confirme isso!
37 Waaqayyo akkuma gooftaa koo mooticha wajjin ture Solomoon wajjin haa taʼu; teessoo isaas teessoo gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!”
37 E que, assim como o Senhor Deus tem estado com o senhor, ele esteja também com Salomão e faça com que o reino dele seja ainda maior do que o seu!
38 Kanaafuu Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Kereetonnii fi Pheletonni gad buʼanii gaangoo Daawit mootichaa irra Solomoon teessisanii Giihoonitti geessan.
38 Então Zadoque, Natã, Benaías, os queretitas e os peletitas fizeram Salomão montar a mula do rei Davi e o acompanharam até a fonte de Giom.
39 Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Solomooniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, “Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
39 Zadoque levou a vasilha de azeite que havia tirado da Tenda da Presença de Deus e ungiu Salomão. Então tocaram a corneta, e o povo gritou: — Viva o rei Salomão!
40 Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.
40 Depois todos foram andando atrás de Salomão, gritando de alegria e tocando flauta; e faziam tanto barulho, que até parecia que a terra estava rachando.
41 Adooniyaa fi keessummoonni isa wajjin turan akkuma nyaata isaanii fixataniin waan kana dhagaʼan. Yooʼaabis sagalee malakataa dhageenyaan, “Iyyi magaalaa keessaa kun hundi maalii?” jedhee gaafate.
41 Adonias e todos os seus convidados tinham acabado de comer quando ouviram aquele barulho. Joabe ouviu o som da corneta e perguntou: — O que quer dizer essa barulhada na cidade?
42 Utuma inni dubbachuutti jiruu, Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Adooniyaanis, “Ol seeni. Jabaan akka keetii kun oduu gaarii fiduu qabaa” jedhe.
42 Ele ainda estava falando quando chegou Jônatas, filho de Abiatar, o sacerdote. Adonias disse a Jônatas: — Entre aqui. Você é um homem de valor e deve estar trazendo boas notícias.
43 Yonaataanis akkana jedhee deebise; “Akkas miti! Gooftaan keenya Daawit mootichi, Solomoonin mootii godheera.
43 — Pelo contrário, — respondeu Jônatas — o rei Davi tornou Salomão rei.
44 Mootichis Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaa, Kereetotaa fi Pheletota isa wajjin erge; isaanis gaangoo mootichaa irra isa teessisan;
44 Ele mandou Zadoque, Natã, Benaías, os queretitas e os peletitas acompanharem Salomão. Eles fizeram Salomão montar a mula do rei Davi,
45 Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Giihoonitti mootii godhanii isa dibaniiru. Isaan gammachuudhaan achii ol baʼan; magaalattiinis iyya isaaniitiin sochoofamte; wacni isin dhageessan kunis kanaa dha.
45 e Zadoque e Natã o ungiram rei, na fonte de Giom. Depois voltaram para a cidade, gritando de alegria, e agora o povo está fazendo um grande alvoroço. É esse o barulho que vocês estão ouvindo.
46 Kana caalaa iyyuu Solomoon teessoo mootummaa irra taaʼeera.
46 Agora Salomão é o rei.
47 Qondaaltonni mootiis, ‘Waaqni kee maqaa kee caalaa maqaa Solomoon beekamaa godhee teessoo isaa illee teessoo kee caalaa haa guddisu!’ jedhanii gooftaa keenya Daawit mooticha eebbisuuf dhufaniiru. Mootichis siree isaa irratti gad jedhee sagade;
47 E além disso os funcionários do palácio foram cumprimentar o rei Davi para dar-lhe os parabéns. Eles disseram: “Que o seu Deus faça com que Salomão seja ainda mais famoso do que o senhor, e que o reino dele seja ainda maior do que o seu!” Aí, o rei se curvou na cama
48 innis, ‘Waaqayyo, Waaqni Israaʼel kan akka iji koo harʼa nama iddoo koo buʼee teessoo koo irra taaʼu argitu naa eeyyame sun haa eebbifamu’ jedhe.”
48 e orou assim: “Louvado seja o Senhor , o Deus de Israel, que hoje colocou um dos meus descendentes como rei em meu lugar e deixou que eu vivesse para ver isso!”
49 Kana irrati keessummoonni Adooniyaa hundi rifatanii kaʼanii bibittinnaaʼan.
49 Então os convidados de Adonias ficaram com medo, e se levantaram, e foram embora, cada um pelo seu caminho.
50 Adooniyaan garuu Solomoonin sodaatee dhaqee gaanfa iddoo aarsaa qabate.
50 Adonias ficou com muito medo de Salomão e por isso foi para a Tenda da Presença de Deus e ficou segurando nas pontas do altar .
51 Solomoonittis akkana jedhamee himame; “Adooniyaan Solomoon mooticha sodaatee gaanfa iddoo aarsaa qabatee itti cicheera. Innis, ‘Solomoon mootichi akka goraadeedhaan garbicha isaa hin ajjeefne harʼa naaf haa kakatu’ jedhe.”
51 Contaram ao rei Salomão que Adonias estava com medo dele e que tinha ido pegar nas pontas do altar e tinha dito: — Eu quero que o rei Salomão jure hoje que não mandará me matar à espada.
52 Solomoonis, “Yoo inni amanamaa taʼuu isaa mirkaneesse rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu lafa hin buʼu; garuu yoo hamminni isa keessatti argame inni ni duʼa” jedhee deebise.
52 Salomão disse: — Se ele provar que é um homem de palavra, eu juro que nem um fio dos seus cabelos será tocado; mas, se estiver com más intenções, ele morrerá.
53 Solomoon mootichis nama itti erge; isaanis iddoo aarsaa biraa gad isa fidan. Adooniyaanis dhufee fuula Solomoon mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe; Solomoonis, “Deemi, mana keetti gali” jedheen.
53 Então o rei Salomão mandou buscar Adonias. Fizeram com que ele descesse do altar, e ele veio, se ajoelhou diante do rei e encostou o rosto no chão. E o rei lhe disse: — Vá para casa.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.