1 Reis 13
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Waaqaa tokko ajaja Waaqayyootiin Yihuudaadhaa baʼee Beetʼeel dhufe.
1 Eis que, por ordem do Senhor , um homem de Deus foi de Judá a Betel; e Jeroboão estava junto ao altar, para queimar incenso.
2 Innis ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa sanaan mormuudhaan iyyee akkana jedhe; “Yaa iddoo aarsaa, yaa iddoo aarsaa! Waaqayyo akkana jedha; ‘Kunoo ilmi Yosiyaas jedhamu tokko mana Daawit keessaa ni dhalata. Innis luboota iddoo sagadaa kan gaarran irraa warra amma asitti aarsaa dhiʼeessaa jiran kanneen aarsaa godhee sirratti ni dhiʼeessa; lafeen namaas sirratti ni gubama.’ ”
2 Por ordem do Senhor , o profeta clamou contra o altar e disse: — Altar, altar! Assim diz o
3 Namni Waaqaa sunis gaafasuma akkana jedhee mallattoo kenne; “Mallattoon Waaqayyo dubbate kanaa dha; kunoo iddoon aarsaa gargar baqaqa; daaraan isa irra jirus gad jiga.”
3 Naquele mesmo dia o profeta deu um sinal, dizendo: — Este é o sinal de que foi o
4 Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye.
4 Quando o rei ouviu as palavras que o homem de Deus proferiu contra o altar de Betel, Jeroboão estendeu a mão de sobre o altar, dizendo: — Prendam esse homem! Mas a mão que ele tinha estendido contra o homem de Deus secou, e ele não a podia recolher.
5 Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii Waaqayyootiin kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.
5 O altar se fendeu, e as cinzas se espalharam pelo chão, conforme o sinal que o homem de Deus tinha dado por ordem do Senhor .
6 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf Waaqayyo Waaqa kee jabeessii naa kadhadhu.” Kanaafuu namni Waaqaa sun Waaqayyoon jabeessee kadhateef; harki mootichaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeef.
6 Então o rei disse ao homem de Deus: — Implore o favor do O homem de Deus implorou o favor do
7 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa” jedhe.
7 Então o rei disse ao homem de Deus: — Venha comigo até a minha casa e coma alguma coisa; e eu o recompensarei.
8 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; “Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu.
8 Porém o homem de Deus disse ao rei: — Ainda que me desse a metade da sua casa, eu não o acompanharia e não comeria nem beberia nada neste lugar.
9 Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
9 Porque assim me ordenou o Senhor Deus pela sua palavra, dizendo: “Não coma nem beba nada naquele lugar; e não volte pelo caminho por onde você foi.”
10 Kanaafuu inni karaa biraa qabatee deeme malee karaa gara Beetʼeel dhufe sanaan hin deebine.
10 E ele se foi por outro caminho, e não voltou pelo caminho por onde tinha ido a Betel.
11 Jaarsa raajii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Waaqaa sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan.
11 Em Betel morava um velho profeta. Os seus filhos vieram e lhe contaram tudo o que o homem de Deus havia feito naquele dia em Betel. Também lhe contaram as palavras que ele tinha dito ao rei.
12 Abbaan isaaniis, “Inni karaa kamiin deeme?” jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan.
12 Então o pai perguntou aos seus filhos: — Por que caminho ele se foi? E eles lhe mostraram o caminho que havia sido tomado pelo homem de Deus que tinha vindo de Judá.
13 Kana irratti inni ilmaan isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee
13 Então ele disse aos seus filhos: — Ponham a sela no meu jumento. Eles puseram a sela no jumento, e o profeta montou.
14 gulufee nama Waaqaa sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, “Namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?” jedhee isa gaafate.
14 Então ele foi atrás do homem de Deus e, achando-o sentado debaixo de um carvalho, perguntou-lhe: — Você é o homem de Deus que veio de Judá? Ele respondeu: — Sou eu mesmo.
15 Raajiin sunis, “Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu” jedheen.
15 Então o velho profeta lhe disse: — Venha comigo até a minha casa e coma alguma coisa.
16 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee deebiseef; “Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu.
16 Mas o profeta de Judá respondeu: — Não posso voltar com você, nem entrar em sua casa. Não posso comer nem beber nada com você neste lugar.
17 Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
17 Porque me foi dito pela palavra do Senhor : “Ali, você não deve comer nem beber nada; também não deve voltar pelo caminho por onde foi.”
18 Jaarsi raajiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; “Ani iyyuu akkuma kee raajii dha. Ergamaan Waaqayyoo tokkos dubbii Waaqayyootiin akkana naan jedhe; ‘Akka inni buddeena nyaatee bishaan dhuguuf deebisii gara mana keetii isa fidi.’ ” Jaarsi sun garuu isa sobe.
18 O velho profeta respondeu: — Também eu sou profeta como você, e um anjo me falou por ordem do Mas isso era mentira.
19 Kanaafuu namni Waaqaa sun isa wajjin deebiʼee mana isaatti nyaatee dhuge.
19 Então ele voltou com o velho profeta e comeu e bebeu na casa dele.
20 Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin Waaqayyoo jaarsa raajii isa deebisee fide sanatti dhufe.
20 Estando eles à mesa, a palavra do Senhor veio ao profeta que o tinha feito voltar,
21 Innis nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sanatti iyyee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha, ‘Ati dubbii Waaqayyoo xureessiteerta; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kennes hin eegne.
21 e ele gritou para o homem de Deus que tinha vindo de Judá, dizendo: — Assim diz o
22 Ati dugda duuba deebitee lafa inni itti hin nyaatin yookaan hin dhugin siin jedhe sanatti buddeena nyaattee bishaan illee dhugdeerta. Kanaafuu reeffi kee awwaala abbootii keetii keessatti hin awwaalamu.’ ”
22 Você voltou, comeu e bebeu no lugar onde ele havia ordenado que você não deveria comer nem beber. Por isso, o seu cadáver não será sepultado no sepulcro dos seus pais.”
23 Yommuu namni Waaqaa sun nyaatee dhugee raawwatetti, raajiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef.
23 Depois que ele tinha comido e bebido, o velho profeta pôs a sela no jumento para o homem de Deus a quem ele tinha feito voltar.
24 Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan.
24 Ele foi embora e, no caminho, um leão o encontrou e o matou. O cadáver dele ficou estendido no caminho, e o jumento e o leão ficaram parados junto ao cadáver.
25 Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi raajiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.
25 Eis que alguns homens passaram e viram o corpo jogado no caminho, bem como o leão parado junto ao corpo. Então foram e o disseram na cidade onde o velho profeta morava.
26 Raajichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Inni nama Waaqaa kan dubbii Waaqayyootiif ajajamuu dide sanaa dha. Akkuma dubbiin Waaqayyoo isatti dubbatee ture sanatti Waaqayyo leenca cicciree isa ajjeesutti dabarsee isa kenne.”
26 Quando o profeta que o tinha feito voltar do caminho ouviu isso, disse: — É o homem de Deus que foi rebelde à palavra do
27 Raajiin sunis ilmaan ofii isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe; isaanis akkasuma godhan.
27 Então disse aos seus filhos: — Ponham a sela no meu jumento. E eles fizeram o que o pai pediu.
28 Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre.
28 Ele foi e encontrou o cadáver estendido no caminho, e o jumento e o leão parados junto ao cadáver. O leão não tinha devorado o corpo, nem despedaçado o jumento.
29 Kanaafuu raajiin sun booʼeefii isa awwaaluuf jedhee reeffa nama Waaqaa sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale.
29 Então o profeta levantou o cadáver do homem de Deus, pôs sobre o jumento e o levou de volta. Assim, o velho profeta entrou na cidade, para o chorar e sepultar.
30 Innis reeffa sana awwaala ofii isaa keessa ciibse; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii booʼaniif.
30 Depositou o cadáver no seu próprio sepulcro. E o prantearam, dizendo: — Ah, meu irmão!
31 Innis erga isa awwaalee booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; “Yoo ani duʼe awwaala namni Waaqaa kun itti awwaalame keessatti na awwaalaa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa.
31 Depois de o haver sepultado, disse aos seus filhos: — Quando eu morrer, sepultem-me no túmulo em que o homem de Deus está sepultado; ponham os meus ossos junto aos ossos dele.
32 Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii Waaqayyootiin labse sun dhugumaan ni guutamaatii.”
32 Porque certamente se cumprirá o que por ordem do Senhor ele clamou contra o altar que está em Betel e contra todos os templos que existem nos lugares altos das cidades de Samaria.
33 Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase.
33 Depois destas coisas, Jeroboão ainda persistiu em seu mau caminho; e continuou a constituir pessoas tiradas do meio do povo como sacerdotes para os lugares altos; a quem o desejasse, ele consagrava para sacerdote dos lugares altos.
34 Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.
34 Isso se tornou em pecado à casa de Jeroboão, para destruí-la e extingui-la da face da terra.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.