1 Reis 12

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
1 Roboão foi a Siquém, porque todo o Israel se tinha juntado ali para proclamá-lo rei.
2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni yeroo sanatti Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
2 E chegou essa notícia aos ouvidos de Jeroboão no Egito, onde ainda estava refugiado para escapar à face do rei Salomão.
3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi waldaan Israaʼel guutuun gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
3 Mandaram, pois, buscá-lo no Egito, onde habitava. Então Jeroboão foi com toda a assembléia de Israel e disseram a Roboão:
4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
4 Teu pai impôs-nos um jugo pesado; alivia agora a rude servidão e o pesado jugo que teu pai nos impôs, e seremos teus servos.
5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadiif deemaatii ergasii deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
5 Ele respondeu-lhes: Ide-vos e voltai à minha presença dentro de três dias. E o povo retirou-se.
6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
6 O rei Roboão consultou os anciãos que tinham servido ao seu pai Salomão durante a sua vida. Disse-lhes: Que me aconselhais responder a esse povo?
7 Isaanis, “Yoo ati harʼa tajaajilaa saba kanaaf taatee isaan tajaajiltee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
7 Se hoje fores amável com esse povo, responderam-lhe, e cederes, se lhe falares com benevolência, eles serão para sempre teus servos.
8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
8 O rei, porém, deixando de lado o conselho dos anciãos, foi consultar os jovens que tinham crescido com ele e eram seus familiares.
9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
9 Disse-lhes: E vós, que me aconselhais responder ao povo? Ele pede-me que eu alivie o jugo que lhe impôs meu pai.
10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni kunneen, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
10 Os jovens que tinham crescido com ele, responderam-lhe: Assim dirás a esse povo que te falou, dizendo: Teu pai tornou o nosso jugo pesado; tu, porém, alivia-nos - assim lhe dirás: Meu dedo mínimo é mais grosso que os rins de meu pai.
11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’ ”
11 Se meu pai vos impôs um jugo pesado, eu o farei ainda mais pesado. Se ele vos castigou com açoites, eu vos castigarei com escorpiões.
12 Bultii sadii booddee Yerobiʼaamii fi namoonni hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
12 Chegou o terceiro dia. Jeroboão, seguido de uma grande multidão, apresentou-se diante de Roboão, pois ele dissera: Voltai a mim dentro de três dias.
13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee
13 O rei falou com dureza ao povo. Sem fazer caso algum do conselho dos anciãos,
14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
14 respondeu ao povo como lhe aconselharam os jovens: Meu pai impôs-vos um jugo pesado? Pois eu o tornarei ainda mais pesado. Meu pai vos castigou com açoites? Pois eu vos castigarei com escorpiões.
15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
15 E o rei não atendeu ao povo, porque assim o dispusera o Senhor, para realizar a palavra que tinha dito a Jeroboão, filho de Nabat, por meio de Aías, de Silo.
16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan:
16 Vendo que o rei não os atendia, o povo respondeu-lhe: Que temos nós a ver com Davi? Que temos nós de comum com o filho de Isaí? Vai, pois, para as tuas tendas, ó Israel! Cabe a ti tratar de tua casa, ó Davi! E os israelitas retiraram-se para as suas tendas.
17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
17 Roboão reinou, no entanto, sobre os israelitas que habitavam em Judá.
18 Rehooboʼaam Mootichis, Adooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼel hundi immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeese. Rehooboʼaam Mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
18 O rei Roboão enviou Adurão, superintendente dos trabalhos, mas os israelitas apedrejaram-no e ele morreu. O rei subiu então precipitadamente no seu carro e fugiu para Jerusalém.
19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
19 Desse modo, separou-se Israel da casa de Davi até o dia de hoje.
20 Israaʼeloonni hundinuu akka Yerobiʼaam deebiʼe dhageenyaan nama itti erganii gara waldaatti isa waamanii Israaʼel hunda irratti mootii isa godhan. Gosa Yihuudaa qofatu mana Daawitiif amanamaa taʼee hafe.
20 Ouvindo os filhos de Israel que Jeroboão tinha voltado, convidaram-no à sua assembléia e aclamaram-no rei de todo o Israel. Só a tribo de Judá ficou fiel à casa de Davi.
21 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaam ilma Solomooniif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa hundaa fi gosa Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
21 Roboão, quando chegou a Jerusalém, reuniu toda a casa de Judá e a tribo de Benjamim, cento e oitenta mil guerreiros de escol, a fim de pelejar contra a casa de Israel, e restituir todo o reino a Roboão, filho de Salomão.
22 Garuu dubbiin Waaqaa kun akkana jedhee gara nama Waaqaa, gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
22 Mas Deus falou a Seméias, homem de Deus:
23 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatiin, Yihuudaa fi Beniyaam hundaan, saba hafeenis akkana jedhi;
23 Fala a Roboão, filho de Salomão, rei de Judá, bem como a toda a casa de Judá e de Benjamim, e a todo o resto do povo. Dize-lhes: Eis o que diz o Senhor:
24 ‘Waaqayyo akkana jedha; obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii akkuma Waaqayyo ajaje sanatti mana ofii isaaniitti dachaʼan.
24 Não façais guerra aos vossos irmãos, os israelitas. Volte cada um para a sua casa. Tudo isto se fez por minha vontade. Eles obedeceram à palavra do Senhor e voltaram, como lhes ordenara.
25 Yerobiʼaamis ergasii biyya gaaraa Efreem keessatti Sheekemin jabeessee ijaaree achi jiraate. Achiis baʼee Phenuuʼeelin ijaare.
25 Jeroboão construiu Siquém na montanha de Efraim, e residiu ali. Depois deixou Siquém para edificar Fanuel.
26 Yerobiʼaam akkana jedhee garaa isaatti yaade; “Amma mootummaan mana Daawitiif ni deebiʼa.
26 E disse consigo mesmo: Pode bem ser que o reino volte para a casa de Davi.
27 Namoonni kunneen yoo mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Yerusaalem jiru sanatti aarsaa dhiʼeessuuf ol baʼan amma illee gara gooftaa isaanii Rehooboʼaam mooticha Yihuudaatti garagalu. Isaan na ajjeesanii gara Rehooboʼaam Mootichaatti deebiʼu.”
27 Se o povo subir a Jerusalém para oferecer sacrifícios no templo do Senhor, e o seu coração se voltar para o seu senhor, Roboão, rei de Judá, matar-me-ão e se voltarão para Roboão, rei de Judá.
28 Kanaafuu mootichi mariʼatee jabbiiwwan lama warqee irraa tolche. Namoota sanaanis, “Yerusaalemitti ol baʼuun akka malee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel waaqonni keessan kanneen Gibxii baasanii isin fidan kunoo ti” jedhe.
28 Depois de ter refletido bem, o rei mandou fazer dois bezerros de ouro e disse ao povo: Basta de peregrinações a Jerusalém! Eis aqui, ó Israel, o teu Deus que te tirou do Egito.
29 Innis jabbii tokko Beetʼeel keessa, kaan immoo Daan keessa dhaabe.
29 Pôs um bezerro em Betel e outro em Dã.
30 Wanni kunis cubbuu itti taʼe; namoonnis jabbii achi jiru sana waaqeffachuuf hamma Daanitti deeman.
30 Isso foi uma ocasião de pecado, porque o povo ia até Dã para adorar um desses bezerros.
31 Yerobiʼaamis gaara irratti iddoo sagadaa ijaaree saboota Lewwota hin taʼin keessaa luboota muude.
31 Jeroboão construiu também templos em lugares altos, onde estabeleceu como sacerdotes homens tirados do meio do povo, e que não eram levitas.
32 Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaa keessa ayyaana akkuma ayyaana Yihuudaa keessatti ayyaaneffame sanaa tokko hundeessee iddoo aarsaa irratti qalma dhiʼeesse. Kanas fakkiiwwan jabbii kanneen tolchee ture sanaatiif aarsaa dhiʼeessuudhaan Beetʼeelitti hojjete. Akkasumas Beetʼeelitti iddoo sagadaa kan gaara irratti ijaaree ture sanatti luboota ramade.
32 Instituiu também uma festa no oitavo mês, no décimo quinto dia do mês, à semelhança da que se celebrava em Judá, e subiu ao altar. Fez o mesmo em Betel, sacrificando aos bezerros que tinha mandado fazer. Estabeleceu igualmente em Betel sacerdotes para os lugares altos que tinha edificado.
33 Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaatti jiʼuma ofii filate keessa gara iddoo aarsaa kan Beetʼeelitti ijaare sanaatti ol baʼe. Saba Israaʼeliifis guyyaa ayyaanaa hundeessee ixaana aarsuuf gara iddoo aarsaatti ol baʼe.
33 No décimo quinto dia do oitavo mês, isto é, no mês que tinha escolhido a seu bel-prazer, subiu ao altar que tinha edificado em Betel para celebrar a festa com os israelitas. Subiu ao altar para queimar o incenso.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.