1 Reis 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan.
1 O rei Salomão, além da filha do faraó, amou muitas mulheres estrangeiras: moabitas, amonitas, edomitas, sidônias e hitéias,
2 Jarri kunneen saboota Waaqayyo, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame.
2 pertencentes às nações das quais o Senhor dissera aos israelitas: Não tereis relações com elas, nem elas tampouco convosco, porque certamente vos seduziriam os corações arrastando-os para os seus deuses.
3 Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan.
3 A estas nações uniu-se Salomão por seus amores. Teve setecentas esposas de classe principesca e trezentas concubinas. E suas mulheres perverteram-lhe o coração.
4 Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
4 Sendo já velho, elas seduziram o seu coração para seguir outros deuses. E o seu coração já não pertencia sem reservas ao Senhor, seu Deus, como o de Davi, seu pai.
5 Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe.
5 Salomão prestou culto a Astarte, deusa dos sidônios, e a Melcom, o abominável ídolo dos amonitas.
6 Solomoonis akkasiin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti Waaqayyo duukaa hin buune.
6 Fez o mal aos olhos do Senhor, não lhe foi inteiramente fiel como o fora seu pai Davi.
7 Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare.
7 Por esse tempo edificou Salomão no monte, que está a oriente de Jerusalém, um lugar alto a Camos, deus de Moab, e a Moloc, abominação dos amonitas.
8 Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
8 E o mesmo fez para todas as suas mulheres estrangeiras, que queimavam incenso e sacrificavam aos seus deuses.
9 Waaqayyos sababii garaan Solomoon Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare.
9 O Senhor irritou-se contra Salomão, por se ter seu coração desviado do Senhor, Deus de Israel, que lhe aparecera por duas vezes,
10 Waaqni akka Solomoon waaqota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Solomoon ajaja Waaqayyoo hin eegne.
10 e lhe tinha proibido expressamente que se unisse a deuses estranhos. Mas não seguira as ordens do Senhor.
11 Kanaafuu Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe; “Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna.
11 O Senhor disse-lhe então: Já que procedeste assim, e não guardaste a minha aliança, nem as leis que te prescrevi, vou tirar-te o reino e dá-lo ao teu servo.
12 Taʼus ani sababii abbaa kee Daawitiif jedhee waan kana bara jireenya keetii keessa hin godhu. Harka ilma keetii keessaa mootummaa kana nan baqaqsa.
12 Todavia, em atenção ao teu pai Davi, não o farei durante a tua vida. Tirá-lo-ei, sim, mas da mão de teu filho.
13 Taʼus ani mootummaa sana guutumaan guutuutti isa irraa hin baqaqsu; garuu ani sababii garbicha koo Daawitii fi sababii Yerusaalem ishee ani filadhe sanaatiif jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”
13 Não lhe tirarei o reino todo, mas deixarei ao teu filho uma tribo, por amor de meu servo Davi, e por amor de Jerusalém, a cidade que escolhi.
14 Waaqayyo diina tokko namicha Hadaad jedhamu kan gosa Edoom namicha sanyii moototaa tokko Solomoonitti kaase.
14 O Senhor suscitou um inimigo a Salomão: Hadad, o edomita, da linhagem real de Edom.
15 Duraan yeroo Daawit Edoomiin wal lolaa turetti, Yooʼaab ajajaan loltootaa kan warra duʼe awwaaluu dhaqe sun namoota Edoom hunda barbadeesse.
15 No tempo em que Davi estava em guerra contra Edom, quando Joab, general do exército, foi sepultar os mortos e matou todos os varões de Edom
16 Yooʼaabii fi Israaʼeloonni hundinuu hamma namoota Edoom keessa jiraatan hunda fixanitti jiʼa jaʼa achi turan.
16 {Joab, com efeito, demorou-se ali seis meses com todo o Israel, até exterminar todos os varões de Edom.}
17 Hadaad garuu yeroo sana mucaa xinnaa ture; innis qondaaltota Edoom kanneen abbaa isaa tajaajilaa turan wajjin Gibxitti baqate.
17 Hadad fugiu com os edomitas, servos de seu pai, na direção do Egito.
18 Isaanis Midiyaanii kaʼanii Phaaraan dhaqan. Phaaraan keessaas namoota fudhatanii gara mooticha Gibxi, gara Faraʼoon dhaqan; Faraʼoonis mana, lafa inni qubatuu fi nyaata Hadaadiif kenne.
18 Hadad era então muito criança. Partiram de Madiã e foram a Farã; dali, levando consigo homens de Farã, entraram no Egito e foram ter com o faraó, rei do Egito. Este deu-lhes casa, proveu ao seu sustento e doou-lhes terras.
19 Faraʼoon akka malee Hadaaditti gammadee obboleettii niitii isaa, obboleettii Tahifenees Mootittii isatti heerumsiise.
19 Hadad ganhou a simpatia do faraó, que lhe deu por mulher sua cunhada, irmã da rainha Tafnes.
20 Obboleettiin Tahifenees sunis ilma Geenbaat jedhamu tokko deesseef; Taahefenee mucaa sana fuutee masaraa mootummaa keessatti guddifte. Genubatis ijoollee Faraʼoon wajjin achi jiraate.
20 Desta irmã de Tafnes teve Hadad um filho, Genubat, que Tafnes criou na casa do faraó. E Genubat habitou no palácio com os filhos do faraó.
21 Hadaad utuu biyya Gibxi keessa jiruu akka Daawit abbootii ofii isaa wajjin boqotee fi akka Yooʼaab ajajaan loltootaa sunis duʼe ni dhagaʼe. Hadaadis Faraʼooniin, “Akka ani biyya kootti deebiʼuuf naa eeyyami” jedhe.
21 Quando Hadad ouviu dizer, no Egito, que Davi adormecera com seus pais, e que Joab, general do exército, estava morto, disse ao faraó: Deixa-me voltar para a minha terra.
22 Faraʼoon immoo, “Ati maal asii dhabdee biyya keetti deebiʼuu feeta?” jedhee isa gaafate.
22 O faraó respondeu-lhe: Falta-te algo em minha casa, para que queiras voltar para a tua terra? Nada me falta, respondeu; mas deixa-me partir assim mesmo. Hadad voltou, pois, para a sua terra. E eis o mal que fez: tornou-se rei de Edom e tratou Israel como inimigo.
23 Waaqni amma illee diina biraa Rezoon ilma Eliyaadaa namicha gooftaa isaa Hadaadezer mootichaa Zoobaa jalaa baqate sana Solomoonitti kaase.
23 Deus suscitou outro inimigo a Salomão: Razon, filho de Eliada, que fugira de seu senhor Hadadezer, rei de Soba.
24 Innis yeroo Daawit loltoota Suubaa barbadeessetti namoota of biratti walitti qabatee hoogganaa tuuta finciltootaa taʼe; finciltoonni sunis Damaasqoo dhaqanii achi jiraatan; isas achitti mootii godhatan.
24 Após os massacres de Davi, juntara homens em torno de si, tornando-se chefe de quadrilha. Atacaram Damasco, onde se estabeleceram, e constituíram-no rei em Damasco.
25 Reezoon rakkina Hadaad fide sanatti dabalee bara jireenya Solomoon hunda diina Israaʼel ture. Reezoon bulchaa Sooriyaa ture; Israaʼelinis akka malee jibbaa ture.
25 Foi inimigo de Israel durante toda a vida de Salomão.
26 Yerobiʼaam ilmi Nebaat mootichatti fincile. Innis qondaaltota Solomoon keessaa nama tokko ture; inni nama gosa Efraataa kan Zereedaadhaa dhufe ture; haati isaa immoo niitii dhirsa hin qabne kan Zeruwaa jedhamtu turte.
26 Também Jeroboão, filho de Nabat, efrateu de Sareda {filho de uma viúva chamada Sarva}, que estava a serviço de Salomão, revoltou-se contra o rei.
27 Sababiin inni ittiin mootichatti kaʼes kanaa dha: Solomoonis Miiloo ijaaree dallaa magaalaa abbaa isaa Daawit deebisee haaromse.
27 Eis em que circunstâncias ele se revoltou contra o rei: Salomão construía Milo para fechar a brecha da cidade de Davi, seu pai.
28 Yerobiʼaam goota cimaa ture; Solomoonis akka dargaggeessi sun jabaatee hojii isaa hojjetu arginaan itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa kan mana Yoosef hundaa isa godhe.
28 Ora, Jeroboão era um jovem enérgico, e Salomão, vendo-o tão laborioso, confiou-lhe a superintendência de todos os trabalhadores da casa de José.
29 Gaaf tokko utuu Yerobiʼaam Yerusaalem keessaa baʼaa jiruu Ahiiyaan raajichi Shiiloo kaabbaa haaraa uffatee isatti dhufe. Isaan lachuu kophuma isaanii ala turan;
29 E aconteceu que um dia, saindo Jeroboão de Jerusalém, encontrou-se em caminho com o profeta Aías de Silo, vestido com um manto novo. Estavam os dois sós no campo.
30 Ahiiyaan kaabbaa haaraa uffate sana fuudhee iddoo kudha lamatti gargari tarsaase.
30 Então Aías, tomando o manto novo que trazia, rasgou-o em doze pedaços.
31 Ergasiis Yerobiʼaamiin akkana jedhe; “Qooda kudhan ofii keetii fudhadhu; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Kunoo ani harka Solomooniitii mootummaa baqaqsee gosa kudhan siifin kenna.
31 Toma para ti dez pedaços, disse ele a Jeroboão, pois isto diz o Senhor, Deus de Israel: Vou arrancar o reino das mãos de Salomão, e dar-te-ei dez tribos.
32 Garuu sababii garbicha koo Daawitii fi sababii magaalaa Yerusaalem kan ani gosa Israaʼel hunda keessaa filadhe sanaatiif inni gosa tokko ni argata.
32 Mas, em atenção ao meu servo Davi e à cidade de Jerusalém, que escolhi dentre todas as tribos de Israel, ficar-lhe-á ainda uma tribo.
33 Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqittii Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha Moʼaabotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawit abbaan Solomoon hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.
33 Abandonaram-me, prostraram-se diante de Astarte, deusa dos sidônios, diante de Camos, deus de Moab e diante de Melcom, deus dos amonitas. Não andaram em meus caminhos, para fazer o que é bom diante de meus olhos e observar minhas leis e ordens, como o fez Davi, pai de Salomão.
34 “ ‘Ani garuu mootummaa sana guutumaan guutuutti harka Solomoonii hin fuudhu; ani sababii Daawit garbicha koo kan ani filadhe, kan ajaja koo fi sirna koo eege sanaatiif jedhee Solomoonin bara jireenya isaa guutuu bulchaa godheera.
34 Contudo, não lhe tirarei todo o reino, mas deixá-lo-ei governar todos os dias de sua vida, por amor de meu servo Davi, a quem escolhi, o qual guardou os meus mandamentos e os meus preceitos.
35 Ani harka ilma isaatii mootummaa sana fuudhee gosa kudhan siifin kenna.
35 Tirarei, porém, o reino das mãos do filho de Salomão, para dar-te dez tribos.
36 Ani akka garbichi koo Daawit yeroo hunda Yerusaalem magaalaa ani Maqaa koo achi kaaʼachuuf filadhe sana keessatti fuula koo duratti ibsaa qabaatuuf jedhee gosa tokko ilma isaatiif nan kenna.
36 Deixarei uma tribo ao seu filho, para que meu servo Davi tenha sempre uma lâmpada diante de mim em Jerusalém, cidade que escolhi para estabelecer nela o meu nome.
37 Siʼi garuu ani nan fudhadha; atis waan garaan kee fedhu hunda ni bulchita; Israaʼel irratti mootii ni taata.
37 Tomo-te, pois, para reinares sobre tudo o que possas desejar. Serás rei de Israel.
38 Yoo ati akkuma garbichi koo Daawit hojjete sana, waan ani si ajaju hunda hojjettee karaa koo irra deemte, yoo ati sirnaa fi ajaja koo eeguudhaan waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hojjete, ani si wajjin nan taʼa. Anis mootummaa bulu kan akkan Daawitiif dhaabe sanaa siifis nan dhaaba; akkasumas Israaʼelin sitti nan kenna.
38 E se obedeceres a todas as minhas ordens, se andares pelos meus caminhos, se fizeres o bem diante de mim, observando os meus preceitos e os meus mandamentos, como fez meu servo Davi, eu estarei contigo. Edificar-te-ei uma casa estável, como edifiquei para Davi, e te entregarei Israel.
39 Ani waan kanaaf jedhee sanyii Daawit nan dhiphisa; garuu bara baraanii miti.’ ”
39 Humilharei assim a descendência de Davi, mas não para sempre.
40 Solomoonis Yerobiʼaamin ajjeesuu yaale; Yerobiʼaam garuu gara Shiishaaq mooticha Gibxitti baqatee hamma Solomoon duʼutti achuma ture.
40 Salomão procurou matar Jeroboão, mas este fugiu para junto do rei Sesac, no Egito, onde permaneceu até a morte de Salomão.
41 Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Solomoon keessatti barreeffamanii jiru mitii?
41 O resto da história de Salomão, todos os seus atos, a sua sabedoria, tudo está escrito no livro dos Atos de Salomão.
42 Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
42 Salomão reinou sobre todo o Israel durante quarenta anos, em Jerusalém.
43 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
43 Depois adormeceu com seus pais e foi enterrado na cidade de seu pai Davi. Roboão, seu filho, tornou-se rei em seu lugar.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.