1 Reis 10

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomooniitii fi ulfina inni maqaa Waaqayyootiif qabuu dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Solomoon dhufte.
1 A rainha de Sabá soube da fama que Salomão tinha alcançado, graças ao nome do Senhor, e foi a Jerusalém para pô-lo à prova com perguntas difíceis.
2 Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee Yerusaalem dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte.
2 Quando chegou, acompanhada de uma enorme caravana, com camelos carregados de especiarias, grande quantidade de ouro e pedras preciosas, foi até Salomão e lhe fez todas as perguntas que tinha em mente.
3 Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni mootichi isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre.
3 Salomão respondeu a todas; nenhuma lhe foi tão difícil que não pudesse responder.
4 Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare,
4 Vendo toda a sabedoria de Salomão, bem como o palácio que ele havia construído,
5 nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.
5 o que era servido em sua mesa, o lugar de seus oficiais, os criados e copeiros, todos uniformizados, e os holocaustos que ele fazia no templo do Senhor, ela ficou impressionada.
6 Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha.
6 Disse ela então ao rei: "Tudo o que ouvi em meu país acerca de tuas realizações e de tua sabedoria era verdade.
7 Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti wantoota kanneen hin amanne. Dhugumaan walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati ogummaa fi badhaadhummaadhaan oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta.
7 Mas eu não acreditava no que diziam, até ver com os meus próprios olhos. Na realidade, não me contaram nem a metade; tu ultrapassas em muito o que ouvi, tanto em sabedoria como em riqueza.
8 Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan!
8 Como devem ser felizes os homens da tua corte, que continuamente estão diante de ti e ouvem a tua sabedoria!
9 Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqayyo sababii Israaʼeliif jaalala bara baraa qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf mootii si godheera.”
9 Bendito seja o Senhor, o teu Deus, que se agradou de ti e te colocou no trono de Israel. Por causa do amor eterno do Senhor para com Israel, ele te fez rei, para manter a justiça e a retidão".
10 Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa baayʼatu gonkumaa ergasii hin fidamne.
10 E ela deu ao rei quatro toneladas e duzentos quilos de ouro e grande quantidade de especiarias e pedras preciosas. E nunca mais foram trazidas tantas especiarias quanto as que a rainha de Sabá deu ao rei Salomão.
11 Dooniiwwan Hiiraam biyya Oofiir irraa warqee fidan; isaanis feʼiisa muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii baayʼee achii ni fidan.
11 ( Os navios de Hirão, que carregavam ouro de Ofir, também trouxeram de lá grande quantidade de madeira de junípero e pedras preciosas.
12 Mootichis muka sandalii sana utubaa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Mukni sandalii kan akkas baayʼatu ergasii hamma harʼaatti takkumaa alaa hin fidamne yookaan hin argamne.
12 O rei utilizou a madeira para fazer a escadaria do templo do Senhor e a do palácio real, além de harpas e liras para os músicos. Nunca mais foi importada nem se viu tanta madeira de junípero. )
13 Solomoon Mootichis waan qabeenya mootummaa ofii isaa keessaa kenneef irratti dabalee waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
13 O rei Salomão deu à rainha de Sabá tudo o que ela desejou e pediu, além do que já lhe tinha dado por sua generosidade real. Então ela e os seus servos voltaram para o seu país.
14 Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture;
14 O peso do ouro que Salomão recebia anualmente era de vinte e três toneladas e trezentos quilos,
15 kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi xixinnaa irraa argamuu fi galii inni mootota biyya Arabaa hundaa fi bulchitoota biyya keessaa irraa argatu hin dabalatu.
15 fora os impostos pagos por mercadores e comerciantes e por todos os reis da Arábia e pelos governadores do país.
16 Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe.
16 O rei Salomão fez duzentos escudos grandes de ouro batido, utilizando três quilos e seiscentos gramas de ouro em cada um.
17 Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche; tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee minnaanii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.
17 Também fez trezentos escudos pequenos de ouro batido, com um quilo e oitocentos gramas de ouro em cada um. O rei os colocou no Palácio da Floresta do Líbano.
18 Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise.
18 O rei mandou fazer ainda um grande trono de marfim revestido de ouro puro.
19 Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; karaa dugda duubaatiin fiixee geengoo tokko qaba. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture.
19 O trono tinha seis degraus, e o seu encosto tinha a parte alta arredondada. Nos dois lados do assento havia braços, com um leão junto a cada braço.
20 Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne.
20 Doze leões ficavam nos seis degraus, um de cada lado. Nada igual havia sido feito em nenhum outro reino.
21 Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne.
21 Todas as taças do rei Salomão eram de ouro, bem como todos os utensílios do Palácio da Floresta do Líbano. Não havia nada de prata, pois a prata quase não tinha valor nos dias de Salomão.
22 Mootichis dooniiwwan Hiiraam gidduudhaa dooniiwwan daldalaa galaana irraa qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.
22 O rei tinha no mar uma frota de navios mercantes junto com os navios de Hirão. Cada três anos a frota voltava, trazendo ouro, prata, marfim, macacos e pavões.
23 Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture.
23 O rei Salomão era o mais rico e o mais sábio de todos os reis da terra.
24 Addunyaan hundinuu ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaada ture.
24 Gente de todo o mundo pedia audiência a Salomão para ouvir a sabedoria que Deus lhe tinha dado.
25 Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.
25 Ano após ano, todos os que vinham traziam algum presente: utensílios de prata e de ouro, mantos, armas e especiarias, cavalos e mulas.
26 Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.
26 Salomão juntou carros e cavalos; possuía mil e quatrocentos carros e doze mil cavalos, dos quais mantinha uma parte nas guarnições de algumas cidades e a outra perto dele, em Jerusalém.
27 Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu godhe.
27 O rei tornou a prata tão comum em Jerusalém quanto as pedras, e o cedro tão numeroso quanto as figueiras bravas da Sefelá.
28 Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.
28 Os cavalos de Salomão eram importados do Egito e da Cilícia, onde os fornecedores do rei os compravam.
29 Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.
29 Importavam do Egito um carro por sete quilos e duzentos gramas de prata, e um cavalo por um quilo e oitocentos gramas, e os exportavam para todos os reis dos hititas e dos arameus.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Reis 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.